Taanzaaniyaan kondomii miliyoona 30 alaa galchite

Kondomii

Madda suuraa, Getty Images

Abbaan Taayitaa Fayyaa Taanzaaniyaa hir'ina kondomii jalqaba bara kanaarratti mudatee ture furuuf kondomii miliyoona 30 alaa galche.

Haa ta'u malee lammileen biyyattii hedduun gatiin kondomii ol ka'u danda'a soodaa jedhu yaada'aa jiru. Sababiin yaaddoo kanaas raabsa kondomii raabsitoota motummaan hir'ataa dhufe irraa ka'uuni.

Hanqina Kondomii mudate kanarraa kan ka'e magaala guddittii Daar ees Salaam dabalatee magaalota biro keessatti raabsi bilisaa adda cite ture.

''Suqiiwwan muraasnis gosoota kondomii jiran irratti hundaa'uun kondomii tokko shilingii Taanzaaniyaa 3,000 ykn doolaara tokko, kuma shan ykn kuma 10'tti gurguraa jiru.

''Nuti bilisaan kennuu waan hindandeenyeef amma ofiisaaniin bitachu qabaatu,'' jechuun BBC'tti hime hojjataan hoteelaa tokko.

Gargaaraan Ministira Fayyaa Dr Faawustine Ndugulile ammoo amma kondomiin ni argama jedhaniiru.

''Kondomii miliyoona 30 ol galchuuf hajjanneerra. Wanti geedarame yoo jiraate haala raabsa isaa qofaadha. Duraan ejjansiiwwan muraasaatu komdomiiwwan raabsa ture. Amma garuu haalli geedarameera. Amma ejjansiiwwan haaraa raabsuuf itti gaafatamummaan keennameef jiru.''

''Wanti nuti gochu qabnus moodelii haaraan kun sirriitti akka hojjatu mirkanneessuudha. Dulli hubannoo cimsuu galma saagahuufi kondomiiniis dhiyaachusaa mirkanneeffachu qabna,'' jedheera.

Kondomii bilisaan raabsuun qaama taarsimoo ittisa tamsa'ina HIV/AIDS ti.