Koronaavaayirasii: Aanga'oota addunyaa 10 Covid-19 to'achuuf seera baasan ofumaa cabsaniin walbaraa

Pirezidant Tiraamp bakka maaskii godhachuun dirqama itti tureetti osoo hinkaawwatiin mulataniiru

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidant Tiraamp bakka maaskii godhachuun dirqama itti tureetti osoo hinkaawwatiin mulataniiru

Sababii Covid-19 walqabatee firoonni wal arguu dadhabanii, fira, hirriyaa fi jaalalleen osoo hinhafne wayita du'aniitti dhaabbatanii awwaallachuun rakkisaa ta'eera.

Seerri ugguraa biyyoonni labsanis tatamsa'ina Covid-19 kana akka hir'isu amanamulleen namoota hedduu aarsaa olaanaa kanfalchiiseera.

Biyyoota tokko tokkoottis kanneen seera fageenya eeggachu kan hinkabajne wayita addabbii cimaaf saaxilaman dhagahama.

Garuu ammoo aanga'oonni siyaasaa, saayintistoonnii fi gorsitoonni seerawwan kanneen baasan tokko tokkoos ofiisaanii wayita seerawwan kanneen cabsan mul'atu.

Isaan keessaa kudhan kunooti.

Donaald Tiraamp

Lakkoofsa baay'ina namoota Covid-19n addunyaarra du'an keessaa %30 Ameerikaa keessatti argamu.

Pirezidanti Tiraampi maaskii uffachuun gaazexessitoota gammachisuu akka hinbarbaannee dubbate ture

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidanti Tiraampi maaskii uffachuun gaazexessitoota gammachisuu akka hinbarbaannee dubbate ture

Torban jalqaba baatii Ebla keessatti, Ameerikaatti jiddu galli Qorannoofi To'annoo Dhukkubootaa (CDC) Covid-19 ittisuuf ummanni hundi akka maaskii kaawwataniif gorsee ture.

Pirezidantiin biyyattii Tiraamp garuu gorsa kana hinfudhanne. ''Ani ofii kiyyaan uffachu hinbarbaadu,'' jedhanii turan. Kana malees, wajjira kiyya taa'ee wayitan aanga'oota addunyaa nagaa gaafadhuutti maaskii uffadhee mullachuu hinbarbaadu jedhee ture.

Haa ta'u malee, bulchiinsoonni akka Michigaan fa'i maaskii uffachuu dirqama taasisaniiru.

Caamsaa 21 Donaald Tiraamp wayita dhaabbata Foordi kan Ventileetarii omishuu doowwateetti dureewwan dhaabbatichaa isa dowwachisaa turan hundi maaskii keewwatanii turan. Tiraamp garuu uffachuu dide.

Gaazexessitoota bira wayita darbuutti garuu, kaameeraan alatti uffachu dubbate.

''Gaazexeessitoonni maaskii uffadhee na arguun akka gamadan hinbarbaadu'' jedhee ture. Deebiisees, ''Maaskiidhaan caalaan bareeda fakkaata,'' jedhee ture.

Haa ta'u malee, Giiftii Duree Melaaniiya Tiraampi gorsawwan CDC akka hojjiirra olchaniif ummataafi ergaa karaa viidiyyootiin dabarsite jirti.

Ammattis lakkoofsi namoota sababii Covid-19n Ameerikaa keessatti lubbuusaanii dhabanii 100,000 darbeera.

Vilaadimiir Puutiin

Pirezidantiin Raashiyaa ummata biratti nama hojii ta'ee mu'lachuuf baay'ee cimee hojjeta. Bitootessa 24'tti haala qophii ittisa koronaavaayirasii itti jiru dowwachuuf hospitaala Moskoo dhaqee ture.

Vilaadimir Puutin

Madda suuraa, Getty Images

Pirezidaantiin Raashiyaa wayita hospitaala dowwataniitti meeshaa ittisaa kan uffattan yoo ta'u, garuu wayita hakiimoota waliin haasa'aniitti meeeshaa ittisaa malee turan.

Kunis gocha balaafamaadha, keessattuu Daarektara duree hakimii waliin harka wal fudhaa turan.

Dureen hakimii Deenis Pirotsenkoo guyyaa tokkoon booda koronaadhaan qabamunsaanii mirkanaa'e. Kanaan, walqabatees waa'ee fayyaa Puutiin ilaalchiisee oduun baay'ee haasa'amaa ture.

Yeroo sanaan booda Puutiin ummata keessatti hirmaachu irraa of qusachuun walgahiiwwanis mana jireenyaa isaanii hirmaachu eegalan. Baatii Caamsaa keessa yeroo lama qofaa ummatatti mul'atan.

Puutiin yoom akka gara hojii duraanitti akka deebi'an garuu wanti ifatti barame hinjiru.

Hanga Waxabajjii 2ttis Raashiyaa keessatti namoonni 423,186 vaayirasichaan kan qabaman yoo ta'u, namoonni 5,000 du'aniiru.

Beniyaamiin Netaaniyaahu

Ministirri Mummee Israa'el Beniyaamiin Netaanyaahu fi Pirezidaanti Re'uveen Riivliin yeroo guyyaa jala bultii Ayyaana Faasikaa sababeeffachuun qophii irbaata irratti ijoolleesaanii waliin hirmaatan balaa itti bu'ee ture.

Kunis ummanni biyyatti kaan akka sirna akkasii irratti hin hirmaannee erga himaniin guyyaa tokkoon booda ture.

Netaaniyaahuun ilma isaanii waliin irbaata ayyaanaa irratti hirmaachuun qeeqamee ture

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Netaaniyaahuun ilma isaanii waliin irbaata ayyaanaa irratti hirmaachuun qeeqamee ture

Osoo ayyaanni sirna kabaja jala bultii faasikaa hin eegaliin duras, ummannii haala tatamsa'ina vaayirasichaa hir'isuun akka kabajan gaafachuun ugguras labsanii ture.

Garuu guyyoota muraasan booda ammoo mucaa isaa waliin osoo irbaata ayyaana jala bultii faasikaa (Passover) kabaju suuraa ka'uun mul'ateera.

Namoonni Ministira Mummee kanatti dhiheenya qabanis ilmisaa yeroo baay'ee lafa jireenyaa isaatti waliin akka dabarsuufi appartimantii dhiheenyatti argamu keessa akka jiraatu eeruun gocha isaa kana deeggaruuf yaalaa turan.

Haaluma walfakaatuun pirezidantiin biyyattis ijoollee dubaraa xixiqoo waliin irbaata irratti argamuun baay'ee qeeqmanii ture. Isaaniis erga dubbichi ifa baheen booda dhiifama gaafataniiru.

Siyaasawwan amantaa

Ministirri Mummee Hindii Bitooteessa 24 irratti ture uggura addunyaa isa olaanaa kan ummata biliyoona 1.35 hirmaachisu kan labsanii turan.

Bakkeewwan amantaa osoo hinhafiin cufamanii ture.

Hojjattooni bakka jireenyaasaanii hojii barbaacha deemanii turan miliyoonnis kilometiroota hedduu miilaan deemuuf kan dirqaman yoo ta'u hedduunis daandiirratti du'aaf saaxilamaniiru.

Garuu qondaalli siyaasaa biyyatti olaanoon Yoogi Aditiyaanaaz garuu, guyyaa jalqabaatii kaasanii seera ugguraa cabsaniiru.

Qondaalli kunis suuraa osoo sirna amantaa ijaara mana sagadaa tokko keessatti hirmaataa jiran mul'isu maxxansan.

Baatii tokkon booda wayita abbaan isaa du'anitti, Yoogii garuu haatiisaafi firoonni isaa seera ''ugguraa kabajuun akka sirna awwalchaa raawwataniifi'' gorsa dabarsan. Ofiin garuu sirna awwaalchaa irratti hinhirmaannee ture.

Onnee motummaa keessatti du'a

Naayijeeriyaatti ammoo tatamsa'inni vaayirasichaa qondaaltoota olaanoo motummaa biras gaheera.

Miseensi duree qondaaltoota motummaa Abbaa Kyaarii fi Bulchaan naannoo Baa'uchii vaayirasichaan qabamusaanii kan ibsame Bitooteessa 24 ture.

Namoonni sirna awwaalcha Kiyaar irratti argaman homaa fageenya isaanii eeggataa hinturre

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Namoonni sirna awwaalcha Kiyaar irratti argaman homaa fageenya isaanii eeggataa hinturre

Kiyaar nama dhuma waggaa 60 irratti argaman kan turan yoo ta'u, dhiheenya Jarmanii irraa gara biyyaa akka deebii'an himama.

Innis walgahii pirezidantii Muhaammad Buhaarii qoopheessan irratti itti aanaa pirezidaantiifi bulchiitoota 16 kan biraa waliin hirmaatanii turan.

Sababii kaaanis pirezidantichiifi itti aanaan isaanii qoratamanii bilisa ta'u maddeen BBC'tti himaniiru.

Ebala 17 irratti duuni Kiyaar, qondaala motummaa olaanoo kan jalqabaa ta'e.

Walumaagalattis biyyattin namoota 300 vaayirasichaan dhabde jirti.

Ministira ifatti adabame

Ministirri Komunikeeshinii Afriikaa Kibbaa Istellaa Ndabeni-Abraahamis seera nama keessa turu cabsuu isheetti pirezidaantii biyyatti Siiril Raamaaposaan torban lamaaf akka diriqiin boqonnaa baatuufi ifatti dhiifama akka gaafatu taasifame ture.

Istellaa Ndaabeni-Abraahaamis seera cabsu isheetiif dhiifama gaafatte

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Istellaa Ndaabeni-Abraahaamis seera cabsu isheetiif dhiifama gaafatte

Suuraan midiyaa hawaasaa irratti qoodame tokko akka mul'isetti, ministirittin namoota biraa shan waliin mana ministira duraaniitti laaqana nyaatan.

Kanaan walqabatees dhiifama gaafatte. ''Taatee kanatti gaabbeerra. Gocha kiyyaafis dhiifama'' jettee jirti.

Pirezidaantiin biyyattis ''Eenyumtuu seeraan ol hinjiru'' jechuun seera hojiirra olchuuf kutannoo qaban himan.

Adabbii seeraa waan cabsanif

Itti aanaan Ministirri Fayyaa Maalezhiyaa seera ittisa sochii biyyatti waan darbaniif adabamaniiru.

Qondaalli mootummaa kunis erga mana barnootaa Islaamaatti nyaata osoo sooratanii suuraan isaanii mul'ateen booda adabbii $325 akka kanfalan taasifameera.

Midiyaalee hawaasaarratti gocha kanaan qeeqamaa turan.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Maalezhiyaan tatamsa'ina vayirasichaa ittisuuf seera ittisa cimaafi addabbii keesseetti. Kumaatamnis himatamaniiru.

Gorsawwan wal dhahaan

Ministirri Mummee Biriteen Booriis Joonsan Covid-19'n qabamuun guyyoota muraasaaf kutaa dhukkubsattoonni ciminaan dhukkubsatan keessatti dabarsaniiru.

Joonsan osoo hospitaala hin seeniin dura ture uggura sochii irratti seera kaa'anii kan ture. Sababii kanaanis sochiiwwan hedduun akka dabarfaman taasifamaniiru.

Pirofeesar Neeyil Ferguusan

Madda suuraa, Kollejjii Landan

Pirofeessar Niil Farguusan UK keessatti uggurri akka kaa'amuuf kan gorsaa turan tokko isaan.

Haa ta'u malee, booda keessaa seera fageenya eegachuu akka cabsan gaazeexoonni gabaasaniiru. Kunis, dubartiin jaalallee isaa taate tokko mana isaa dhaqxee jirti jedhamuun ibsame.

Isaan boodas Pirofeesar seericha 'tuffachuu isaatti' gaabbuu ibseera.

Dr Kaatiriin Kaalderwuud

Madda suuraa, Getty Images

Seera UK'n koronaavaayirasii ittisuuf keessee kan cabsee Pirofesar Fergusan qofaa hinturre.

Ebla keessa qondaalli duree wal'aansa Iskotilaandi erga tibba ugguraa keessa yeroo lama mana ishee lammaffatti yeroo lama deddeebiiteen booda hojii gadhiiftee jirti.

Dr kaatiriin Kaaldeerwuud jalqaba gocha isheetiif dhiifama gaafattee turte. Booda garuu dhiibbaa gama gaazexessitootaafi ummataatiin irratti baay'ateen hojii gadhiifte jirti.

Qondaala UK Dominika Kumings

Madda suuraa, Getty Images

Akkasumas qondaalli olaanoon mootummaa Biritiish seera cabsuun argaman jiru.

Gorsaafi namni amanamaa Ministira Mummee UK, Dominika Kumingsi mana isaanii kan magaalaa Landan irraa maayilsii 260 konkolaachisuun Kaaba Inglaandii imaluun kan dhagahame ugguruma keessa ture.

Kunis Ministira Mummee Joonsaniin baayyee aarse. Akkasuma qeequmsaaf saaxile.

Kummingsi garuu ani seera homaa hincabsiine jechuun mormuu yaalanii ture. Poolisiinis badii guddaa akka hin taane ibsee ture.

Haa ta'u malee, qondaalli kuni deeggarsa cimaa Ministira Muummee qabu fakkaatu, aangoo isaanitti itti fufuu danda'u ta'a.

Biriteen garuu addunyaarratti biyyoota garmalee Covid -19n miidhaman keessaa sadarkaa lammaffaarra kan jirtu yoo ta'u lammileenshee kuma 40 ta'anis vaayirasichaan dhabde jirti.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa