Gaazexeessituu Beteliheem: "Hojiikoo ittuman fufa"

Madda suuraa, Bethlehem Taffese/Facebook
Tibbana Televizhinii LTV irratti gaaffiifi deebii dura taa'aa Paartii Sosochii Amaaraa Dr. Dassaaleny Caannee, Beteliyeem Taaffasee waliin taasise hordofee buufata televizhinichaaf akeekkachiisni kennameera jedhamuun miidiyaalee hawwaasaa irratti ibsamaa ture.
Bulchiinsa humna namaa LTV kan tahan Aadde Addis Birhaanuu akeekkachiisni isaaniif kenname akka hin jirree BBCtti himanii Abbaa Taayitichaa miidiyaalee waliin marii wal gamagamuu taasiseen gaaffiifi deebiin sun ka'ee ture jedhan.
"Haalaa siyaasaa yeroo ammaa jiru waliin kan hin deemneefi waanta jirus kan ittuu hammeessu waan ta'eef sirrii miti," yaadni jedhu akka kennameef ibsaniiru.
Walga'ii sanarratti akka hirmaatan kan dubbatan Aadde Addis LTV qophaatti waamee qaamni akeekkachiisa kenne akka hin jirre ibsaniiru.
Dhimmicha akka akeekkachiisaatti akka hin fudhanne kan dubbatan Aadde Addis, gaaffiifi deebiin sun miidiyaalee hawwaasummaa irraa kaasuun yaada Abbaan Taayitaa Biroodkastii kenne waliin wal hin qabatu jedhaniiru.
"Miidiyaalee hawwaasummaarraa gaaffiifi deebii sana kan kaasne fedhaa ofii keenyaatiin. Arabsoon dhimma jireenya dhuunfaa gaazexeessituu kanaa tuqu waan baayyateef tasgabbeessuuf kaasneerra," jedhan.
Miidiyaalee hawwaasumaa irrattis Beteliheem akka waan hojii gadi dhiifteetti kan odeefamaa jirus waan dhugaa hin taane ta'uu himaniiru.
Isaan kana haa jedhan malee BBC waliin gaaffiif deebii kan goote Beteliheem Taaffese waan kanarraa addaa dubbatti.
"Abbaan Taayitaa Biroodkastii gaaffiifi deebiin sun akka yuutuubiirraa ka'uufi buufata televiziyoonaa kana akka akeekkachiise, akkasumallee 'anis kanaan booda akkan sirreessee hojjedhu' ture kan waajirakootii natti himame" jette.
Beteliheem yaadni Itti Gaafatamtuun Bulchiinsa Humna Namaa Aadde Addis Birhaanee BBC'n kaleessa dubbisee sirrii miti jetti.
"Akka yaada mataa isaanii ta'etti naaf gala," jetti.
Itti dabaluun Beteliheem akka ibsitetti "Dhimmicha irratti osoo anaan hin gaafatiin dura nama humna namaa qacaruurra jirtuufi dhimmicha baayyee kan hin ilaallanne dubbisuun keessan gabaasa keesanitti akkan mufadhu na taasiseera," jette.
Itti gaafatamaashee kan ta'aniifi biyya Ameerikaa kan jiran abbaa qabeenyaa LTV waliin dhimmicha irratti waliin mari'achuushee kan dubbattu Beteliheem "hojiikoo ni hubata, na gargaaras." kan jettu waliin erga mari'atteen booda "hojiikoo ittan fufa" jetteetti.













