Walabummaa Miidiyaa: Aboon Abbaa Taayitaa Biroodkaastiingii Itoophiyaa hagami?

Madda suuraa, EBA/Facebook
Abbaan Taayitaa Broodkaasti Itoophiyaa Televizhiinii Tigraayii fi Itoophiyaan Niiwis Neetwoork(ENN) hiriira Ministira Muummee Dr. Abiy deeggaruuf Sambata darbee qophaa'e sababa hin gaabasiin hafan akka dhiyeessan gaafatee ture.
Teleevizhiiniin Tigraay hiriiricha kallattiin ta'uu baatuus gabaaseera jedha.
Abbaan Taayitaa Biroodkaastiingii Itoophiyaan ibsa dabalataaf barbaaduun isaa hojimaata dhaabbatichaatti bu'uudha jedhu hojii gaggeessaan Televizhiinii Tigraay Birhaanuu Abbaadii.
''Sagantaaleen darban heera biyyattii kan faallessan, uummata kan walitti buusaniifi mirgoota amantaa fi namoomaatti kan bu'an yoo ta'an abbaan tayitichaa aangoo gaafachuu qaba," jedhu.
"Sagantaalee kam dabarsite, kamimmoo hin dabarsine jedhee gaafachuuf garuu labsiin isa dandeessisu hin jiru,'' jedhu.
Abbaan taayitichaa yaada sabaa himaalee kana irraa barbaade maaliif kallattiin dabarsuu dhabdan kan jedhu osoo hin taane maaf yeroon gabaasuu dhabdan kan jedhu ta'uu beeksisee jira.
Gaaffiin kun sababa dhabbilee kanaa dhagahuun mari'aachuuf malee adabuuf akka hin taane eeruun, kunis aangoo Abbaa taayitichaaf kennameedha jedhu ogeessi komunikeeshinii Abbaa Tayitichaa Obbo Fiqaaduu Wubatee.
''Aangoo sana qaba. Abbaan Tayitichaa Sabaa himaaleen guddina dinagdee, hawaasummaa fi siyaasa biyyattii keessatti gahee bahan akka baay'atan hojjeta.''
Kana keessatti ammo ''fedha uummataa guutuu ilaalchisee dhaabbileen kun maal hojjechaa jiru jechuun hordoffii taasisa'' jedhan obbo Fiqaaduun.
Abbaan Taayitaa kun aboo gaaffilee dhiyeessuufi hordofuu qabaatus dhimmi alanaa hojimaata dhaabbileetti waan bu'u dha jedhu Ogeessa seeraa fi miidiyaa kana ta'an obbo Abduu Alii Hiijiraa.
''Televizhiinii Tigraayiin gaafachuu ni danda'a ta'a miidiyaa uummataa waan ta'eef. Miidiyaan biyyoolessaa waan dabarseef, ati tokkoo tokkoo isaa maaliif hin dabarsine, kana maal jettee bira dabarte jechuu garuu hin danda'u," jedhu.
"Kuni walabummaa hojimaata miidiyaaleetti bu'uudha,'' jedhu Obbo Abduun.
Hojjeechuu dhabuu isaaniin uummata biratti fudhatama dhabuu maluu kun garuu dhimma dirqama seeraa qabu miti jedhu.
Keessumaa sabaa himaaleen dhuunfaa dhimma kana irratti dirqama homaatuu hin qabaniis jedhaniiru Obbo Abduun.
Itoophiyaan Niiwus Neetwoorkiifi Televizhiiniin Tigraay yaada isaanii abbaa tayitichaaf akka dhiyeessan kan gaafataman guyyoota shan booda Adoolessa lamatti.












