Koronaavaayiras: Biyyooti Afrikaa warra kamtu Covid-19 caalatti qorataa jira?

Qorannoo Covid-19

Madda suuraa, Getty Images

Qorannoon tatamsa'inni koronaavaayirasii hangam akka babal'ate agarsiisuun, yaalii weerara dhibee kanaa ittisuuf taasifamu keessatti gahee olaanaa qaba.

Dhabbanni To’annoofi Ittisaa Dhibee Afrikaa, kan sochii ittisa dhukkubichaa sadarkaa ardiitti gaggeeffamu qindeessaa jiru, qorannoo ilaalchisee biyyoota gidduu garagarummaan guddaa jira jedha.

Kanaaf biyyoota kamtu qorannoon dursaa jira, kamtu ammoo boodatti hafeera kan jedhu ilaaleera?

Eenyutu caalaa qoronnoo gaggeessa jira?

Biyyootiin Afrikaa xixxiqoo tokko tokko biyyootii gurguddoo caalaa qorannoo gaggeessaa jiru. Fakkeenyaf, Moorishaasifi Jibuutiin akka biyyaatti qorannoo hedduu gaggeessaa jiru.

Gaanaanis sadarkaa qorannoo itti gaggeessaa jirtuuf jajamteetti. Motummaan biyyattis yeroo qajeelfamni sochii ugguruu dhaabbatutti weerara dhibee kanaa to’achuuf ni gargaara jedha.

Afrikaan Kibbaas eejjonnoo cimaa fudhachuun hanga ammaatti qoronnoo hanga 200,000 gaggeessuu dandeessetti.

Biyyii Afrikaa keessatti lakkoofsa uummataan tokkoffaa taate Naayjeriyaan qorannoo isheen gaggeessaa jirtu ga’aa miti. Mootummaan garuu namoota dhibeen kun irratti argame irratti xiyyeefachaan jira jedha.

Gazeexeessituun BBC Naayjeeriyaa Chi Chi Izundu qoronnoo dabaluuf aanga’oonni karoorsaa jiru jetti.

“Guyyaatti qorannoo 5,000 gaggeessuuf karoorfatu – garuu ammoo 1,000 irrallee hin geenye.”

Biyyootiin Afrikaa oddeeffannoon qoronnoo isaanii ifa hin taane kan akka Eertiraafi Aljeriyaan ni jiru.

Biyyootiin tokko tokko qorannoo gaggeessuuf dandeetti isaa hin qaban. Kaan ammoo gabaasaa qoronnoo isaanii ifa goochuu dhiisuuf sababa garagaraa qabu.

Fakkeenyaaf, Pirezdaantiin Taanzaaniyaa Magufuulii odeeffannoo akkanaa ifatti baasuun sodaa uumaa jedhu.

Qoronnoon bayyee akka hin gaggeefamneef gufuu kan ta’an maali?

Biyyootiin Afrikaa keemikaala qoronnaa koronaavayirasiif gargaaru ofii waan hin omishneef argachuun ciimaadha, kanaaf biyyootii addunyaa biraarraa galchatu.

Dhaabbata To’annoo Dhukkubaa Afrikaa irraa Joon Nikengasong akkas jedhu: “addunyaan walitti dhufiifi waliin hojjechuu dhisuu isaa irraan kan ka’e Afrikaan gabaa qoronnaa dhibee irraa achii dhibamteetti”.

Biyyootiin Afrikaa baasii isaa qabaachuu danda’u garuu addunyaa kanarraa” biyyootni 70 meeshaalee wal’aansaa biyyaa akka hin baaneef waan ugguraniif,” wantoota barbaachisan argachuun rakkisaa ta’eera jedhu.

Gufuun kan biraan qajeelfamootni sochiin akka dhaabbatuuf darban namootni wiirtuulee qoronnoo akka hin deemneef danqeera jedhu.

Ta’us Yunivarsitii London School of Hygiene and Tropica' Medicine’tti gargaartuu piroofeesara kan taate Ingozii Erunduu garuu, rakkoo inni guddaan meeshaadha jetti.

“Meeshalee qoronnoo ga’aa qabachuu dhiisudha rakkoon,” jetti.

Dhaabbatti To’annoo Dhukkubaa Naayjeeriyaa amma laaboraatoorii qoronnannoo dhibee kanaa qabaachuufi dhiisuu adda baasu 18 qaba. Meeshalee qoronnoo barbaachisoo ta’an argachuuf garuu iyyata hatattamaa galcheera.

Keeniyaanis rakkoon hanqina meeshalee qoronnoo akka ishee mudate amanuun sababa kanaan dhiyeenya keessa lakkoofsa namoota qorotamanii hir’isaa dhufteetti.

Aanga'aan mootummaa tokko dhiyeenya biyyittii keessa meeshaalee qoronannoon 5,000 qofa akka jiraniifi dabalataan 24,000 eega akka jiran himaniiru.

Dhibbaleen hawaasaafi siyaasaa lakkoofsi qoronnaa akka hin dabbaleef gufuu ta’anis jiru.

“Hawaasa tokko tokko keessatti koronaavayirasii qabaachuu waliin loogiin kaa’ame jira.,” jetti Ingozi Erundu. “Kanaafidha hoggantoonni tokko tokko deebi’anii filatamuuf jecha qoronnoon akka gaggeefamuuf ejjennoo fudhachaa kan hin jirre.”

Gamtaan Afrikaafi Dhabatti To’annoo Dhukkubaa Afrikaa sochii Hariiroo Qorannoo Covid-19 Ariffachiisuu (PACT) jedhamuufi qoronnoo, hordoffiifi argannoo irratti xiyyeefatu eegalaniiru.

Sochiin kun ji’a tokko keessatti Afrikaa guutummaatti qoronnoowwan miiliyoona tokko ta’an akka gaggeefamaniif karoorfatee jira.

Weerarri koronaavayirasii dursee Eeshiyaafi Awurooppa keessatti babal’achuun isaa Afrikaan deebii ishee akka qopheeffattuuf yeroo kenneeraf. Dabalataanis, dhibee akka Iboolaa to’achoorratti muuxsnnoon qaban isaan ni gargaara.

Garuu gabaa addunyaa morkii qabu kana keessatti meeshalee qorannoo kanaaf fayyadan argachuufi wiirtuulee qoronnoo hundeessuun biyyoota diinaagdeefi sirna eegumsaa fayyaa dadhabaa qabaniif rakkisaa ta’a.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa