Koronaavaayiras: Yeroo weerara Covid-19 'yaaddoo dachaa' namoota HIV qabanii

Madda suuraa, LAKRUWAN WANNIARACHCHI
Dhibeen koronaavaayirasii eegii dhufee gartuu hawaasaa daran saaxilamummaa qaban keessaa tokko namoota vaayirasiin HIV dhiiga isaanii keessatti argamudha.
Namootni kunneen qoricha umrii dheeressu manneen yaalaatti deddeebi'anii fudhatu.
Erga dhibeen kuni dhufee garuu yaaddoo 'yoo koronaavaayirasiidhaan qabamne irraa hin hafnu' jedhuun mana yaalaa dhaquuf sodaa qaban irraa kan ka'e rakkoo keessa galuu himu.
Obbo Tasfaayee Biqilaa magaala sabbataatti dura taa'aa waldaa namoota HIV dhiiga isaanii keessatti argamu kan Shalom jedhamuuti.
Akka isaan jedhanitti gidduu dhibeen koronaavaayirasii kuni dhufe namootni kunneen yaaddoo jajjabduu lama keessa jiru jedhan.
"Sodaa qabna. Sababnisaas koronaavaayirasiin vaayirasii HIV dhiiga keessa jiru kanaan yoo walitti dhufe humna nama dhabsiisee irraa hin hafamu jennee sodaanna."
"Lammaffaammoo koronaavaayirasii malee dhukkubsattooti HIV dagatamaniiru. Gargaarsas dhabaa jiru" jedhan.
Sodaan jiru maali?
Qoricha fudhachuuf yeroo mana yaalaa deemanitti saaxilamummaan koronaavaayirasii dabaluu dandaha jechuun sodaatanii akkaataa eegamuun qoricha fudhachuurratti hanqinni jiraachuus himu.
Gama biraan ammoo namoonni hedduun loogii irra gahuu malu baqachuuf magaala keessa jiraatan osoo hin taane bakka biraa deemanii qorichaa fudhachaa akka turan himu Obboo Tasfaayeen.
Namoonni kunneen ammatti sababa geejjibaatiin rakkachuu himu.
Itoophiyaa keessatti namootni vaayirasiin HIV dhiiga isaanii keessatti argamu walakkaa miiliyoonaa ta'an qoricha fudhachuurratti argamu.
"Ragaan nu gahaa jiru haalan sodaachisaadha"
Daayirektarri Olaantuun abbaa taayitaa ittisaa fi Too'annoo HIV Federaalaa Dr. Tsigeeredaa Kiflee BBC'tti akka himanitti namootni kunneen irra hedduun sababa sodaa koronaavaayirasiitiin qoricha sirnaan fudhachaa hin jiran.
Haalli kunis balaa hammaataa fiduu waan danda'uuf yaaddessaa ta'uu dubbatu.

Madda suuraa, FAROOQ NAEEM
"Amma xiyyeeffannaan hundi koronaavaayirasii irratti ta'uusaatiin dhukkubsattoota HIV ilaalchisee ragaan nu gahaa jiru haalan sodaachisaadha," jedhan.
Lakkoofsa namoota sodaa dhibee koronaavaayirasiitiin qoricha sirnaan fudhachaa hin jirree fi adda kutanii ragaa qulqulluu ta'een deeggaruuf qoratamaa jiraachuus eeran.
"Namoonni HIV waliin jiraatan saaxilamoodha jedhanii waan of yaadaniif mana yaalaa deemanii qoricha fudhachuurratti rakkoon mudachaa jira" jedhu.
Hanqinni qorichaa jiraa?
Yaaddoo fi sodaa dhukkubsattootarraa kan hafe garuu amma biyyattii keessatti hanqinni qoricha HIV akka hin jirre himan.
Itoophiyaan ammatti qoricha dhukkubsattoota HIVtiif oolu kan waggaa tokkoof gahu kuusaa keessaa qabaattus dhiibbaa amma koronaavaayirasiin uumaa jiruun fulduratti hanqinni mudachuu dandaha yaaddoon jedhu garuu jiraachuu eeran.
Namootni vaayirasiin HIV dhiiga isaanii keessatti argamu sodaa koronaavaayirasiitiif jecha qoricha akka adda hin kutnee fi mana yaalaattis hin deddeebineef nama tokkoof qorichi ji'oota jahaaf gahu akka kennamu murtaa'uus himaniiru.
Kanaan alattis naannolee waliin qindaa'uudhaan namootni qoricha adda kutan deebisanii akka jalqabanii fi iddoowwan saaxilamummaan HIV jiruttis qorannoon akka itti fufu hojjetamaa jiraachuus himan.
Yeroo weerara dhibee koronaavaayirasii kanatti sababoota HIV waliin hidhata qabaniin Afrikaatti namootni kuma dhibbaan lakkaahaman du'uu danda'u jechuun Dhaabbanni Fayyaa Addunyyaa yaaddoo qabu ibsuunsaa ni yaadatama.















