Koroonaavaayiras: Oromiyaan ittisa koronaavayirasiif akkamiin qophaa'aa jirti?

Madda suuraa, Getty Images
Hojii hanga ammaatti hojjetamaa tureen laboraatiiriin qorannoo dhibee COVID19 naannoo Oromiyaa keessa jiraachuu dhiisun isaa rakkoo itti ta'ee turuusaa hogganaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dr Mangistu Baqqalaa.BBC'tti himaniiru.
Yeroo ammaatti arjooma qaamolee dhuunfaatiin maashinootni afur argamuu isaanii fi qorannoo taasisuuf qophii ta'uu isaanii himan Dr Mangistu Baqqalaa.
"Yeroo ammaatti qorannoo dhibee Koronaa eegaluuf meeshaa qorannoo (test kit) qofti kan hafe yemmuu ta'u wiirtuun magaala Adaamaa har'a yookin boru qorannoo dhibee Koronaa ni eegala" jedhan Kamisa.
Nannoon Oromiyaa magaaloota Adaamaa, Jimma, Naqamtee fi Sabbataatti wiirtuulee qorannoo dhibee Koronaaaayiras hundeessu dubbatu.
Qophaa'ummaa qaban irratti hundaa'uun magaaloota Haromaayaa ykn Harar keessattis wiirtuun qorannoo tokko akka jiraatu himaniiru.
"Wiirtuuwwan qorannoo Naqamtee, Jimmaafi Haramaayaa ykn Harar immoo torbee itti aanu keessa hojii qorannoo ni eegalu," jedhan.
Wiirtuulen kunneen namootni dhibee Koronaavaayirasiin shakkaman, kan namoota vaayirasichi irratti argame walin qunnamtii qaban fi hawaasa keessaayis samuudni fudhatamee qorrannoon kan itti taasifamu dha.
Gama biraatiin qorannoo Koronaavaayirasiif magaalaa Adaamaatti Roobii darbe samuudni namoota 250 sassaabamuu himaniiru.
"Bu'aa isaa dhiyeenyatti uummata ni beeksisna," jedhan.
Samuudni namoota 250 kun komii "qorannootu hin taasifamne malee namoota heddutu vaayirasichaan qabame" jedhu bu'ureeffachuun kan hojjetamaa jiru ta'uus himaniiru.
Qophii Waliigalaa

Madda suuraa, Getty Images
Hojiin ittisaa fi to'annoo koronaavaayiras naannoo Oromiyaa koreewwan pireezidaantii naannichaa dabalatee angawoota fi ogeeyyii birootin hogganamanin hojjetamaa jira jedhu.
Torbee tokko keessatti dhibee koronaaaayiras ilaalchisuun namoota miiliyoona saddeetif kallattin hubannoon uummamuusaa himan.
Iddoowwan turtii shakkamtootaan walqabatee hospitaalootni 106 fi buufataalen fayyaa 174 kan al tokkotti namoota 2,000ti siiqan keesummeessuu danda'an qophaa'uu isaanis dubbatan.
Dabalataan naannichi yeroo ammaatti maashinoota hargansuu (mechanical ventilator) 101 kan qabu yemmuu ta'u bittaa maashinoota dabalataaf ajajni raawwatamuusaa hogganichi himu.
Gama wiirtuwwan wal'aansaatin amma dura tajaajilli yaalii kennamaa kan jiru magaala Finfinnee keessatti.
Yeroo ammaa garuu magaalota Adaamaa, Moojoo fi Bishooftutti iddoon yaalii qophaa'ee dhukkubsataan yoo jiraate simatanii hojjechuuf qophiidha" jedhan.
Naannoon Oromiyaa hojjettoota fayyaa 70,000 (ogeeyyii fi hojjettoota biroo) ta'an akka qabdu kan himan Dr Mangistuun hojjettoota kunneenif dhiyeessin meeshaalee hojii (PPE) gahaa ta'e akka hin jirre himan.
Hanqina kana furuufis bittaa taasifamaa jirun dabalataan qaamolee garaagaraa irraa deeggarsa meeshaalee walitti qabaa akka jiran nutti himaniiru.

- KALLATTIIN: Addunyaarratti lakkoofsi namoota COVID-19n qabamanii miiliyoona caalee
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras














