Yaaliin talaallii HIV argachuuf taasifamaa ture hin milkoofne jedhame

Madda suuraa, Getty Images
Yaaliin talaallii namoota vaayirasii HIV dhukkuba Eedsiii fidu irraa ittisuuf taasifamaa ture bu'aa abdii nama murachiisuun xumurame.
Institiyuutiin Fayyaa Addunyyaa talaallii HVTN 702 jedhamu Afrikaa Kibbaatti namoota 5,000 irratti yaalii taasisuus talaallichi HIV ittisuu hin dandeenye.
Ogeessotni bu'aa argameen gadduu isaanii ibsuun yaaliin talaallii kana argachuu garuu itti fufuu qaba jedhaniiru.
Silaa talaalliiwwan akkanaa HIV of keessaa waan hin qabaanneef kanaaf HIV namatti hin dabarsan.
Talaallichi garuu maali?
Talaalliin kun qorichoota hanga yoonaan HIV ittisuu danda'u jedhaman keessaa kan filatame ture.
Kanaanis ni hojjeta abdiin jedhu guddaa ture, biyyoota addunyaatti faayidaarra oolees babal'achuu HIV hir'isa ture.
Yeroo yaaliin taasifamaa ture maal tahe?
Talaalllii yaalii kana fudhachuudhaaf namoota hayyamamoo tahantu irratti hirmaate.
Daataan yaalii isa sirrii gochuun dura taasifamu bu'aan argamsiise:
- Namooti 129 HIV'n kan qabamni dha warreen talaallicha fudhatan keessaati.
- Namoota talallii fakkeefamee yaaliif hojjetame immoo namoota 123tu fudhate.
Dr Antoonii Faawuusii Institiyuutii Fayyaa Biyyaalessaa Afrikaa Kibbaa irraa akka jedhanitti talaalliin kun dhukkuba kana ni dhaaba jennee abdannee ture, garuu hin taane jedhaniiru.
''Qorannoon talaallii HIV ammallee ni argama jedheen amana, kanaaf hojii keenya itti fufuu qabna jedhan.''
HIV attamiin dhaabachuu danda'a?
Qorichi pirii ekspoozhar piroofaayilaaksiis gama HIV ittisuudhaan mikaa'aa dha. Garuu guyyaa guyyaatti fudhatamuu qabaata.
Biyyoota qorichi kun hin argamnetti karaan HIV ittisan kondomii fayyadamuufi quunnamttii saalaa raawwachuurraa of qusachuu dha.
Yaaliiwwan hanga har'aa taasifaman namoonni HIV qabaman lubbuun akka dheeratu taasisaniiru.















