Sababootni ijoo Warraaqsa Diinagdee Oromoo 'duubatti harkisan' maali?

Waggoota muraasa dura mormiin ummataa Itoophiyaa keessumaa Naannoo Oromiyaa keessatti taasifamaa ture gaaffii guddaa kaasee keessaa tokko hacuuccaan siyaasaafi diinagdeetu jira kan jedhudha.
Yeroo mormiin ummataa cimaa dhufetti qondaaltonni naannoo Oromiyaa bulchaa turan hayyuuleefi abbootii qabeenyaa waliin ta'un yaada Warraaqsa Diinagdee Oromoo eegalan.
Dhaabbanni galma barbaadame kana akka gahuf hundaa'e immoo Waajjira Qindeessaa Qaamolee Misoomaa Mootummaafi Dhuunfaa (Public Private Partneship) jedhama.
Itti waamamni isaa waajjira pirezidantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaaf yeroo ta'u yeroo ammaa Obbo Wayyeessaa Margaan Daarektara ta'un tajaajilaa jiru.
Kaayyoon dhaabbata kanaa kan biraa hojii diinagdee mootummaafi ummata ykn invastaroota hirmaachisu dalaguu irratti hubannoo hawaasaa cimsuudha.
Yaadni kuni 'gaheen Oromoon akka biyyaatti qoodni diinagdee keessa qabu gad-aanaadha,' kan jedhurraa madde.
Kanaanis, ummanni walitti gurmaa'ee diinagdee xiqqoos taatu walitti qabu walitti fidee hojjetee jijjiiramuu qaba kan jedhurraa akka eegale qondaaltonni ni himu.
Duubattii harkifatee?
Akka Daarektara dhaabbilee Warraaqsa Diinagdee Obbo Wayyeessaan jedhanitti hojiin diinagdeedhaan ummata cimsuun kuni saffisa eegaleen itti hin fufne.
Kanaafis sababni 'haala siyaasaa biyya keesa ture akkasumas ammas ammas hoggansi jijjiiramuudha.'
Kunis, rakkoo biyya keessa dhalatun yaada hoggantootaa harkisuu isaa irraan kan ka'e akka ta'e eeran. Ta'us haallii jiru abdachiisaa ta'u himu.
'Ta'us cichomi hoggantoota siyaasaa yaada diinagdee eegalanii ammale cimaa ta'u' himu Obbo Wayyeessaan.
Yeroo muraasaaf bakka amma Obbo Wayyeessaan turan kan hojjechaa turan Obbo Niwaay garuu yaada duubatti harkifate jedhuun wal hin galan.
''Lafumaa seera qabeessa godhanii baasuunu yeroo mataa isaa gaafata, lammatammoo sochii waggaa lamaan kana biyya keessa tures irraanfatamuu hin qabu,'' Jedhu.
Dhaabbilee shanan keessaa xiqqoo duubatti kan hafe kan dhaabbata dhugaatii bishaanii Ambootti ijaaruuf yaadamedha. Kanas, saffisiisuuf hojjetamaa akka jiru dubbatu qondaalli.
Gama kaaniin, hirmaannaan hawaasaa duubatti kan hafe akka ta'eefi dadammaqinsi akka barbaachisu eeran.
Qooda ummataa hanqate
Kaayyoon dhaabbilee kanaa ummataafi mootummaan walitti dhufanii diinagdee ijaaruu ta'us qoodni hawaasaa xiqqaatuu himu Obbo Wayyeessaan.
'Hirmaatera (ummanni) garuu ammallee hin hafa' jedhu. Kanaaf akka sababaatti qondaaltonni kan kaasan 'ummanni qarshii baay'ee qabu dhibuu isaati.' Ta'us, dhaabbilee hunda bira miti.
Akka fakkenyaatti qoodni guddaan hawaasni bite kan geejjiba Odaa akka ta'e himu Obbo Wayyeessaan.
''Fakkeenyaaf Odaa namoota 9,000'tu qooda (sheerii) bitate. Kuni guddaadha,'' jedhan. Ta'us, qarshii waadaa seename walitti qabun rakkoo ta'u himu qondaalli kun.
Mootummaan dhaabbilee kana keessa karaa dhaabbilee miisoomaa jedhamaniin qooda kan bitate yoo ta'u kaayyoon isaa garuu dhaabbileen kuni yoo ciman suuta suuta qooda isaa gurguraa keessaa bahuudha.
Dhaabbilee kana keessa garuu qoodni kan ummataafi dhaabbilee qofa miti magaalaaleenis keessatti hirmaatuu Obbo Wayyeessaan dubbatu.
Magaalaa Adaamaa, Buraayyuu, Amboo, Shaashamannee, Laga Xaafoo, Arsii Nagellee, Sandaafaa fi kaan keessa jiru.
Dhaabbilee Warraaqsa Diinagdee Oromoo Shanan
Dhaabbileen shan kaka'umsa Warraaqsa Diinagdee Oromoo waggaa lama dura taasifamen kan hundaa'anidha.
Dhaabbilee kanneen keessaa kan hojii jalqaban jiru, kan jalqabbiirra jiranis jiru.
Konistiraakshinii Walaabuu
Dhaabbanni kuni damee shan of jalaa qaba. Damee konistiraakshinii, kan galtee ijaarsaa (konistiraakshinii) dhiheessu, kan galteewwan kana raabsu, akkasumas ijaarsa manneenii (Real State) of keessaa qaba.

Madda suuraa, Addisu Arega/FB
Dameewwan kana keessaa konistiraakshiniin hojii eegaleera. Godina Arsii Lixaa magaalota Shaashamanneefi Bulbulaatti paarkii indastirii qonnaa kontiraaktarummaan ijaaraa jira.
Kana dura MM Abiy Ahimadiifi yeroos pirezidantii Oromiyaa kan turan Obbo Lammaa Magarsaa dhaqanii daawwatanii turani.
Wanti guddaan waa'ee kaampaanii kanaa namoota hojjetani bulanif hojii kennuu ta'u Obbo Wayyeessaan himu.
''Gara nama 5,000 qacaruu danda'eera. Kuma shan jechuun nama salphaa miti,'' jedhan. Namni keessumaa dargaggoon waan hojjete bulu argamsiisuun kaayyoo warraaqsa diinagdee eegalame keessaa tokkodha.
Kaappitaala itti hundaa'e: Miiliyoona 320
Kaampaanii Dhugaatii Keenyaa
Dhugaatiiwwan adda addaa kan alkoolii qabaniifi hin qabne, akkasumas bishaan akkasumas aannan akka oomishuuf yaadame. Dhaabbilee shanan keessaa kan kaappitaala guddaan hundaa'e kana.
Namoonni 5,000 ta'an guyyaa tokkotti qooda bitani kan xumuran yoo ta'u gosa dhugaatii hunda juusiifi dhugaatii humna kennu dabalatee oomishuuf yaada qaba.
''Gosa oomisha saddeeti ol qabaata gaafa humna guutuun hojiitti seene'' jedhu Hojii Gaggeessaa Oomisha dhugaatii Keenyaa Obbo Niwaay Magarsaa.
Bakki ijaarsi taasifamaa jiru Godina Shawaa Lixaa Naannoo Gincii yeroo ta'u lafa hektaara 100 olirratti ijaarama jedhamee kan yaadame.

Madda suuraa, Oromia Communication Bureau/FB
Dhihoos ijaarsi isaa kaampaanii biyya Jarman Biriiw Teek jedhamuuf akka ji'a 24 keessa ijaare xumuru waligalteen taasifameera.
Kanaafis qonnaan bultoonni garbuu oomishanii akka galii argatan gochuu, dargaggoota akka oomisha raabsan gurmeessuu dabalatee dhabbata kanaan kaanis akka yaadame himu Obbo Niwaay.
Kaappitaala: Qarshii biiliyoona 1 fi miiliyoona 500
Oomisha Maashinii Qonnaa Keenyaa
Hojiin isaa guddaa galtee qonnaa kan ta'an keessumaa tiraaktarii dhiheessuudha. Meeshaalee tiraaktara tolchuuf oolan alaa galchuun biyya keessa supha.
Shaashamanneetti kan hundeeffame yoo ta'u baasii sharafa biyya alaa qusachuuf yaadameera.
Oomisha tiraakteraa kan eegale yoo ta'u dhihoollee Pirezidantiin Itti - aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa daawwatanii turan.
Obbo Niwaay akka jedhanitti immoo dhaabbatichi, ''Tiraaktera addunyaa irratti beekamuufi Joondir jedhamu 60 qonnaan bultootaaf hireera. Amma immoo tiraaktara 354 biyyatti galchee walitti suphaa jira .''
Kaappitaala: Miiliyoona 50
Aquwaa Amboo
Invastimantii oomisha bishaanii naannoo magaalaa Amboo oomishuu kan kaayyeffate yoo ta'u lafni ijaarsa kanaaf oolu argameera jedhu qondaaltonni.

Madda suuraa, Adisu Arega/FB
'Wanti hafu waldaalee IMX qindeessuudha,'' kan jedhan Obbo Wayyeessaan beenyaa kanfalanii lafa argachuun xiqqoo akka harkifatu akka taasise himu.
Kaappitaala: Miiliyoona 60
Geejjiba Odaa
Kaayyoon isaa konkolaattota biyya alaatii fidun tajaajila geejjibaa kennuu, boba'aa alaa fidanii raabsuu, akkasumas suphaa konkolaataa (garaajii) irratti ni hojjeta.
Akkaatuma kanaan konkolaattonni 50 biyya Biraaziliiti kan bitame yoo ta'u isaan keessaa 46 Jibuutii yeroo gahan 4 Itoophiyaa gahaniiru.
Kanaafis konkolaachiftoonni 150 ta'an kan mindeeffaman yoo ta'u yeroo ammaa leenjirra jiraachuu Obbo Wayyeessaan BBC'tti himaniiru. Yeroo dhihoottis hojii eegala jedhamee yaadama.

Dhaabbata geejjiba qindaa'aa odaatti ittigaafatamaa damee geejjibaa kan tahan obbo Eebbisaa Shibashii, baasiiwwan Odaa dhaabbata biyya Iswiidin Volvo'tin Biraazitti Omishamee jedhan.
Gatii baasii tokkoo hanga birrii miiliyoona saddeetii kan tilmaamamu yoo ta'u baasiiwwan 50 kana bituufis birriin miiliyoona 400 tti siqu bahuu eeran.
Tikkeeta onlaayinii kutuuf kan yaadame yoo ta'u kanaanis dorgomtoota kaan irra aanuuf yaadaniiru. Akkaataan bittaan itti raawwates adda ta'u himu Obbo Shibashiin.
Kunis kan oomishaman bituurra ''baasiiwwan kanneen dhaabbata omishu bira deemnee teessuma lafaa fi qilleensa biyya keenyaa waliin akkaataa mijatuun akka hojjetaman goone" jedhan.
Meeshaa jijjiirraa konkolaataa akka hin rakkanneef immoo ''yeroo caalbaasii baasnu kan waggaa tokkoof ta'u waliin waan baafneef isa waliini bitneeti kan galchaa jirru,'' jechuun dubbatan.
Kaappitaala: Miiliyoona 400
Tumsaa waliin hidhata qabaa?
Dhaabbilee kana dura naannoo Oromiyaatti hundaa'e keessaa tokko kan ta'e dhaabbanni misoomaa Tumsaa jedhamu waliin dhaabbileen Warraaqsa Diinagdee hidhata qabaachu gaafanneerra.
Obbo Wayyeessaan garuu homaa walitti dhufeenya hin qabu jedhu. 'Hanga ammaatti qooda hinqabu' jechuun ibsu.
Warraaqsi Diinagdee kuni erga eegale waggaa lama yoo ta'u hojiin mootummaan ummata waliin diinagdee cimsuuf hojjetu biyyaaf haaraa akka ta'e labsiin illee dhihoo akka bahe himu qondaalli.

















