Koronaavaayirasii: Waa’ee namoota mallattoo malee Covid-19 daddabarsan

Weerarri koronaavaayirsii dabalaa akkaa deemeen, saayintistonni ragaalee waa’ee vaayirasichaa hin hubatamneefi yaddeessan argataniiru.
Yeroo namootni vaayirasichaa qabaman hedduun mallattooleen akka qufaa, ho’iinsi qaamaa dabaluufi miiraa dhamdhamuufi suunfachuun jalaa baduu iratti mul’atutti, namoonni kaan ammo tasumaan mallattoo dhukkubichaa waan hin qabneef akka Covid-19 qaban hin beekani.
Qorattoonni kun namootni meeqaa akka hubaman baruufi namootni mallatoo hin qabne tatamsa’ina kana baay'isaa jiruu kan jedhu baruuf ni fayyadaa jedhu.
Dilbata Amajjii 19, Singaappooritti akkuma barame amantoonni waldaa 'The Life Church and Mission' jedhamutti walitti qabami. Isaan keessa abbaa warraafi haati warraa lammanuu ganna 58 ganama sana Chaayinaa irraa deebi’an keessa turani.
Namootni kun lamaanuu mallattoo dhukkubichaa waan hin qabneef namni koronaavaayirasii qabu jedhe shakke hin jiru.
Yeroo sanatti irraa deddeebi’anii qufa’uun akka mallattoo dhukkubichaa isa ijoo fi mala inni ittin daddarbudha jedhame amanama ture. Mallattoo dhukkubichaa qabaachuu dhiisuun vaayirasicha daddabarsuu dhabuu ta’uu mala ture.
Takka turanii garuu abbaa warraafi haati warraa garaagarummaa guyyaa lamaan dhukkubsatani. Sababa bakka vaayirasichi itti mul’ate Wuhaan waan turaniif garuu, kun danuu nama hin aja’ibsiisne.
Torban itti aanutti garuu miseensoti hawaasichaa sadii sababa hin beekamneen vaayirasichaan qabamani, kunis Singapooritti koronaavayiriin wal qabate waan hin hubatamne ta'e.
‘Qorattoota dhukkubaa’ bobbaasuu
Ministira Fayyaa Singaapooritti hogganaan damee dhukkuboota daddarbanii Dr Vernoon Lii “Bayyeema dalga nutti gale” jedhu.
Utuu mallattoon dhukkubichaa irratti hin argamiin “Namootni waliibeeknee karaa hin beekamneen dhibee kana walitti dabarsaniiru,” jedhu. Kun waa’ee amala COvid-19 isa baran irraa adda itti ta’e.
Kanaaf D Lii, sayintistoota biroo, poolisiifi ogeessota hordoffii waliin ta’uun kaartaa fayyadamanii eenyu eessa oolee kan jedhuun qorrannoo eegalan.
Guyyootii gabaabaa keessatti, qorattoonni kun miseensota waldichaa 191 ta’an hasoofsisanii isaan keessa 142 kan ta’an Dilbata sana waldaa deemanii akka turan adda baasaniiru.
Sana boodas lammiileen vaayirasichaan qabaman lamaan abbaa warraafi haadha warraa Chaayinaa turan sana waliin guyyaa sana waldaa akka turan baran.
Vaayirasichi eenyurraa akka darbe baramus akkamiin osoo namootni sun mallattoo dhukubbichaa hin qabatin nama biraatti dabarsuu danda’an kan jedhu gaaffii uume.
Dabalataan, gaaffii guddaa kan uume dubartiin sadaffaa vaayirasichaan qabamte yeroo sanatti namoota vaayirasicha qaban waliin waldaa hin turre. Ta’us boodarra waldaama sanatti tajaajilaa saatii biraa irratti hirmaatte turte, kanaaf akkamiin vaayirasii kanaan qabamte?
Ragaa hin yaadamne
Qorattoonni viidiyoo waldaa sanaan guyyaa sanatti waraabame yeroo ilaalaan wanta hin eegne argani. Dubaartiin kun saatii dheeraa booda waldaa sana seentus barcuma namootni Chaayinaa irra dhufan ta’an irra ture kan teesse.
Mallattoo dhukkubichaa qabaachuu baatanis namootni kun vaayirasicha namoota biraatti dabarsaniiru.
Tarii vaayirasichi harkasaanii irraa gara barcumaatti, ykn haafura isaaniin vaayirasichi ba’ee bakka wayii qubatee haa ta’u wanti adda baafame hin jiru, ta’us kun wanta agarsiisu guddaa qaba ture.
Dr Lii ragaa funaanan yeroo ilaalanitti deebii ta’u kan danda’u vaayirasichi namoota qabaachuu isaaniillee ofirratti hin beekneen tatamsa’aa akka jirudha.
Gorsi dhaabbilee fayyaa hanga sanatti namoota mallattoo koronaavaayirasii qaban irraa of eeggachuu kan jedhu waan tureef, kun argannoo addunyaa maraaf barbaachisaa ta’eedha.
Garuu vaayirasiin kun utuu hin beekamiin namoota mallattoo dhukkubichaa hin qabneen tatamsa’uu danda’a yoo ta’e akkamiin dhibee kana dhaabuun danda’ama?
Qorannoon kuniifi biroon utuu mallattoon dhukkubichaa hin mul’atiin dura saatii 24 -48 kan ta’u yeroo ijoo kan namootni caalatti vaayirasicha namatti dabarsan ta’u akka malu agarsiisa.
Ta’us garuu akkamiin dhibeen kun dhangala’aa qufaa keessa jiruun alatti akka daddarbuu danda’umallee gaaffiidha.
Tilmaamni tokko salphaamaan nama tokkorraa biraatti haasaa ykn hafuuraan darbu danda’a kan jedhudha. Kanaaf namni walitti dhiyoo jiru keessumaayyu mana tokko keessatti walitti daddarbuu danda’a.
Inni biraan ammo wal xuxxuquun darbuu akka danda’udha. Harka nama tokkoorraa harka nama biraatti, ykn meeshaa, balbala, barcumarraa gara nama biraatti darbuu danda’a.
Namootni tokko tokko tasumaan mallattoo dhibee kana hin qabani.
Kun taatee saayintistoonni gutummaa guututtii deebii itti kennuu hin dandeenyedha.
Namootni akkanaa ofii isaanii dhibee kanaan utuu dhukkubbii qaamaa hin qabaatiin namoota birootti garuu vaayirasicha dabarsuu danda’u.
Hanga ammaatti namootni meeqaa utuu irratti hin beekamiin akka vaayirasicha qaban hin beekamu.
Qorattoonni namoota koronaavaayirasii qabaachuun isaanii barame keessa harki sadii mallatoo dhukkubichaa akka hin qabne argataniiru.
Deebii argachuuf saayintistoonnifi anga’oonni biyyoota gara garaa ummata hundaaf qorannoo gaggeesuuf yaalaa jiru.
Gartuun saayintistoota Kaalifoorniyaa mallattoo dhukkubichaa osoo hin qabaatiin eenyu akka vaayirasicha qabu baruu dhabuun weerara kana ittisuuf sochii godhamu irratti dadhabbii kan uumudha jechuun amanu.
Akka ilaalcha isaanitti, weerara kana dhaabuun kan danda’amu qabna jedhanii yaadanis yaaduu dhabanis eenyu vaayirasicha qaba jechuun adda baasuudha jedhu.
Malli akkanaa magaalaa Wuhaan Chaayinaa, bakka dhibee kun itti eegalli keessatti hojiirra ooleera.
Namoota mallattoo dhukkubichaa hin qabne dabalatee, enyuu vaayirasicha akka qabu adda baasuuf guyyoota sagal qofaa keessatti qorannoo jumlaa gaggeeffameen namootni miiliyoona 6.5 qoratamaniiru.
Akkaa sochii ugguruun laaffataa deemuun namootni fayyaadama tajaajila geejjibaa, gabaa ykn hojitti deebi’anitti yeroo kaan caalaa waa’ee rakkoo hin mul’annee kanaaf xiyyeefannoo kennuun barbaachisaadha.














