Human Rights Watch: Hidhamtooni UAE 'wallaansa HIV dhorkaman'

Dooktara yaalii laatu.

Madda suuraa, Getty Images

Hidhamtoonni lammii biyya biraa yoo xiqqaate mana hidhaa Yunaaytid Arab Emireets (UAE) keessa jiran yaalii HIV lubbuu olchuu danda'u dhorkamuu isaanii gareen mirga namoomaaf falmu 'Human Rights Watch' (HRW) beeksise.

Akka gareen kun jedhutti mana hidhaa giddugaleessa Dubaay keessatti hidhamtoota kan turan wallaansii dhibee kanaa ni barfata ykn addaan cita ykn ammoo tasuman dhorkama.

Seerri mirga namooma idil-addunyaa, hidhamtoonni kamuu mirga yaalii fayyaa argachuu akka qaban ibsa.

Mana hidhaa giddugaleessa Dubaay Al Awir keessatti hidhamtoonni lammii biyya biraa tajaajila lammilee UAE'n wal qixa akka hin arganne HRW ibsa baaseratti ni hima.

Hidhamtoonni AL Awir lammi biyya biraafi HIVn hubaman ji'a sadiin ykn jahan qorannoo fayyaa kan argatan ta'us yaalii garuu yeroo yeroon akka hin arganne himu.

Qondaaltonni mana hidhaa yaalii kennamuu irratti 'wal qixxummaa' akka hin agarsiisneefi hidhamtoonni tokko tokko himannaa malee 'HIV waan qabaniif qofa hidhaman' jedhu.

Hidhamtoonni HIV qaban hidhamtoota kaan irraa adda baafamanii kan jiran ta'uufi loogiin akka irraa ga'u dubbatu.

Maaddi tokko akka HRW'tti himetti hidhamaan tokko gara ji'a afuriif yaalii argachuu erga dhabeen booda dhukubsatee mallattoo dhibee Aids irratti argameera.

Akka miseensaa Mootumoota Gamtoomaniitti UAE'n yalii bara 2030tti Aids addunyaa irraa balleessuu taasifamuu keessa jirti.