Koronaavaayiras: Waa'ee Covid-19 ammallee hakiimotaaf hibboo ta'an

Madda suuraa, Getty Images
Addunyaa guutuutti hakkiimoota kutaa wallaansa fayyaa dhukkubsattoonni garmalee dhukkubsatan keessaatti wallaanan osoo waa'ee koronaavaayirasiirratti gaaffii dhiyyeessitanii hunduu deebiisaanii walfakkaataadha. Innis ,''kana akka kanaa agarree hinbeeknu'' kan jedhuudha.
Dhukkubni irra caalaan qaama argansuu namootaa miidhuufi Mudde darbe biyya Chaayinaatti yeroo jalaqabaatiif mudachuun himame kun hakiimoota muuxannoo bara dheeraa qabu jedhaman dabalatee dhimmisaa bitaa itti galaa jira.
Namoonni dhukkuba kanaan qabaman hedduun mallattoolee dhukkubbii salphaa ta'e kan argasiisan yoo ta'u, kaan ammoo gonkumaa mallaattoon dhukkubbii irratti hinmullatu.
Haata'u malee, namoonni Covid-19 lubbusaanii dhabaa jiranis baayyeetu jiru. Isaan kunneenis irra caalaansaanii kan dhukkuba biraa qabaniifi rakkoo biroo qaban ta'uutu himama.
Hakiimoonni hedduunis jalqaba wayita waa'een koronaavaayirasii dhagahameetti dhukkuba qaama argansuu miidhuun rakkoo sombaaf namoota saaxiluu kan fakkaatu ykn qufaa waktii eegachuun mudatu akka ta'uu malu tilmaamanii turan.
Haata'u malee, amma vaayirasichi kan yaadameen ol cimaa ta'u dubbatu hakamiin kutaa wallaansa dhukkubsattoota baayyee dhukkubsatanii, Dr Antonii Gordan.
''Koronaavaayirasiin dhukkubawwan argansu kana dura beeknuun baayyee addadha. Miidhaafi mallattoonsaa namarraa namatti adda ta'unsaa mataansaa dhimmicha caalaa yaaddeessaa taasiseera,'' jedhu.

Madda suuraa, Science Photo Library
Miidhaa sombarraan gahu
Namoota Covid-19 miidhaa fayyaa cimaa irraan gahurratti rakkoolee fayyaa kan akka sombi bishaan qabaachuufi itituu dhigaa mudachuu danda'a.
Baatii Bitooteessaa keessa vaayirasichi garmalee babalachuu wayita eegaleetti dhukkubsattoonni hanqinni Osijiinii mudatee ture hosipitaalota hedduu keessatti mullachaa turan.
Akkasumas, qaama argasuun alatti dhukkubsattoonni miidhaan qaama saanii gara biraarra gahee gara kutaa wallaansa dhukkubsattoota garmalee maadhamanii wayita geeffamaniitti hakiimoonni maal gochuu akka qaban bitaa itti galaa ture.
''Dhukkubbsattoonni tokko tokko hangi Oksijiinii qaamasaanii keessaa baayyee xiqqaa ta'ee osoo jiruu akkuma nama nagaatti yoo socho'an arguun kan hinbaramneedha,'' jedha Hospitaala Kaaba Landoonitti argamu Wiitiingitan keessatti hakmini kutaa dhukkubasttoota wallaansa warra garmalee dhukkubsatanii kan ta'e Dr Hiiyuu Montigomrii.
''Vaayirasichi Oksijiiniin qaama keenya haala akka hingeenyee kan taasisuu ta'ulleen, torbanoota jalqabaarratti tarii somba keenya miidhuu dhiisuu danda'a. Kanaaf, hakiimoonni hedduun dhukkubsattoota wallaanuuf meeshaa argansuuf gargaaraniitti fayyadamuurra of kan qusatan,'' jedha.
Dr Hiiyuu akka jedhaniitti, meeshaan argansuuf gargaaru venteletariin deegarsa olaanaa taasisuulleen, somba qofaarratti xiyyeeffachuun ammoo dhukkubsattoota tokko tokkoof jijjirama eegamu argamsiisuu hindanda'u.
Dhiitoofi itiituu dhiigaa
Wayita namni tokko koronaavaayirasiin qabamuutti ujummoon dhiigaa ni dhiita'u. Kunis dhiigni keenya akka itiituu kan taasisuu yoo ta'u, namoota dhiibeen itti cimeeratti dhiigni akka furdatu taasisa.
Namoota biyya Ingliziitti vaayirasichaan qabamuun kutaa dhukkubsataa garmalee dhibamanii seenaan keessaa 2,000 kan ta'an kaleesaanii hojii dhaabee ture.
Rakkinni biraa kornaavaayirasiin walqabatee ka'u, namoonni baayyeen sammuu isaanii keessatti dhiitoon mullachusaati.
Haalli akkasi kunis dhukkubsattoonni akka burjaaja'aniifi waan hinjirree akka ilaalan taasisuun, yoo itti cimuuttis kirkiiruufi of wallaalluu irraan gahuu danda'a.
Qaama keenya keesstti hirrinni Oksijiinii wayita umamuutti ammoo haalli jiruu caalaa ni cima.
Namoonni kana dura rakkoolee akka dhukkuba sukkaaraa, dhiibbaa dhiigaafi dhukkuba onnee qaban, carraan vaayirasichaan miidhamuusaanii olaanaa yoo ta'u, wantoonni xiyyeeffannoo keessa galuu qaban kan biraa jirachuus ogeessoonni ni gorsu.
Fakkeenyaaf, umurii, saalaa, furdiinaafi dhiimoonni kkf wantoota xiyyeeffannoo keessa galuu qaban muraasa keessaati.
Eenyuutuu caalaa saaxilamaadhaa?
Haala ragaa mootummaan Biritaaniyaa ifa taasiisee tokkootti, dhukkubsattoota Ingliizii, Weelsiifi Kaaba Ayirlaandiitti gara kutaa namoota garmalee dhukkubsatanii keessaa kan %70 ta'an dhiiraa yoo ta'an, %70 isaanii kan garmalee furdataniidha.
Namoota osoo kutaa namoonni garmalee dhukkubsatan itti wallaanaman keessa jiranuu du'an sadii keessaa harki lama kan ta'an kanneen umuriinsaanii waggaa 60 ol tureedha.
Namoonni hedduun mallattoo salphaa, kaan ammoo mallattoo omaatuu kan hinagarsiifneefi kan dafee itti fooyya'uufi kanneen hafan ammoo garmalee kan dhukkubsataniifi maaliif akka ta'ee dhuggaatti hakiimoonni ifatta hinbeekan.
Garuu ammoo baayyeen isaanii uumamni qaama keenyaafi qacceen sanyii keenya gahee akka qabaatu ni amanu.
Haata'u malee, wayita ammaa kanatti Covid-19 ilaalchisee deebii ogeessooonni damee kanaa qaban caalaa gaaffiin isaanii olaanaadhaa.

- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras














