Keeniyaa: Shamarran waggaa 10'tiif qoricha ulfa ittisu kennuun maal jedhama?

Keeniyaatti maatiin tokko tokko barattoota shamarranii umuriin isaanii 10 ta'ef qoricha ulfa yeroo malee ittisu kennuufi eegaluu BBC'n odeeffate.
Kunis sababii yeroo malee ulfaa'utiin shamarran barumsa isaanii akka adda hin kunne yaadameeti.
Gabaasni akka jedhutti, Keeniyaa keessa shamarran umuriin isaanii waggaa 15 hanga 19 ta'e shan keessaa tokko ni ulfoofti ykn mucaa godhatteetti.
Bulchiinsa Kiwaale jedhamu keessatti sababa ulfa yeroo maleen barattoonni shamarranii barnoota addaan kutu. Lakkoofsi kunis akka biyyaatti guddicha jedhameera.
Narsiin walhormaataa bulchiinsa Kiwaaleedhaa BBC'tti hime akka jedhetti, barattoota gargaarsa qoricha ulfa to'achuuf dhufan keessaa dhibbantaa 10 kan ta'an umuriin isaanii waggaa 14n gadidha.
Akka inni jedhetti, barattoonni shamarranii kunneen akka hin ulfoofne malee dhukkuba HIV ykn dhukkuboota saalqunnamtiin darbaniif (STDI)'f saaxilamuu isaaniif baay'ee hin yaadda'ani.
Biyya Keeniyaatti barnoonni waa'ee saalqunnamtii ilaalchisuun manneen barnootaatti kennu eegaluuf yaada dhiyaaterratti hoggantoonni siyaasaa fi amantaa itti hin gammadne.
Keessattuu dursitoonni amantii adeemsichi safuu hawaasaa kan hin eegnedha jechuun haalaan qeeqaniiru.














