Oromiyaatti haalli shakkamtootni Covid-19 itti tursiifaman maal fakkaata?

Kutaa waldhaansa addaa

Madda suuraa, Biiroo Fayyaa Oromiyaa

Lakkoofsi namoota naannoo Oromiyaa keessatti Covid-19 irratti argamu guyyaa guyyaan dabalaa jira. Magaalotni Oromiyaa dhiyeenya Finfinneetti argaman kan akka Sabbataa, Sandaafaa, Burraayyuu, Adaamaa, Dukam fi Baatuu namoota dhibeen Covid-19 irratti argame harka caalmaan yeroo qabatan, godinaaleen Shawaa Kaabaa fi Shawaa Lixaas iddoowwan weerarri vaayirasichaa itti argamedha.

“Wallagga afran, Ilu Abbaa Booraa fi Bunno Beddellee irraa kan hafe iddoowwan baay’eetti rakkoon kun mul’achaa jira” jedhu itti aanaa hogganaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Obbo Darajjee Abdannaa yaada BBC'f kennaniin.

Tumsa'ina, ittisa fi to’annoo Covid-19'f naannichi iddoowwan tursiisaafi hordoffii 370 akkasumas tajaajila wal’aansaa Covid-19'f immoo hospitaalota 22 qopheessuu isaas Obbo Darajjen himaniiru.

Yeroo ammaattis naannoo Oromiyaa keessa namootni 520 sababa tuttuqqaa namoota vaayirasichaan qabaman walin qabanin fi namootni 20 immoo shakkamanii buufataalee turtiifi hordoffii keessa jiru.

“Haalli as jiru baay’ee rakkisaa dha…”Jiraataan magaala Holotaa dargaggoo Girmaaye Shuree torbee tokko dura wal’aansa dhibee biraatif Hospitaala Phaawulos deemee akka ture fi ogeeyyin fayyaa isa wal’aanan dhibeen Covid-19 irratti argamuu isaatin shakkamee gara iddoo tursiisa shakkamtoota magaala Holotaa keessatti argamu fi buufata Fayyaa Galgal Kuyyuu jedhamu seenusaa BBCti hime.

Sanbata duraa Caamsaa 15 bara 2012 gara buufatichaa akka seene kan himu dargaggoon kun “haalli as jiru baay’ee rakkisaa dha. Buuffanni fayyaa kun dhiyeessiiwwan bu’uraa kan akka ibsaallee hin qabu” jechuun rakkoo keessa akka jiru dubbata.

Haala yeroo jalqaba gara iddoo tursiisaa seenu ture yeroo himus “gaafan jalqaba gara buufatichaa seenu ogeeyyin fayyaa na baqatan. Guyyoota lamaafis hoo’a qaama kootillee safaruu hin dandeenye” jedha.

Dabalataan kunuunsi gama ogeeyyii fayyaatin taasifamu gadi aanaa ta’uu isaa kan himu dargaggoon kun, “kun bakka namni itti yaalamee fayyu osoo hin taanee bakka namni fayyaan dhufee itti dhukkubsachuu danda’udha. Waliigalasaa mana sirreessaati jedhee yoon ibse natti salphata” jedha.

Soorata isaaf dhiyaatus “namaaf kan hin malledha” jechuun kan ibsa.“Nyaata festaalin rarraasanii fidanii mana jala lafa kaa’anii deemu.

Ergan buufata kana seenee guyyaa tokko qofa kan nyaata qodaadhaan naaf fidan” jechuun hima. Haalli buufaticha keessa jiru miira isaa kan miidhe ta’uusaa BBCti kan hime Girmaaye Shuree, “nama dhukkubni kun qaama koo keessa jiramoo hin jiru jedhee dhiphatu dhiisii nama fayyaa ta’eefillee ulfaataadha” jechuun BBCti himeera.

“Manakoo turuurra as turuu naaf wayya…”Miseensoota maatii isaanii namoota shan walin ta’uun buufata tursiisaa magaala Sabbataatti kan argaman Obbo Yilmaa Tafarii “wanti nuuf dhiyaatu hunduu guutuu dha” jechuun turtii isaanii buufaticha keessaa ibsu.

Obbo Yilmaa kunuunsi ogeeyyii fayyaan taasifamuf, iddoon bultii akkasumas dhiyeessin soorataa gaarii ta’uu isaa BBCti himaniiru. “Wanti kun akkuma dhagahamen Sabbataan miila tokkoon dhaabbatte.

Osoo hin qulqulleessin jahan keenyayyuu akka dhibichaan qabamnetti haasa’amaa ture” kan jedhan Obbo Yilmaa Tafarii “mana taa’urra as seenee bu’aa koo baree galuu naaf wayya” jedhan.

Obbo Yilmaan isaan fi maatin isaanii gara buufatichaa erga dhufanii guyyootni saddet lakka’amuu fi guyyoota 14 hanga xumuranitti eeggachaa akka jiran himaniiru.

Gama biraatin Somaaliyaa irraa akkuma dhufaniin gara buufata tursiisaa Yunivarsiitii Odaa Bultum magaala Cirootti argamutti kan geeffaman dargaggoo Najjo Mahaammad fi Nuuraddin Jamaal haalli buufaticha keessatti itti jiran gaarii ta’uu isaa BBCti himaniiru.

Kutaa tokko keessa namoota afur ta’anii akka jiraatan kan himan dargaggootni kun tajaajila buufaticha keessaa argachaa jiran jajaniiru. “Koroonaa kana adda waan hin baafatinif nuti as turuun keenya gaarii dha.

Ergan as dhufee boodan haala isaa fi waan hunda bare. Jalqaba yeroo dhufnu fageenya eeggachuuyyuu hin beknu ture.

Amma garuu barannee fageenya keenya eeggannee jiraachaa jirra” jecha dargaggoo Najjoo Mahaammad. Yaada Biiroo Fayyaa Oromiyaa…Komii dhimma soorataa buufata magaala Holotaatii ka’e kan gaafanne magaalichatti qindeessaan hojii dhimma Covid-19 Obbo Balaay Kuumsaa “Ani qabatamaan nyaatasaa ittin deddeebisuuf mana qopheessaatin saahinaan lama bitamuusaa nan beeka” jedhan.

Dhimmi ibsaas miidhamuu raabsaa elektriikii /tiraanisfoormarii/ irraa kan ka’e ta’uusaa BBCti himan. “Yeroo kana keessa in ni dhukkubsates, inni shakkames, inni fayyaa jirus wal hubannoon deemun barbaachisaadha” jechuun barbaachisummaa tumsa waliiniis dubbatan.

Gama biraatin yeroo ammaatti buufataalee tursiisaa fi hordoffiif magaalotni fi godinaalen soorata dhiyeessaa akka jiran BBCti kan himan hogganaa itti aanaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Obbo Darajje Abdannaa hammuma lakkoofsi namoota buufataalee tursiisaa seenan dabalu garuu hojiin soorata dhiyeessuu magaalota fi godinaaleetti cimuu waan danda’uf Ministeera Fayyaa walin mari’ataa akka jiran himan.

Dhiyeessii meeshaalee ittisaa /protective equipment/ kunneen akka maaskii wajjin walqabatees buufataalee kunneen fi dhaabbilee tajaajila fayyaa biroo keessatti hanqinni akka jiru kan himan Obbo Darajjee Abdannaa, bajata qabamen bittaa raawwachuu fi gargaarsa Ministeera fayyaaf dhaabbilee garaagaraa irraa argamus raabsaa akka jiran himan.

Haa ta’u malee qaawwa gama hanqina meeshaalee ittisaan jiru kana xiqqeessuf hojjetamaa jiraatus hanqinicha guutummaatti hanqinichi ni dhaabbata jechuf rakkisaa ta’uu dubbatan.