Odaa Awaardii: Badhaasaan hojiiwwan artii Oromoo dorgomaa taasisuuf

Badhaasa Odaa marsaa 2ffaa

Madda suuraa, Fuula Feesbuukii BTM

Ibsa waa'ee suuraa, Badhaasa Odaa marsaa 2ffaa

Tooftaawwan ittiin hojiin aartii jajjabeefammuun akka dorgomaa ta'uuf ittiin hojatamu keessaa warra hojjetu badhaasuun jajjabeessuudha. Kaayyoon 'Oda Award's kanadha jette, Aadde Bashaatuu Tolamaaram.

Maaliif 'Oda Award' jedhame?

Odaan mallattoo Oromooti. Odaan muka dameesaatiin bal'atee mukeen biroofillee caayaa ykn gaaddisa ta'ee tajaajiludha. Akkasuma aartiinillee damee bal'aa qaba; gaaddisa sabaati. Kanaafan anis maqaa 'Badhaasa Odaa' jedhuu kana fayyadamuun eegalee jetti Bashaatuu Tolamaaram haati dhaabbata Bashaatu Multimiidiyaa Pirodaakshinii.

Badhaasi odaa bara darbe eegale, baranammoo Sanbata darbe yeroo lammaffaaf badhaasichi geggeeffameera. Kaayyoon Badhaasa Odaa maali jechuun gaaffii BBC Afaan Oromoo gaafate akkas jetti Bashaatuu.

Kaayyoo 'Oda Award'

Kaayyoon Odaa Award ittiin hundeeffameef hojiiwwan aartii Afaan Oromootiin hojjetaman kanneen Amaariffaa fi Afaanota birootiin hojjetaman waliin wal-dorgomaa akka ta'u gochuudhaaf. Ijoolleen keenya waanta gaarii ta'e akka hojjetaniif isaan jajjabeessuufi hamilee isaanii cimsuufiidhaa jetti.

Akka Bashaatuun jettutti, badhaasni kun hojii hojjetan akka kan sadarkaa isaa eeggate ta'uuf, artistoota Oromoo miira waldorgommii keessa galchuudhaaf.

Badhaasni Odaa Awaardii kun gosa adda addaa akka of keessatti qabate kan ibsitu Aadde Bashaatuun, bara darbe muuziqaa, kiliippii viidiyoo, fiilmii, fi diraamaan dorgomsiifnee turre jetti.

Kaayyoon Odaan Awaardiin biran ga'a jedhe ka'e inni guddaan hojiiwwan aartii Afaan Oromootiin hojjetaman akka biyyaatti, akka Afriikaatti, akkasumas akka addunyaatti dorgomaa akka ta'an gochuudha. Kun waan hundumaan akka xiyyeeffannoon itti kennamuun hojjetamu cimsa jetti Aadde Bashaatuun.

Kan baranaa isa bara darbeerra

Dorgommii baranaa irraa jijjiirama qulqullinaa fi fooyya'insa ilaalaa jirra kan jettu Bashaatuun, filachuudhaaf hanga rakkisutti ijoolleen waanta gaggaarii dhiyeessan.

Bara darbe dorgomsiisudhaafillee hojiiwwan fiilmiifi dirmaafaa dhabnee waggoota shaniifi ja'a duubatti deebiinee filachuun waldorgomsiisaa turre. "Barana garuu hojiiwwan adda addaatu jira. Fiilmiiwwan sadii hanga afuriitu waldorgoman.''

Barana ammoo kan jiran akkuma jiranitti ta'anii tiyaatiras daballee jirra, kitaaba walaloofi asoosamaa daballee jirra.

Keessummoota Odaa Awwaard Marsaa 2ffaa keessa

Madda suuraa, Fuula Feesbuukii BTM

Ibsa waa'ee suuraa, Keessummoota Odaa Awwaard Marsaa 2ffaa keessa

"Waanta gaariis argaa jirra. Haala kanaan yoo adeemne fiilmii gaarii hedduu qabaanna jechuudha. Muuziqaanis, viidiyoo kiliippii, kitaabole foyyaa'ee dhufaniiru. Amma nuti waanti yaadnu akka milkaa'aa jiruudha.

Waanta sirrii ta'e argachuuf ammoo kan karaa nama qabsiisudha," jette Bashaatuun.

Hojii aartii Afaan Oromoo sirna badhaasaatiin jajjabeessuu keessatti rakkoo maaltu si mudata gaaffii jedhuuf; Aadde Bashaatuun deebii yoo kennitu, namoonni ani maaliifan mo'achuu dadhabe jechuun kan mufatan jiru jetti.

Kaayyoo ishee gara fuula duraa ilaalchistees, aartistoota Oromoo waliin teenyee akka hordoftotaa fi jaallattoota isaaniif qofatti osoo hintaane sabaafi sablammoota biyya keenya keessa jiran hundayyu mo'achuu kan danda'u, hojii gaarii kan sadarkaa Afriikaafi Addunyaaf ta'u akka hojjechuuf yaaduu qaban walitti himan jechuudha.

Rakkoon xiqqoon jiru kan biraan ispoonsara waliin walqabateedha kan jettu Bashaatuun, abbootiin qabeenyaa keenya faayidaa artiin qabu hanga barbaadamu sirriitti hubachaa hin jiran jetti.

"Akkuma kanaan duraa maallaqa kiisiidhaa baafnee hojjechaa jirra. Qophiin kun haala gaariin akka bareeduu qabuuf yaadnee waan hojjechaa jirruuf baasiin isaas baayyeedha. Gara fuula duraatti garuu hunduu ammoo walgargaara jedheen yaada," jetti Bashaatuun.