Koronaavaayiras: Finfinneen maaliif jiddugala tatamsa'ina Covid-19 taatee?

Finfinnee

Madda suuraa, Sean Gallup

Itoophiyaatti namni vaayirasiin Covid-19n qabame kan jalqabaa erga mirkanaa'ee baatiiwwan lama guuteera.

Baatiiwwan kanneen keessattis kan kaleessa alkan Naannoo Harariitti argame tokko dabalate tatamsa'inni vaayirasichaa naannoolee biyyattii saddeetiifi bulchiinsa magaaloota lamaa keessatti mullateera.

Namoota guutuu biyyattii keessatti vaayirsichaan qabamuun saanii mirkanaa'ee 433 keessaa kan 268 ta'an ammoo Magaalaa Finfinnee keessa akka jiraatan odeeffannoon Ministeera Fayyaa ni mullisa.

Magaalattiiti namoonni vaayirasichaan qabaman bulchinsoota magaalaa hunda keessatti argaman illeen namoonni baayyeen garuu bulchiinsa magaalaa Lidataa keessatti akka argaman odeeffannoon kun ibseera.

Kana malees namoonni kanneen vaayirasichaan qabaman ykn seenaa imala biyya alaa hinqabne hedduu irratti vaayirasichi argamunsaa yaaddoo olaanaa umaa jira. Namoonni akkanaa kunis baayinaan Bulchiinsa magaalaa Lidataafi Addis Katamaa keessatti argamu jedhameera.

Magaalaan Finfinnee maaliif akkasiin jiddu gala vaayirasichaa taate? gaaffii jedhuu sababiiwwan adda addaa kan kennaman ta'ulleen, tessumaa Gamtaa Afriikaafi dhaabbilee idil-addunyaa hedduu ta'usheetiin walqabatee namoota jalqaba vaayirasichi irratti argamee irraa kaasee magaalattiin lammiilee biyyoota biraa hedduu keessummeessuu isheetiin kan wal qabatu ta'u himama.

Akkasumas osoo biyyattiin labsii dirqiin adda bahanii guyyoota 14'f turu hojiirra oolchuu hineegaliin dura, namoonni vaayirasichaan qabamuun gara biyya keessa galanii turan namoota biraatti dabarsanii ta'u mala kan jedhanis hedduudha.

Kana malees namoota jalqabarratti vaayirasichaan qabamunsaanii mirkannaa'e keessaa hedduunsaanii kan seenaa imala biyya alaa qabaniidha. Keessattu imaltoonni Dubaayi irraa dhufan hedduu ta'u himama.

Namoonni kunneenis tibba magaalattii keessa darbaniifi turaniitti vaayirasicha dabarsuun saanii kan hinollee ta'u shakkama.

Ta'us magaalaa guddittiin biyyattii jiddugala vaayirasichaa ta'usheetiin walqabatee, keessattuu jiraattoonni bulchiinsa Magaalaa lamaan eeraman kanneen keessa jiraatan haala baayyee walitti maxxanuun waan jiraataniifu tatamsa'ina vaayirasichaa akka hincimsine oggeessoonni sodaa qaban ibsu.

Bulchinsi Magaalaa Addis Katamaa jiddugala gabaa guddaa Markaatoo yoo ta'u, sochiileen bakka gabaa kanaa gara kallattii biyyatti hundatti taasifamaa jiruus dhimmicha caalaa yaachisaa taasiseera.

Biiroon Fayyaa Magaalaa Finfinnee sochii mana manarra deemuun adda baasuuf marsaa tokkooffaan taasiseen, manneen jireenyaa kuma 900 oli deemuun namoota miliyoona 3.1 waa'ee Covid-19 irra hubannoo cimsuuf hojii hojjachuun ibseera. Ammas marsaa lammaffaan hojjatamaa jiraachu himameera.

Kana malees kaleessa galgala keessa namni tokko dabalataan Naannoo Harariitti vaayirasichaan qabamunsaa mirkanaa'uu Ministirri Fayyaa himeera. Kanaafuu naannoo Gambeelaatiin alatti biyyattiitii vaayirasichi bakka hunda gaheera.

Godinaalee biyyattii keessatti argaman gara 80 ta'an keessaa kanneen 40 ta'an keessatti vaayirasiin kun mullachu isaa ragaan Ministeera Fayyaa irraa argame ni ibsa.

Namoota baatiiwwan darban lama keessatti vaayirasichaan qabamunsaanii mirkana'ee keessaayis kanneen torban lamaan darban keessatti mirkanaa'e kan caalu ta'u ibsi guyyaa guyyaan Miniteera Fayyaafi Institiyuutii Fayyaa Hawaasaatiin kennamu ni mullisa.

Akka ibsa kanaattis namoonni baatiiwwan duraa lamaan keessa vaayirasichaan qabamuunsaanii mirkanaa'ee 135 yoo ta'u, torban lamaan darba ammoo namoota 230 ta'utu adda baafameera.

Jalqaba torban kanaa Wiixata namoota 35 Covid-19n qabamuun himamee ture. Lakkoofsi kunis hanga ammaatti lakkoofsa baayyee guyyaa tokkootti galmaa'eedha. Guyyaa itti aanu Kbixata ammoo namoonni 14 itti dabalamuun galmaa'eera.

Itti aansee ammoo guyyaa Roobii qorannoo saamuda namoota 3,460 irratti gaggeefameen dabalataan nammoonni 24 vaayirasichaan qabamuun adda bahe.

Akkasumas Kaleessa guyyaa keessa namoota 11 himameen alatti galgala keessa namni tokko Naannoo Haraariitti argamuun himamee dabalatee kan harraa 34 waliin hanga ammaatti namoonni 433 qabamuun himameera.

Namoonni kanneen vaayirasichaan qabaman waliin hidhata qabaniifi kanneen omaa seenaa imala biyya alaafi namoota vaayirasichaan qabaman waliin walitti dhufeenya hinqabne baayyachuun ammoo dhimmicha caalaa yaachisaa taasiseera.

Keessattu hawaasichi gorfa kennamuuf hojiirra olchuun of eeggannoo barbaachisu taasisuu dhabuu Ministeer Fayyaa fi Insititiyuutiin Fayyaa Hawaasaa kan dubbatu.

Kanaafuu namoonni fageenya meetira lamaa akka eeggatan, harka yeroo yeroon saamunaan akka dhiqatan, dirqii yoo ta'e malee mana akka turanfi kan bahan yoo ta'e ammoo maaskii akka uffataniif gorfamu.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa