Gaazexeessituu LTV Beeteliheem Taaffasaa: 'Beetiiidhaaf ammas balballi keenya banaadha' jedhu Dr Gammachiis Dastaa

Madda suuraa, Gemechis Buba
Gaazexeessituun LTV Beeteliheem Taaffasaa (Beetii), hojii gadhiisuushee erga beeksistee booda, abbaan qabeenyaa miidiyichaa Luba Dr. Gammachiis Dastaa, komii gaazexeessituun kun kaastu furuuf yeroo adda addaatti yaalii gochaa turre jechuun BBCtti himaniiru.
Guyyoota muraasaan dura gaazexeessituun miidiyaa dhuunfaa LTV Beeteliheem Taaffasaa (Beetii), dhiibbaa fi doorsisatu narra ga’e jechuun xalayaa galfattee miidiyacha gadi dhiisuushee BBCtti himtee turte.
Gaazexeessituun kun wayita biyyattiin goolama siyaasaa keessa turtee fi fedhiiwwan siyaasaa qaamolee garaagaraa irraa garmalee calaqqisaa turanitti, dhimmoota siyaasaa, hawaasumama fi diinagdeerratti qaamolee dhimmi ilaallatu dhiyeessuudhaan hawaasa biratti beekamteetti.
Wayita oduun hojii gadi dhiisuushee dhagahamus dhimmichi ajandaa guddaa ta’eera.
Dhimma kanarratti kan dubbisne abbaan qabeenyaa miidiyichaa Luba Dr. Gammachiis Dastaa, komii gaazexeessituun kun kaastu furuuf yeroo adda addaatti yaalii gochaa turre jedhan.
''Obboleettii keenya Beeteliheem baayyee kabajna, ni jaal’anna, yeroo dheeraas kan nu waliin hojjetteedha,’’ jechuun kabajaa fi jaalala qabaniif ibsan Dr Gammachiis.
Haala yeroo ammaa miidiyicha keessa jiru itti dhiyeenyaan hordofaa akka hin jirre kan hin haalle Dr Gammachiis, ’’Beeteliheemiif hamma humni manichaa danda’etti baay’ee kunuunsaa akka waliin hojjetan inuma dubbanna.
Yeroo ammaa garuu haala addunyaan yeroo ammaa keessa jirturraa kan ka’e halaala waanan jiruuf haala guyyaa guyyaa miidiyaa hin beeku,’’ jedhan.
Dr Gammachiis gaazexeessituu Beetii gareewwan teekinikaa fi gulaaltota isheerraa komii akka qabdu irra deddeebiin dhaga'aa turuu himan.
''Muummeen teekinikaa, gulaaltonni, ogeeyyiin kaameeraa nan deggeran jechuun wayitasheen himattu kallattiidhaan ajaja dabarsaafii turre. Akkasaan sirriitti deggeranii fi hojjetan. Namas gegeeddaraafii turan. Akka isheef ta’utti akka hojjettuuf nama ni geeddaruuf,’’ jedhan.
Miidiyaan kun miidiyaa haaraa ta’urraan kan ka’e waan isheen barbaaddu hundumaa guutuufii dhiisuu danda’a kan jedhan Dr Gammachiis, ‘’akkasheen miidhamtuuf waan hojjetan natti hin fakkaatu, an hammanuman beeka,’’ jedhan.
'Rakkoo irra ga'eef yeroo golgaa dhabde dhagahee hin beeku'
Gaazexeessituu Beeteliheem Taaffasaa yeroo baay’ee dhimmoota siyaasaa falmisiisaa ta’an dhiyeessuudhaan beekamti, kanaanis doorsisni fi aggaammiin haleellaa irra ga’uu kan dubbatte yoo tahu, manni hojiishee homaatuu naaf hin goone jechuun komatteetti.
Kana quba qabduu jennee Dr Gammachiisiin gaafannaan akkas jedhan: ‘’Eeyyeen, miidiyaa hawaasummaarratti duulli hedduun gaazexeessitoota ciccimoo biyya keenyaarratti ni gaggeeffama.
Isheenimmoo ija jabinaan dubbii ciccimaatti waan buutuuf rakkoon ishee mudata. Abbaa Taayitaa Biroodkaastiirraa gaaffiin ishee ilaallatu wayita ka’u manichi deebii in laata.
Dhuunfaadhaan wanti ishee bira dhufee manni golgaa dhowwate yoo jiraate bulchiinsa manichaa gaafachuudha, isaantu beeka,’’ jedhan.
‘’Garuu hanga ammaatti dhimma lama kan isheedhaan walqabatu qofan yaadadha: Dhiimma Abbaa Taayitaa Biroodkastiirraa dhufee fi komii Ahaaduu miidiyaa. Isaan sanaaf ammoo LTVn deebii ga’aa kenneera.
Kanaan achi alaa dhiibbaa isheerraa ga’eefi xalayaadhaan waan ishee akeekkachiisan an hin beeku, dhugaa dubbachuuf waanan keessaa quba qabu hin qabu,’’ jedhan.
'Beetiidhaaf kunuunsa addaatu godhamaaf'

Madda suuraa, Beteliheem Taaffessee
Gaazexeessituun kun dhiibbaa ture hifattee manichaa ba’uuf xalayaa erga galfattee booda, gaaffiinshee fudhatama argachuu dubbatti.
Erga taateen kun raawwatee isin dubbisuuf yaaltanii beektuu jennee isa gaafanneef Dr Gammachiis Dastaa akkas jedhan:
''Sagantaa ishee kana deggeruuf waggoota lamaan darban kana keessatti yoo xiqqaate torbanitti osoo waliif hin bilbilin, osoo wal hin dubbisin turree hin beeknu.
Akkuma kanaan dura deggersa gooneefii sadarkaa kanarraan geenye ammas deggersi keenya hin dhaabatu,’’ jedhan.
‘’Yeroo baay’ee boqonnaa fudhachuu akka barbaadduu fi teessee of ilaaluu akka barbaaddu ni dubbatti turte. Wayitasheen iyyannaa galfattees sanumarraati jennee fudhanne.
Garuu ammas manasheeti, balballi banaadha isheedhaaf. Yeroosheen xalayaa sana barreessites kanuman itti hime,’’ jedhan.
Rakkoo turerratti waliin dubbachuusaanii kan eeran Dr Gammachiis, ‘’inumaa hanga garee teekinikaa mataa keetii siif dhaabuutti ni deemna jedheeraan.
Ogeeyyii kaameeraa fi gulaaltota addatti siif kennina jedheeraan. Har’as boris balballi banaadha. Namni kennaa qabu kamiyyuu miidiyaa kana seenee hojjechuu danda’a.
Manichi ajandaa biraa qaba osoo hin taane biyya ijaaruuf, dhaloota ijaaruuf akkasumas yaada warra cunqurfamtootaa fi alatti gadi dhiibamaniif sagalee ta’uuf kan ijaarameedha,’’ jedhan.
Garee teekinikaa addatti hundeessuu fi yaadota furmaataa amma kaastan duraan osoo rakkoon kun hin mudatin maaliif hin raawwanne jechuunis gaafanneerra.
‘’Kana gooneerraaf. Si’a sadi, afur gareen jijjiirameeraaf. Kunuunsa addaatu isheedhaaf godhama. Isheenis kana beekti. Nama gadi qabuun, nama gaddisiisuun qajeeltoo mana hojii keenyaa miti, kaayyoo keenyas miti, tasa. Itti gammaddee akkasheen hojjettu barbaanna,'' jechuun BBCtti himaniiru.















