Joorji Filooyid: Walitti bu'insa Miniyaapolis hordofee humni eegumsa biyyaalessaa bobbaafame

Madda suuraa, Getty Images
Hokkora Miniyaapolisitti du'a lammii Ameerikaa gurraachaa hidhannoo malee to'annoo poolisii jalatti raawwate hordofee ka'e tasgabbeessuuf Humni eegumsaa biyyaalessaa Ameerikaa bobbaafame.
Joorji Filooyid Wiixata darbe kan du'e yoo tahu viidiyoon waraabame akka agarsiisutti poolisiin adiin tokko morma isaa irra jilbeenfatee inni ammoo jalaa afuura baafachuu hin dandeenye jechaa ture.
Finciltootni magaalaa Miniyaapolisitti guyyaa sadaffaaf daandiitti bahaniiru.
Gabaasonni akka agarsiisanitti buufatni poolisii tokko finciltootaan weeraramee abiddi itti qabsiifamuun poolisoonni gadhiisanii bahaa turan.
Buufatichi bakka poolisoonni Joorji Filooyid ajjeesan hojjetani jedhama.
Roobii darbe manneetiin daldalaaas saamamaa waan turaniif poolisiin gaazii imimmanessituu finciltoota kanneenitti dhukaasee ture.
Mormii wal fakkaataan Chikaagoo, Los Anjeles fi Meemfis keessattis gaggeeffamaa jira.
Ajjeechaan amma raawwate kun aarii ajjeechaa durumaaniyuu poolisiin isaan gurraachotaa irratti raawwataa ture daran kan hammeessedha.
Dhiyeenyas poolisiin Joorjiyaatti nama Ahimood Arbeerii fi Keentaakiitti ammoo Biriyoonaa Teeyilar lamaan isaanii iyyuu gurrachota Ameerikaa kan tahan ajjeesseera.
Bulchaan Minisootaa Tiim Waalzi akkaataa gaaffii kantiibaa Miniyapolisiin loltootni biyyaalessaa akka bobbaafaman taasisaniiru.
Haalichas ''yeroo nageenyaa ariifachiisaa'' jechuun labsan.
Tim Waalzi akka jedhanitti saamichi, qabeenya barbadeessuu fi abiddaan gubuun sochii daldalaa naannichaa haalaan miidheera.
''Duuti Joorji Filooyid haqaa fi jijjiirama sirna kan fiduu qabu malee du'aatii baayyee fi qabeenyi akka malee barbadaa'uuf tahuu hin qabu,'' jedhan waamicha finciltootni akka tasgabbaa'aniif dabarsaniin.
Kantiibaan Miniyaapolis Yaaqoob Fireey poolisiin Joorji Filooyid irra jibeenfachuun akka du'u taasise akka yakkaan himatamuuf waamicha taasisaniiru.
Poolisoonni afur gochicha keessaa harka qabanis hojii irraa ari'amaniiru. Magaalittiin poolisoota ajjeechaa Filooyid keessaa harka qabu jette afur Deerik Choovin, Tuu Tawoo, Toomaas Leen fi Aleeksaander Kuweengi adda baasuun hojii irraa akka ari'aman taasifteetti.
Deerik Choovin kana duras yeroo sadii namoota biraa irratti dhukaasee rukutteera. Waggoota 19 poolisii tahuun tajaajile keessattis himanni 17 tahu isarratti dhiyaateera.
Doonaaldi Tiraampi viidiyoo Joorji Filooyid ajjeefamuu agarsiisu daawwachuun ' baayyee gadduu' fi tarkaanfiin haqa qabeessa tahe fudhatamuu akka qabu dubbachuu isaanii barreessaan Waayit Haawus miidiyaaleetti himaniiru.
Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Hoggantuun Mirga Namoomaa Misheel Bachileet gochaa ajjeechaa raawwate balaaleffachuun '' ilaalchi jibbinsaa fi miidhaan gosa irratti hundaa'uun dhaqqabu xiyyeeffannoo argachuu qaba'' jette.
Hogganaan Poolisii Miniyaapolis Maadiriyaa Araadondoo, dhukkubbii, miidhaa sammuu fi hamilee sababa du'aatii Filooyid kan miseensota polisii keenyaan dhufeef dhiifaman gaafadha jedhan.
Mormii kana namoota beekamoo kan akka Biyoonsee dabalatee maqaa guddaa kanneen qaban biroos deeggaraniiru.













