Itoophiyaa: Gurgurtaa muuziqaa Youtube irraafi yaaddoo mirga abbummaa

Madda suuraa, Getty Images
Muuziqaas ta'ee hojiiwwan aartii biroo aadaafi duudhaa hawaasaa beeksisuu, dhalootarraa dhalootatti akka darbu gochuun cinaatti kanneen hojicharratti bobba'aniifimmoo madda galii jiruuti.
Aartiiwwan kanneen keessaa muuziqaan hordoftoota hedduu kan qabuufi sirboota waltajjiiwwan irratti sirbaman, kan kaasseettiidhaafi CDn gurgguraman keessa darbee amma yeroo gabaa dijitaalawaarra gaheera.
Ofii yeroo artistoonni hojiilee aartii kanarratti bobba'an rakkoowwan akkamii keessa darbanii as gahan? Hojiilee kanneenirraa eenyutu fayyadamaahoo ture? Dhiibbaan copright(mirgi abbummaa) eegamuu dhabuun fide maali? Ogeessota dubbisneerra.
Seenaa galii muuziqaa irraa argamuufi kisaaraa artistootaa.
Obbo Daawit Yifruu ogeessa muuziqaa yoo ta'an namoota wagggoota 40 darbaniif hojiilee aartii kana keessatti hirmaachaa turan, akkasumas mirgi abbummaa hojiilee kalaqa aartii akka kabajamuuf hojjechaa turanidha.
Yeroo ammaattis pirezdaantii waldaalee seektara muziqaa Itoophiyaa ta'uun hojjechaa kan jiran yoo ta'u, seerri copyright (mirgi abbummaa kalaqaa) akka bahee hojiirra ooluuf namoota tumsaa turan keessaati.
"Mirgi abbummaa kalaqaa kun Itoophiyaatti kan labsame bara 1996 ture. Seerri kun akka bahuuf sababa kan ta'e namoonni hojiiwwan kalaqa aartii irratti bobba'an sababa mirgi abbumaa kalaqaa isaanii hin eegamneef gara hiyyummaatti seenuu isaanitiini," jedhan.
Dhiibbaa ogeessotni aartii taasisaniin mirga abbummaa kalaqaa kana eegsisuuf bara 1996 kan bahe ' Waajjira Qabeenya Kalaqaa Sammuu' jedhamudha.
Labsiin 410/96, kan dhimma abbummaa kalaqa sammuufi isaan hidhata qaban irratti fuullefate bahes namoota hojii aartii keessatti gatii dadhabbii isaanii argachuu dhabaniif abdii gaarii kan fide ture.
Hojiilee aartii kana keessatti qindeessitoonni walaloo, yeedaloofi kanneen sagaleedhaan weellisan ammoo warra barootaaf miidhamaa turanidha, jedhu Obbo Daawwit.
"Qaamni muuziqaa maxxansu si'a tokko nama weellisu kan walaloofi yeedalootiif maallaqa nikanfala. Saniin booda wagga 40 fi 50 warruma muuziqaa qindeesse sanatu fayyadama. Kun hojii aartiis ajjeessaa deeme. Namni akka waan haaraa hin kalaqne onnee dhabsiisaa ture," jedhan.
Sababa mirgi abbummaa kalaqa sammuu (Copyright) hin eegamneef jecha waggggoota 40 darbe namoonni muuziqaa hiyyummaa keessaa akka hin baane ta'aniirus jedhan.
Hojiilee aartiifi gurgurtaa YouTube…
Hojiileen aartii erga gara dijitaalaatti jijjiiramanii daldalliifi galiin karaa internetiin tahaa dhufeera.
Hojii daldala karaa Youtube tiin taasifamu kana keessatti waggoota 10'n kan dabarse dhaabbanni 'Hop Entertainment' dhaabbilee hojiiwwan aartii kana namootarraa bitanii karaa Youtube gurguran keessaati.
Hoji Gagggeessaan dhaabbatichaa Obbo Saamu'eel Kabbadaa, hojiin daldala muuziqaa karaa Youtube taasifamu kun roorroo artistootarra gahaa tureef aara galfii kan fidedha jedhu.
"Duraan artistoonni viidiyoo muuziqaa hojjetan irraa hanga baasii isaanituu deebifachuu dadhabuutti gahu ture. Amma erga gurggurtaan karaa Youtube kun jalqabee garuu artistoonni sirba qeenxee tokko irraa galii hanga miiliyoona tokkoofi walakkaa kan argatantu jira," jedhan.
Dhaabbanni Hop Entertainment kun daawwattoota hedduu (Subscribers) waan qabuuf artistoonni biyyoota ollaas kara dhaabbatichaa sirboota isaanii gadhiisuu wana jalqabaniif maqaa gaarii biyyaatiifis gumaachaa jiraachuu eeran.
"Wellistoonni biyyoota akka Jibuutii, Keeniyaa, Naayijeeriyaa, Ruwaandaa, Eertiraafi Somaaliyaa karaa chaanaalii keenyaa muuziqaa isaanii fe'atu. Lammiileen Itoophiyaa biyyoota alaa jiraatanis sirboota boiyya keessaa salphaatti akka argataniif carraa gaarii uumeras" jedhan.
Itoophiyaa keessa dhaabbileen gurgurtaa hojiilee aartii karaa dijitaalaa gochaa jiran Hop Entertainment, Minew Shewa, Golden fa'i ijoo yoo ta'an kanneen biroos hedduutu jiru.
Gurgurtaa Youtube irraa artistootaaf akkamitti kaffalama?
Arstitoonni hojiiwwan aartii isaanii dhaabbilee kara dijitaalaa gurguraniif wayita dhiheessan kaffaltiin karaa lamaan raawwatama.
Waliigaltee dhaabbileen akka Hop Entertainment kan sirboota gadhiisan Youtube waliin raawwataniin beeksisa sirbicharratti ilaalamurraa galii argamu harka 45 Youtube harka 55 ammoo dhaabbata sirbicha maxxanseef oola.
Dhaabbanni sirbicha maxxanse kun galii harka 55 gurgurtaa irraa argame kana ji'a jaha jahaan weellisaa sana waliin qixa qooddatu jechuudha.
Toftaan kaffaltii inni lammaffaan dhaabbanni hojii aartii Youtube irratti fe'u kun waliigalteedhaan abbaa hojii aartii sanarraa dursee bituudhaan Youtube irratti fe'ee galii isaa dhaabbatichumaaf gala jechuudha.
Galiin Youtube irraa argamu kun ji'oota jaha jahaan kan raawwatamu yoo ta'u, hanga sirbichi Youtube irratti laalamuu dhaabutti kan adda citus miti.
Hojiiwwan aarti Youtube irratti fe'aman kaffaltiin isaa kan olka'uufi gadi bu'u baayyina nama Youtube irratti ilaalee qofaan osoo hin taane, beeksisa sirbicha irratti gadhiifamurratti kan hundaa'edha jedhu Obbo Saamu'eel.
Gurgurtaa karaa Youtube fi abbummaa hojii kalaqaa (Copyright)…
Youtube'n hojiiwwan aartiifi kanneen biroo toora isaarratti lakkifamanirratti seerota ciccimoo qaba jedhu namoonni hojii kanarratti hirmaatan.
Qabeenya namni yookan dhaabbatni tokko toora Youtube irratti fe'e namni biraa Youtube mataa isaarratti yoo fe'es dhaabbatichi mirga abbaa qabeenyummaa nama jalqaba galmeessee sana waan beekuuf nigaafata jedhan Obbo Saamu'eel.
"Yeroo tokko tokko artistoonni chaanaalii biraatti kennanni yeroo waliigaluu didan nubira fidu. Nuti yeroo feenu copyright nun dabarsu. Youtube'n battaluma imeelii siif ergee viidiyoo ati feete sana achirraa dhabamsiisa," jedhan.
Namootni yookan dhaabbilee Youtube banatan hundaaf Youtube'n kanfaltii hin raawwatu.
Chaanaaliin tokko kaffaltii argachuu jalqabuuf (Monitized) ta'uuf namoota duukaa bu'an (Subscribers) kuma tokkoofi si'a 10,000 irra deddeebiin daawwatamuu(Total Viewtimes) gaafata.
Hanga ulaagaa kana guututti dhaabbanni Youtube dhimma namni qabeenya namaa maxxansu baayyee waan hin dhimmamneef namoonni Youtube irraa buusanii chaanaalii ofii irratti fe'an namoota ulaagaa kana hin guunnedha jedhan Obbo Saamu'eel.
Youtube fi falmii abbummmaa…
Erga gabaan dijitaalaa kun dhufee artistoonni hojiin isaanii hayyama isaanitiin ala hatamee Youtube irratti nujalaa fe'ame yoo jedhan nidhagahama.
Tibba kanas sirbi weellisaa Keekiyyaa Badhaadhaa 'Dhugaa Baasi" jedhu hayyama isaatiin ala akka Youtube irratti jalaa gadhiifame himamaa ture.
Namni hojii daldala Youtube irratti muuxannoo qaban Obbo Saamu'eel Kabbadaa dhimmoonni akkanaa salphaatti waan furamanidha jedhu.
"Namni abbaa qabeenyaa ta'e sun email Youtube dhaaf nibarreessa. Youtube'n nama jalqaba sirbicha fe'e sana email dhaan gaafatee qulqulleessa. "
Yoo namni jalqaba gadhiise sun guyyoota 30 keessatti deebii hin kennine nama iyyate sanaaf hayyama dabarsa.
Tari osoo namni jalqabaa suni galii itti argateerayyuu ta'ee Youtube waliigaltee nama jalqabaa sanarraa deebisee abbaa qabeenyaa sanaaf kanfala," jedhan.
Gabaan karaa Youtube kun galii artistootaa guddisaa jiraachuufi rakkoo copright geessisaa tures waan salphiseef gabaan isaa haalan dabalaa jiraachuutu himama.
















