Mooskootti lakkoofsi namoota sababa Covid-19 du'an irra deebiin qoratame

Mooskoo

Madda suuraa, Reuters

Qondaaltonni Mooskoo lakkoofsa namoota sababa Covid-19 du’anii dachaadhaan dabalaniiru.

Waajjirri fayyaa magaalatti ammatti namoonni 1,561 sababa dhibee kanaan du’aniiru jedhe. Asiin dura garuu lakkoofsi namoota du’anii 639 jedhamee gabaafameera.

Waajjirichi lakkoofsi amma eerame kun lakkoofsa “falmisiisaa” ta’e dabalateeti jedhe.

Yeroo miidiyaaleen biyya keessaa lakkoofsi mootummaan kennaa jiru gadi aanaadha jedhan oduu sobaatiin qeeqamanii turan.

Raashiyaan lakkoofsa namoota qabamaniitiin Ameerikaa fi Biraaziilitti aanuun addunyaarraa sadarkaa sadaffaarra jirti.

Raashiyaatti lakkoofsi namoota du’anii 4,142.

Mootummaan akka jedhetti qorannoo guutuu biyyaa keessatti taasifameen lakkoofsi namoota du’anii gadi aanaa akka ta’uuf sababadha jedhe.

Ta’us garuu namoonni hedduun lakkoofsi inni dhugaa kana akka caalu dubbatu.

Mooskoon weerara kanatti fayyadamuudhaan sababa adda addaatiin gaazexeessitoota hidhaa jirti. Hedduunsaanii gad dhiifamaniis himannaa garagaraatiin himannaan irratti banameera.

Lakkoofsi namoota Mooskootti du’anii maaf irra deebiin ilaallame?

Qondaaltonni isa kanaaf yoo deebii kennan akka jedhanitti namoonni sababa Covid-19 du’an kan nuti hin beekne qorannoo yeroodhaan taasisuu dhabuutiinii jedhaniiru.

Qorannoo reeffarratti taasisaniin lammiileen biroos koronaavaayirasiidhaan qabamuusaanii akka bira geenyu nu gargaareera jedhu.

Qorannoo namoota 169 irratti taasifameen vaayirasicharraa bilisadha jedhanis booda eega du’an booda qorannoo reeffarratti taasifameen vaayirasichaan qabamuusaanii beekameera jedha qondaalli tokko.

Dabalataanis namoonni 756 Ebla keessa dhibee biraatiin du’an jedhaman qorannoo taasifameen sababa Covid-19 akka du’an ibsameera.

Qondaalonni akka jedhanitti gabaasni ji’a Caamsa lakkoofsa kanaan bakka buufameera.

Haalli qorannon itti taasifame haaraan kun guutuu biyyattii keessatti lakkoofsi namoota du’anii dabaluu akka danda’u mul’isa jetti gaazexeessituun BBC Saaraa Reenisfoord.