Moosaa Faakii: Dura taa'aan Komiishinii Gamtaa Afrikaa ajjeechaa Joorji Filooyid balaaleffatan

Madda suuraa, Moussa Faki Mahamat/twitter
Dura taa'aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faakii Mahaamat ajjeechaa Ameerikaatti nama gurraacha irratti raawwate balaaleffatan.
Muusaa Faakii ajjeechaa qaama seera kabachiisuun Joorji Filooyid irratti raawwatame hadheessanii balaleffatani, gadda guddaa isaanitti dhagahames ibsuun maatii fi jaallattoota isaaf jajjabina hawwaniiru jedha ibsi AU.
Joorji Filooyid Wiixata darbe kan du'e yoo tahu viidiyoon waraabame akka agarsiisutti poolisiin adiin tokko morma isaa irra jilbeenfatee inni ammoo jalaa afuura baafachuu hin dandeenye jechaa ture.
Sana hordofuun mormii dhalateen Miniyaapoolisitti buufatni poolisii tokko gubateera.
Hokkora uumamee akka tasgabbeessus humni eegumsaa biyyaalessaa Ameerikaa bobbaafamee jira.
Komishinarichi maal jedhan?
Yaa'ii bara 1964 yeroo sana Dhaabbata Tokkummaa Afrikaa jedhamuun waamamu kan har'a Gamtaa Afrikaa jedhamu dhimma qoollifannaa fi cunqursaa Ameerikatti gurrachota irratti raawwatu akka hiikamu taa'ame yaadachiisaniiru.
Yaa'ichi Masirii magaalaa Kaayirootti kan gaggeeffame yoo tahu dureewwan biyyoota Afrikaa qoollifannaa fi miidhaa Ameerikaatti lammiilee gurraacha irra dhaqabu furamuu akka qabu mari'atanii ture.
Ammas gaggeesitootni Afrikaa miidhaa fi ajjeechaa gurraachota Ameerikaa irra dhaqqabu cimsanii akka balaaleffatan himaniiru.
Aanga'oonni Ameerikaa loogii sababa sanyii ykn sabummaattiin gurraachotarra gahu dhabamsiisuuf carraaqqii taasisan akka jabeessanis gaafatanii jiru.
Ajjeechaan poolisiin Ameerikaa lammilee gurraachotaafi saboota biyyattii keessatti lakkoofsaan xiqqaa ta'anirratti raawwataa jiru jabaataa dhufeera.
Ragaan gaazexaa Waashingitan Poost akka agarsiisutti bara 2019 namooti 1,014 poolisiidhaan ajjeefamaniiru kanneen, keessaa baay'een namoota gurraachadha.
Akka ragaan dhaabota miti-mootummaa tokko agarsiisutti immoo namooti sanyiin gurraacha ta'an dachaa sadii warra adii caalaa ajjeefamu.












