Koronaavaayiras: Addunyaarratti namoonni qabamuun mirkanaa'e miliyoonarra darbe

Madda suuraa, Getty Images
Addunyaarratti namoonni miliyoonni tokkoo ol koronaavaayirasiin qabamuun isaanii galmaa'eera akka Yunivarsiitiin Joons Hopkiinsitti.
Kun ammoo yeroo addunyaan tatamsa'inni dhibee kanaa ittisuuf wal'aansoo qabaa jirtutti sadarkaa yaadassaa biraatti kan ceesise jedhameera.
Akka lakkoofsa Yunivarsiitichi dhiyeessuutti addunyaarratti namoonni 53,000 ol dhibee kanaan du'anii 210,000 ol kan ta'an ammoo fayyaniiru.
Lakkoofsa namoota qabamaniin US dursaa kan jirtu yoo ta'u, Xaaliyaan ammoo lakkoofsa namoota du'aniin dursaa jirti.
Dhukkubni COVID-19 jedhu kun jalqaba ji'a sadii dura giddu-gala Chaayinaatti mul'ate.
Lakkoofsi Yunivarsiitiin Joons Hopkiins walitti qabu kun hanga ammaatti akka addunyaatti qabaman kan jedhamu miliyoona tokko yaa jedhuyyu malee, lakkoofsi dhugaan kana caaluu mala jedhamees yaadamaa jira.
Namoonni 100,000 qabamuun isaanii jalqabaa kan mirkanaa'e yeroo ji'a tokkoofi walakkaa keessatti ture.
Kan amma miliyoona gale kun ammoo torbanoota darban dhiyoo keessatti dachaa dachaan dabalaa dhufeeti.
Namoota dhibeen kun irratti argame keessaa harka afur keessaa tokko Ameerikaati yoo ta'u Awurooppaan ammoo walakkaa kan ta'u galmeesisteetti.
Essarraa kaanee as geenye?
Biyya Chayinaatti ji'a Muddee gara dhumaa ogeessi fayyaa umuriin isaa ganna 34 ta'e Dr Li Wenliang jedhamu ogeessota fayyaa birootiif vaayirasiin haaraan tokko kutaa biyyaa Huubee, magaalaa Wuhaan keessatti akka mul'ate akeekkachiisee barreesseef.
Ogeessi fayyaa kun oduu sobaan ummata shororkeessaa jirta jechuun pooolisiin to'atame.

Madda suuraa, Reuters
BBC'n waa'ee vaayirasii kanaa gabaasa jalqabaa "vayirasiin hin beekamne" Wuhaan keessatti mul'ate jechuun kan baase Amajjii 3 ture.
Yeroo sanatti namoonni 44 qabamuun isaanii mirkanaa'ee, isaan keessaa namoonni 11 dhukkubbiin kan itti hammaateeru ture.
Namoonni hedduun dhibee SARS jedhamu bara 2003 mul'atee namoota 774 ajjeese ta'uu mala jechuun sodaatee ture.
Amajji 18 lakkoofsi namoota qabamuun isaanii mirkanaa'e 60tti guddate. Haa ta'u malee, yeroo sanatti ogeessonni 1,700 akka qaqqabeeru tilmaamu ture.
Guyyoota lamaan booda yeroo namoonni qophii waggaa haaraa Chaayinaatiif qophaa'aa jiranitti lakkoofsi namoota qabamanii harka sadiin dabalee 200 irra gahe.
Achumaan ammoo vaayirasichi magaalota Chaayinaa akka Beejiing, Shangaahiifi Sheenziheenitti mul'ate.

- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras

Amajji 23, magaalaa Wuhaanitti karri cufame. Yeroo sanatti namoonni 18 du'anii kan qabamuun mirkanaa'e ammoo kan Taayiwaan, Jappaaniifi Kooriyaa Kibbaafi Ameerikaa dabalatee 570 irra gahe.
Guyyoota kudhanii booda namni umuriin isaa waggaa 44 ta'e lammiin isaa Filiippiin tokko vaayirasichaan du'e. Kun Chaayinaatiin alatti nama yeroo jalqabaatiif du'e ta'ee galmaa'e.
Torbanii booda ammoo turistiin lammii Firaans umuriin isaa waggaa 80 yeroo du'u, namni Awurooppaa keessatti jalqaba du'e ture.
Guyyaa shanii booda ture vaayireesichi kan Iraan keessatti mul'ate. Iraan akkuma dhibeen sun biyya ishee seene akkuma barteen saatii tokko keessatti namoonni lama dhibee kanaan du'an. Achumarraa ka'uun Iraan giddu-gala dhibee kanaa taate.
Xaaliyaan ammoo Guraandahala 23 irraa kaastee lakkoofsi namoota qabamanii akka baayyee dabalaa jiru hubatte. Lombaardii dabalatee jalqaba magaalonni 10 karra cufatanii, boodarra garuu xaaliyaan guutummaatti karra cufachuuf dirqamte.
Bitootessa 23, Ministirri Muummee Biriitish Booris Joonsan UK torban sadii akka karra cufattee teessuuf beeksisan.
Guyyaa sadii booda gaafa Bitootessa 26, Ameerikaan lakkoofsa namoota dhibee Covid-19 qabaachuun mirkanaa'e 86,000 galmeessisuun Chaayinaa bira dabarte. Elba 2, lakkofsi Ameerikaatti galmaa'e kun 217,000 ol ta'uun lakkoofsa namoota Xaaliyaanitti qabamuun mirkanaa'e dachaadhaan caale.













