Koronaavaayirasi: Ilmi mootii Beeljiyeem shubbisa dhaqee Covid-19'n qabamuusaaf dhiifama gaafate

Ilama mootii Beeljiyeem Jowaakim kan jidduu jiru

Madda suuraa, Getty Images

Ilmi mootii Beeljiyeem Ispeen keessatti tibba ugguraa keessa qophii dhiichisaa (party) irratti hirmaatee ture dhiifama gaafate.

Ilmi mootichaa kan umuriin waggaa 28 kuni sagantaa kana irratti erga hirmaateen booda yeroo qoratamu koronaavaayirasiin irratti argamu bareera.

''Waanin raawwadheen gaabbeera,'' jedheeera ibsa gaafa Dilbataa baaseen.

''Yeroo imalakoo tarkaanfiiwwan kabajamuu qaban kabajuu dhabuukootti dhiifataman gaafadha. Yeroo rakkisaa kanatti eenyuyyuu mufachiisuu hin barbaadu,'' jedheera.

Ilmi mootiii kuni Beeljiyeem irraa gara Ispeen kan dhaqe gaafa Kibxataa ta'us guyyoota lamaan booda ammoo kibba biyyattii magaalaa Kordobaa jedhamtu dhaquun qophii shubbisaa irratti hirmaateera jedhameera.

Gabaasiwwan gama Ispeenii argaman akka himaniittis, ilma mootii, ilma adaadaa Mootiin Beelijiiyeem Filippi namoota qophii jedhame sanarratti qooda fudhatan 27 keessa ture.

Haala seera uggura Kordobaatti ammoo, namoota hanga sanaatiin paartii qophii irratti himaachuun seer cabsuudha.

Biyyattii keessatti namoota 15 ol caaluun walitti qabamuun dhorkaadha.

Poolisoonni Ispeenis haalicha qorachuuf hojii eegalaniiru. Namoonni seera cabsuun argamanis adabbii maallaqaa doolaara 9,000 hanga 11,100 kan adabaman ta'a.

Namoonni qophii paartii sanarratti hirmaatan hundis adda baafamanii akka turan taasifamu jedhameeras.

Ilmi mootichaa amma Covid-19 qabamuun himamee kunis maatii mootii keessaa isa xiqqaafi dhaloota mootii biyyattii keessattis 10ffaa ta'uunsaa kan himamee Jo'aakim mallattoo baayyee cimaa hintaane akka qabu himameera.

Magaalaa Kordobaatti bakka buutuun mootummaa Ispeen kan ta'an Raafaa'elaa Vaaleenzulaa qophii paartiichaa balaaleeffachuun namoota hirmaataniinis 'kan itti gaafatamuummaan itti hindhagahamne' jettee jirti.

''Ani baayyee aariifi dinqisiifannaatu natti dhagahame. Taateen akkanaa kunis namoota du'an baayyeedhaaf tibba gaddaa biyyaaleessatti kan dhagahamuudha,'' jettee jirti.

Qophiin paartichaa kunis gaazeexaa Iseen 'El Confidential' jedhamuun gabaafamee kan ture yoo ta'u, ilmi mootii irratti qooda fudhachuu ilaalchisee kan jedhame hinturre.

Ilmi Mootii kunis dubartii lammii Ispeen waliin walitti dhufeenya yeroo dheeraa akka qabuu midiyaa biyya keessaan gabaafameera.

Ispeen uggura biyyoota Awurooppaa keessatti kaa'amee ture cimaa keessaa ganaa reefu bahaa jirti. Uggura laaffisuudhaafis amma tarkaanfii sadarkaa jalqabaa kan daa'imman umurii waggaa 14 gadii mana alatti akka bahaniif Caamsa 4 irratti hayyamamee irratti argamu.

Sadarkaa lammaffaan uggura laaffisuu boru akka hojiirra oolfamu eegama.

Ispeen biyyoota addunyaa sababii koronaavaayirasitiin duutii hedduun keessatti mudateedha. Hanga Sanbate kaleessaatti namoonni 239,228 vaayirasichaan kan qabaman yoo ta'u, kanneen 27,125 ammoo du'usaanii maddi Yunivarsitii Joons Hopkins irraa argame ni mullisa.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa