Hokkoraa fi saamicha halkan lamaa booda Filaadeelfiyaatti sochiin daanga'e

Madda suuraa, Reuters
Ajjeechaa nama gurraacha Waaltar Waalas hordofee hokkoraa fi saamicha halkan lamaaf ture booda, Filaadeelfiyaan sa'aatii namootni socho'uu danda'an daangeessite.
Maatiin akka jedhanitti Waaltar osoo hin ajjeefamiin dura rakkoo fayyaa sammuu qaba ture.
Haaduu harkatti qabatee ture gati jennaan waan dideef ajjeefamuu hime poolisiin.
Ajjeechaa kana hordofuun Kibxata darbe kanneen mormiif bahani fi poolisootni walitti bu'anii turan, suuqiiwwan adda addaas saamamaniiru.
Kana hordofuun magaalattiin sa'aatii namootni socho'uu danda'an daangessitee jirti.
Hokkora Wiixata galgala tureen poolisootni 30 ta'an miidhamaniiru jedhu aanga'ootni magaalattii.
Namni umurii ganna 27 Waaltar Waalas rakkoo fayyaa sammuu 'bipolar disorder' qaba ture. Haati warraa isaa kana osoo hin ajjeesiin dura poolisootatti himaa turte jedha abukaatoon maatii bakka bu'e.
Bara kana wayita Joorji Filooyid Minesootaatti ajjeefamee ture, Filaadeelfiyaa keessattis hiriirri mormii gurguddaan gaggeeffamee ture.
Kibxata maaltu ta'e?
Hiriirri mormii yoo eegalu nagumaan ture, boodarra yoo galgalaa'u wal-dura dhaabbannaan jabaachaa adeeme.
Halkan magaalattii iddoo adda addaatti saamichi raawwachuu poolisiin gabaaseera.

Madda suuraa, Reuters
Mormitoonni akka poolisootni itti hin ceene karaa cufuu yaalaniiru. Poolisootni ammoo mormitoonni nu haleelan jechuun barbaree itti biifuun bittimsuuf yaalaa turan.
Wiixata namoota 300 ol mormiif bahan keessaa namoonni 91 tokko to'annoo jala oolfamanii turan.
Poolisiin konkolaataan rukutame tokko miilli isaa cabee hospitaala jira.
Kibxata ammoo namootni 81 to'annoo jala oolanii isaan keessaa 53 saamichaan himatamaniiru. Poolisoonni 23 ammoo miidhamaniiru jedhu qondaalotni.
Hokkora Filaadeelfiyaa kanaaf pireezidant Tiraamp morkataa isaanii Joo Baayidanitti quba qaban.
"Kaleessa [Wiixata] galgala Filaadeelfiyaan fiinxaleeyyii Baayidan deeggaraniin jeeqamaa turte," jedhan.
"Poolisootni Filaadeelfiyaa 30 ta'an miidhamaniiru, gariin isaanii akka malee miidhaman. Baayidan warra jeeqan waliin, ani ammoo gootota seera kabachiisan waliin."
Kibxata ibsa kennaniin Joo Baayidan fi Kamalaa Hariis, "biyya kana keessatti rakkoon fayyaa sammuu du'aan akka goolabamu ta'uu hin fudhannu," jedhan.
Mormiin mirga ta'uu himanii saamicha raawwatame garuu yakka jechuun balaaleffataniiru.
Waa'ee ajjeechaa kanaa maal beekna?

Madda suuraa, Reuters
Wiixata halkan naannoo sa'aa shanii (20:00GMT) poolisootni lama eeruun isaan qaqqabe. Eeruun kun naannoo Koobs Kiriik jedhamutti namni meeshaa qabate mul'ate kan jedhu ture.
Poolisootni lamaan gaafa achi gahan namni booda ajjeefame Waaltar Waalas haaduu harkatti qabatee ture.
Akka gatu yoo gaafatamu didee gara isaaniitti adeemuu hima pooliin magaalattii.
Poolisootni lamaanuu Waaltar irra deddeebiin itti dhukaasanii gateettii fi laphee isaarra rukutan.
Poolisiin inni tokko battalumatti gara hospitaalaa isa geessullee achitti lubbuun isaa baate.
Viidiyoon waraabamee marsaalee hawaasaa irratti gadi dhiifame, poolisootni lamaan shugguxii itti qiyyaafatanii agarsiisa.
Yoo inni gara isaanii tarkaanfatus duubatti jalaa siqaa akka haaduu gatu itti iyyaa turan. Booda itti dhukaasanii Waaltar lafatti kufee mul'ata.
Poolisootni tokkoon tokkoon isaanii al torba itti dhukaasan.
Mucaan isaanii rakkoo fayyaa sammuu qaba ture kan jedhan abbaan Waaltar Waalas, poolisootni tooftaa biraan to'annoo jala oolchuu danda'u ture jedhu.
Poolisootni lamaan eenyummaan isaanii amma dura hin ibsamne.
Abukaatoon maatii jalqabumaa maaliif poolisootni akka dhufan nuuf hin galle, kan waamame ambulaansii rakkoo fayyaa Waaltar qabuuf isa gargaartu malee poolisoota miti jedha.
Ulfa kan taate haati warraa Waaltar abbaan warraa ishee rakkoo fayyaa sammuu 'bipolar disorder' akka qabu himte.
Waaltar Waalas weellisaa [raapparii] ta'uuf abjuu qaba ture. Dhimmoota akka gara jabina poolisii fi loogii sanyummaa irratti sirbaa akka ture maatii fi ollaan isaa ni himu.
Yeroo adda addaa yakka gara garaan himatamee mana murtii dhiyaachaa ture. Bara 2017 hidhaan baatii 11-23 itti muramee ture.















