Kalaqaa fi Covid-19: 'Koronaavaayirasiin hojiilee kalaqaa hedduu akkan yaadu na kakaase,'' dargaggoo Obsaa Muktaar

Magaalaa Adaamaatti barumsa sadarkaa tokkoffaa kan baratu Obsaa Muktaar, hojiiwwan kalaqaa gulantaa barumsa inni irra jiru oltahan hojjechuudhaan mana barumsa isaatti beekama.
Yeroo barumsaatiin alattis meeshaalee elektirooniksii mana namootaa deemee suphuudhaan galii argata.
Erga dhibeen Koronaavaayirasii Itoophiyaatti argameeyis kalaqoota adda addaa kan dhukkubicha qolachuuf gargaaran hojjechuurratti argama.
"Dhibeen kuni akkuma gara biyyaa seeneen ani maalin hojjechuu dandaha jedheen yaade. Karaa ittiin daddarbu ittisuuf waan gargaaranin hojjechuu jalqabe. Dhukkubni kuni kalaqoota haaraa akkan yaaduuf nagargaareera" jedha.
Barataa Obsaan hojiiwwan kalaqaa hojjete keessaa muraasa BBC'tti himeera.
Meeshaa Fuula tuquurraa ittisu…
Kalaqoota Obsaan hojjete keessaa meeshaan naannoo ciqilee harkaa irratti hidhamuu fi namni tokko osoo hin yaadin yoo harka isaa gara fuulaatti dhiheessu kirkiru (Vibrate) ta'uudhaan akka fuula hin tuqne yaadachiisudha.
Kalaqni kuni namni dagannaadhaan fuula isaa akka hin tuqnee fi vaayirasicha gara afaanii fi funyaanii akkasumas ijaatti hin geessine waan yaadachiisuuf carraa qabamuu namaa hir'isa jedha obsaan.

Guwaantii Elektiroonikii…
Hojii kalaqaa biroo kan ta'e guwaantiin Elektiroonikii kuni guwaantiiwwan biroo irraa adda kan ta'uu hima.
"Guwaantiin kuni meeshaalee elektirononiksii keessa isaatii kanqabu yoo ta'u,keebiloota keessa isaatti diriiraniin hoo'insa kan madisiisudha. Yeroo nuti guwaantii Kanaan sibiilota tuqnu hoo'ina hanga digirii seentiggireedii 50 gadhiisuun baakteeriyaa fi vaayirasoota kan ajjeesudha," jedha.
Hoo'insi kuni kan gadhiifamu battala harkaan waa tuqnetti qofa waan ta'eef qaama namaa irratti hoo'ina muraasaan alatti dhiibbaa kan fidu mitis jedha Obsaan.
Haguugduu afaanii fi funyaanii (Maaskii)…
Maaskiin kunis motora kan qabuu fi qabattoo irratti hidhachuudhaan ujummoodhaan haguuggii fuula irra jiru wajjin walqunnama.
Motorri maaskii kanarratti hojjetame chaarjiidhaan kan hojjetuufi keessa isattis meeshaalee qilleensa calalan kan qabu yoo ta'u qilleensa calalame gara funyaanii fi afaaniitti kan dabarsuudha.
Haguugggiin kuni ogeessota yaalaa fi buufataalee xiyyaaraatti yoo hojiirra oole daran fayidaa kennuu dandahas jedha Obsaan.
Hojiiwwan kalaqaa armaan olitti eeraman kanaan alattis meeshaalee akka Roobootii fi jeneretara sagalee fi aara hin qabne hojjechuunis dandeettisaa mul'isaa jira.
Barataa Kutaa 7 kan ta'e obsaan, Yunvarsiitiin Saayinsii fi Teeknolojii Adaamaa fi manni Barumsa Naafyaad hojiiwwan kalaqaa kanneen akka cimsuuf kanneen isa deegggaran ta'uu hima.
Kalaqoota dhibee koronaavaayirasii kana ittisuuf gargaaran kanneen hojjetus gara gabaatti baasuuf garuu rakkachuu hima Obsaan.
"Hojiiwwan kalaqaa kiyya kana balinaan omishee gabaatti baasuuf humna nama gaafata. Ispoonsara barbaadaan jira. Hanga ammaatti garuu hin arganne.osoo nama nadeeggaru argadhee kalaqoonni kuni hawaasaf bu'aa guddaa buusu" jedha.

















