Koronaavaayirasii: Oromiyaatti nama 8 dabalatee namootni haaraan 137 Covid-19'n qabaman

Dubartii maaskii uffatte - Itoophiyaa

Madda suuraa, JOSEPH EID

Qorannoo koronaavaayirasii sa’aatii 24 darbe keessa namoota 5,015 taasifameen namoota 137 irratti vaayirasichi argamuu Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa beeksiseera.

Kanneen keessa 20 gara biyya alaatti imalanii kan turan yoo ta’u saddeet ammoo warra nama duraan vaayirasichaan qabame waliin tuttuqaa qabanidha.

Kan hafan 109 hariiroon nama qabamee waliin qaban adda hin beekamne. Kanaanis lakkoofsi namoota waliigalaa vaayirasichaan qabamanii 968 gaheera.

Namootni vaayirasichi irratti argame 109 Finfinnee,17 naannoo Amaaraa, saddeet Oromiyaa, lama Beenishaangul Gumuz fi tokko ammoo Afaar irraayi.

Namootni qabaman 86 dhiira, 51 ammoo dhalaa yoo ta’an umuriin isaanii ganna 4-75 jidduu jira jedhame.

Oromiyaa keessatti namoota haaraa Covid-19'n qabaman keessaa Afur iddoo tursiisa addaa Sandaafaa Bakkee keessa akka ta'an Biiroon Fayyaa Oromiyaa ibseera.

Kan hafan sadii hawaasa keessaa ta'uu fi isaaniis magaalota Buraayyuu, Bishooftuu fi Adaamaa irraayi.

Naannichi sa'aa 24 darban saamuda namoota 338 qorateera. Qorannoo hanga ammaa hojjetameen kanneen akka biyyatti ibsame keessaa 45 Oromiyaa keessatti argamu.

Gama kaaniin namoota jaha har'a magaalaa Finfinneetti vaayirasicharraa dandamatan dabalatee lakkoofsi namoota dandamatanii 197 gaheera.

Gaheessi ganna 62 rakko fayyaa birootiin mana yaalaatti erga du’anii booda qorannoo Koroonaavaayiras gaggeefameen vaayirasichaan qabamuun waan mirkanaaheef lakkoofsi namoota du’aniis saddeetitti olguddateera.

Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa ibsa baase kanaan samuudni qorannoo kanaa kan fudhatame hawaasa saaxilamummaan isaanii guddaa ta'e, dhaabbilee Fayyaa, kanneen nama vaayirasichaan qabamuun beekame waliin tuttuqqaa qabanii fi kanneen bakka adda baasanii tursiisuuf qophaaye keessa jiran irraa akka ta'e ibseera.

Yeroo dhiyoo as Itoophiyaan dandeetti qorannoo gaggeessuu ishee dabalaa kan dhufte yoo ta'u, hanga ammaatti namoota 101,581 qorannoo taasifameera.

Haata'u malee irra caalaan namoota vaayirasichaan qabamuun mirkanaahee seenaa imalaa kan hin qabneefi nama qabamuun mirkanaahe waliin hariiroon qabaniis adda kan hin baane ta'uun yaaddoo uumeera.