Itoophiyaa keessatti naannolee sadiin alatti HIV/AIDS'n sadarkaa weerararraa jira

Obbo Daani'eel Batir

Madda suuraa, Daniel Batir

Itoophiyaa keessatti naannoleen sadii facaatiin HIV/ADIS sadarkaa weeraraarra akka jiran waajjirri Ittisaafi To'annoo HIV/AIDS Federaalaa BBC'tti himeera.

Finfinnee, Dirree Dawaa, Harar, Gambeellaa, Affaar, Tigiraayi, Amaaraafi naannoo Beeneeshangul Gumuz weerara keessa jiraachuu isaanii daayiirketarri daayiiroktoreetii komiinikeeshinii waajirichaa Obbo Daani'eel Baatir BBC'tti himaniiru.

Naannolee weerara kana keessa hin jirre ammoo: Somaalee, Oromiyaafi naannoo Sabaafi Sablammootaafi Ummattoota Kibbaa akka ta'an ibsu.

Akka seera Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti jedhu obbo Daani'eel; walumaa galatti hawaasni dhibbaa ol yoo dhibbichaan qabame weerara akka jedhamu ibsuun naannolee kunneenis weerara keessa jiraachuuf himu.

Ta'us garuu jedhu obbo Daani'eel; haala biyya keessa jiru weerara jechuun akka hin danda'amne ibsu.

HIV/ADIS dargaggoota biratti dagatame

Waajjiri Ittisaafi To'annoo HIV/AIDS Federaalaa dabalataanis dargaggoota biratti of dagachuun ol'aanaa akka jiru himu.

Waggatti lammiileen 23,000 ol vaayirasichaan ni qabamu; lammiileen 11,000 ol ta'an immoo vaayirasichaafi dhukkuboota vaayirasichaan wal qabataniin akka du'an ibsaniiru.

Lakkofsi kun waggoota darbe waliin bira qabamee yoo ilaalamu hir'ataa dhufuusa himu obbo Daani'eel. Kunis immoo akka biyyaatti "of dagachuufi dhibaa'ummaa"akka jiraatu uumeera. Sababuma kanaan hawaasni HIV/AIDS gonkumaa hin jiru jedhee akka yaadu jiraachuus himu.

Kunis hedduminnaan dargaggootarratti akka mul'atu himu. Dhaabbilee barnoota ol'aanaatti, bakkeewwan piroojektoonni jiranitti, bakka oomishni abaaboo jiruufi namoota warshaa sukkaaraaf jecha shonkoora ciran biratti of dagachuun hedduminnaan bakkeewwan itti mul'atan ta'uus dubbataniiru.

Mootummaanis haala kana hubachuun asiin dura namoota hawaasaa keessaa bahaniin, koree garagaraa qindeessun, miidiyaaleefi namoota beekkamoo waliin ta'uun hojii adda addaa hojjachuuf sochiirra jiraachuu himaniiru.

Manni maree Eedsii Biyyaas waggoota shanan jahan darban xiyyeeffannaa osoo hin argatan turuu kaasun bara 2011 A.L.I irraa jalqabee irra deebiin hojii jalqabsiisuu himaniiru.

Tatamsa'ina HIV/ADIS sadarkaa biyyaatti

Tatamsa'inni HIV/ADIS sadarkaa biyyaatti yeroodhaa gara yerootti hir'ataa dhufuu obbo Daani'eel ni ibsu. Kanas lakkoofsaan yoo kaa'an 0.91 ta'a jechuun haalli amma biyya keessa jiru weerara jechuun akka hin danda'amne dubbatu.

Tatamsa'inni HIV/ADIS sadarkaa naannootti yoo ilaalamu tatamsa'inna akka biyyaatti jirurra akka caaluu obbo Daani'eel ibsaniiru.

Tatamsa'inni dhibbeentaadhaan yoo kaa'amu Gambeellaa %4.8, Finfinnee %3.4, naannoon Tigaraayifi Amaaraa immoo %1.2dha.

Akkasumas Dirree Dawaa, Harar, Affaariifi Beeneeshangul Gumuz immoo naannolee sadarkaa weerararra jiran jechuun ibsu.

Tatamsa'inna gad aanaa naannoleen qaban immoo; Somaalee (0.01) fi naannoo Sabaafi Sablammootaa fi Ummattoota Kibbaa (0.04) ta'uusanii himu.

Akka biyyaatti kutaalee hawaasaa keessa tatamsa'inni baay'innaan dubartoota daladala sal-qunnamtiirratti hirmaatan lakkoofsa heddu ta'uusaanii BBC'tti himaniiru.

Kunis %23 ta'uu ibsuun dubartoonni abbaa warraasanii du'aan dhaban gidduttis %19 ta'uu dubbatu.

Konkolaachiftoota karaa dheeraa imalanfi hidhamtoota seera biratti giddu galeessan tatamsa'inni sadarkaa biyyatti ol jedhee akka mul'atu dabalataanis ni ibsu.

Naannoo Amaaraa

Naannoo Amaaraattiin namoonni haaraa HIV/ADIS'n qabamanis ta'ee vaayirasichaan du'an xiqqaachaa dhufuu Biiroo Eeggumsa Fayyaa naannichaatti hogganaan dhimma HIV/ADIS irratti hojjattan kan ta'an obbo Baqaaluu Daagnee BBC'tti himaniiru.

Facaatiin HIV/ADIS naannicha keessa jiru akkas jedhanii ibsuun kan nama rakkisu ta'uu ibsuun, "tatamsa'inni hawaasa walii galaa bira jiru %1.2 yoo ta'u lakkofsaan immoo namoota kuma tokko keessaa namoonni 12 ta'an vaayirasichi dhiiga isaanii keessatti argama jedhamee eeggama", jedhu hogganaan kun.

Magaalota naannichaa muraasa keessatti tatamsa'inni jiru ol'aanaa yoo ta'u namoota kua tokko keessa namoota 41 keessatti vaayirasichi ni argama jedhamee eeggama jechuun ibsu.

"Tatamsa'innii HIV/ADIS naannoo Amaaraa isa sadarkaa biyyaatti jiru waliin wal bira qabamee yoo ilaallamu %30'n caalamaa qaba. Nmaoota akka haaraatti qabamaniin immoo %29 qooddata. Namoonni HIV/ADIS waliin wal qabatee du'an immoo %32 ta'u," jedhaniiru.

Kana keessatti immoo dubartoonni lakkofsi isaanii ol'aanaa ta'uu himaniiru.

Naannichatti magaalloonni 66 magaaloota tatamsa'inna ol'aanaa qabu jedhamanii adda kan bahan yoo ta'u; magaalloonni jaha immoo irra caalaan tatamsa'inni kan keessatti argamudha jedhaniiru obbo Baqaaluun.

Riibaanii HIV/ADIS

Madda suuraa, FAROOQ NAEEM

Oromiyaa

Hawaasa walii galaa keessaa %0.67 yoo ta'u lakkofsaan immoo 178,000 ol HIV/AIDS saaxilamaa yookiin vaayirasichi qaama isaa keessa jiraachuu danda'a jennee qorannoo geeggessineen beekuu dandeenyeerra jedhu Obbo Nagaash Simee Itti aanaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa.

Tatamsa'iinni HIV/AIDS baadiyyaa irraa magaalaa keessatti heddumaachuu kan dubbatan kunis dhibbentaadhaan %3 ta'a jedhu obbo Nagaash .

Magaalaa keessatti dubartoonni daldala saal-qunnamtii irratti hirmaatan, keessumeessitoonni mana nyaataa, dubartoota mana dhugaatiifi shiishaa keessa hojjatan, namoota hojii humnaa hojjataniifi konkolaachistoonni karaa dheeraa imalanis saaxilamummaan isaanii ol'aanaadha.

Gama biraatiin immoo dargaggeeyyiin umuriin isaanii 15-24 jiran ittillee saaxilamummaan HIV/AIDS heddumimmaan mul'ata jechuun obbo Nagaash BBC'tti himaniiru.

Qorannoo bara 2018'tti guutuu biyyaatti geeggeffameen magaalloonni Oromiyaa 92 ta'an qorannoo kana keessaa qooda fudhataniiru.

Magaalloonni 76 ta'an magaalota facaatiin HIV/AIDS hedduminnaan keessatti mul'atuudha.Magaalota 76 keessaa immoo magaalloonni kudhan ta'an isaan kaan caalaa facaatiin HIV/AIDS kan keessatti mul'atudha.

Magaalloonni kunneenis: Adaamaa, Mojoo, Asallaa, Shaashamannee, Naqamtee, Jimma, Goobba, Shaakkisoon fa'a kaasuun ni danda'ama jedhu obbo Nagaash.

Finfinnee

Tatamsa'inni HIV/ADIS magaalaa Finfinnee keessa jiru isa guutummaa biyyattii keessa jiruun waliin garaagarummaa guddaa hin qabu jedhu ogeessi waajjiraa Ittisaafi To'annoo HIV/ADIS magaalaa Finfinnee obbo Taarikuu Moollaa.

Tatamsa'inni vaayirasichaa akka dabaluuf sababoota kan ta'an kaasuun saal-qunnamtii daangaa hin qabne yeroodha gara yerootti babalachaa dhufuu qorannoodhaan irra gahamuu him obbo Taarikuun.

Kunis saal-qunnamtii fuudhaafi heerumaan alatti raawwatamuufi dubartoota daldala saal-qunnamtiirratti hirmaatan waliin saal-qunnamtii raawwachuudhaan akka ta'e ibsu.

Qorichoota sammuu namaa hadhoochan fayyadamuun magaalattii keessatti baay'innaan kan mul'atu ta'uu ibsuun magaalaa Finfinnee keessatti umuriin saal-qunnamtiin itti jalqabu yeroodha gara yerootti xiqqaataa dhufus himu obbo Taarikuun.

Asiin dura umuriin saal-qunnamtiin itti jalqabu ganna 17-18 yoo ta'u amma garuu sanii gaditti ta'u eeru.

Sochii saal-qunnamtii magaalattii keessa jiruun gaa'elaaf amanamoo ta'uu dhabuun heddumaataa dhufuu qorannoon waajjirri Ittisaafi To'annoo magaalattii geeggesse ibsa.

Feesbuukiin HIV/ADIS ittisuuf

Hogganaan qunnamtii ummataa Waajjira Ittisaafi To'annoo HIV/AIDS Federaalaa obbo Daani'eel akka jedhanitti sadarkaa biyyaatti tatamsa'inna to'achuuf xiyyeeffannaan gudda itti kennamee yoo hin hojjatamne tatansa'inni isa amma jirurraa guddachuu akka danda'u himu.

"Dagatamuu isaa fudhachuun yoo hin danda'amne akka biyyaatti gatii nu kafalchiisa. Kunis dhiibbaa xiinsammuu, haawas-diinagdee qofa osoo hin taane dhiibbaa siyaasaas ni fida," jedhaniiru.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Guyyaa HIV/AIDS addunyaa; 'Mootii kondomii Afrikaan' wal baraa

Akka obbo Daani'eel jedhanitti kan waggaa darbee osoo ilaalleeyyuu hammeentaan tatamsa'innaa 1.18 akka ture ibsu.

Guutuu biyyaatti dargaggootaaf hojiin barnoota kennuu bara waliin deemuun barbaachisaa waan ta'eef waajjirrisaaniis miidiyaa hawaasummaa fayyadamuuf akka karoorfatan dubbatu.

Fedhiin raadiyoo, gaazexaafi teelevizhiinii fa'as fayyadamuu jiraachuu ibsuun dargaggoota hedduminnaan argachuuf immoo miidiyaalee isaan hedduminnaan fayyadaman fayyadamuun dursi akka kennamuuf ibsaniiru.