Guddifachaa: Namichi gur'aachi daa'ima adii guddifachaan fudhate butteeta jedhame

Abbaafi ilma

Madda suuraa, FOSTERDADFLIPPER

Yeroo baayyee warreen adiitu ijoollee gurraacha guddifachaan yeroo fudhatan mul’ata. Faallaan kanaa yoo mudatu,gurraachi yookiin lammiin Eeshiyaa daa’imman adii yeroo guddifachaa fudhatan qondaalotiifi qaamoleen hawaasaa biroollee ni shakku.

Guyyaa tokko Kaaba Kaarooliinaa, Charloteetti irbaata irra osoo jiranii Piiter osoo Jooniin mucaa tokko waliin wal mormuu arga.

Osoo dubbii cimaan hin ka’iin dura mucaa isaa fudhatee herrega waan fayyadamani kaffalee bahe.

Ilmasaa bobaa isaa jalatti qabachuun daddafee herrega kaffale. Akkuma Piiter Joonii qabatee gara konkolaataa isaanii deemeen Jooniin gadhiifachuuf wixxifata. Piiter lafa isa kaa’uun konkolaataa bane. Kana gidduutti dubartiin tokko itti dhiyaachuun, ija shakkiin ilaalte.

‘’Haati mucaa kanaa eessa jirti?’’ jette. Ani abbaa isaati’’ jechuun deebise Piiter.

Dubartiin kun duubatti deebitee konkolaataa Piiter bira dhaabachuun lakkoofsa gabatee konkolaataa isaa ilaaltee moobayila ishee baafatte.

‘’Heloo, Poolisii adaraa,’’ jechuun suuta jettee dubbatte. ‘’Hey, nama gurraacha tokkotu mucaa adii tokko waan maatii jalaa hate natti fakkaata.’’jette.

Jooniin akka tasaa tahee hin socho’u, ol jedhee callisee Piiteriin ilaalaa jira. Piiter ofitti hammateera.

‘’Homaa rakkoon hin jiru,’’ jedhe Joon.

Naannoo imalaa Loonlii Pilaaneet jedhamtu namoonni dafanii keessa bahuu barbaadu. Yugaandaa keeessatti naannoo daangaa Ruwaandaa fi Demookiraatik Riippaabiliik Of Koongootti iddoo ce’umsaa paarkiiwwan biyyaalessaati.

Piitariif iddoon dhalootasaati,waa’ee naannicha yaadannoo gaarii hin qabu.

Maatii hiyyeeyyii keessatti guddate. Yeroo ijoollee ture miseensoti maatiisaa lafarra ciisuu ture.

Waan guddaa itti of abdannu hin qabnu ture. Laaqanaaf kan nyaannu,mosee fi shoorbaa dha,yoo carroomne immoo kotoree arganna jedha.

Haleellaafi alkooliin machaa’uun jireenya Piitar ture. Jireenya isaatti haaragalfii yoo barbaadu mana adaadaa isaa deema ture.

‘’Karaa tokkoon maatii bal’aa qabna,ijoollee guddisuuf garuu hawaasni ganda sanaa hirmaachuu qaba.,’’ jedha Piitar, Garuu wacaafi muddamaan jiraachuu jibbee manaa akka bade hin haalle.

Waggaa 10tti daandiitti ba’anii jiraachuu filate. Waa qabu qabatee gara buufata konkolaataatti godaane.

‘’Konkolaataa isa kamtuu karaa fagoo adeema?’’ jechuun dubartii otoobisii eegaa turte gaafate. Isheenis qubaan isatti agarsiiste,mallattoo otoobisii irra jiru dubbisuu baatus garuu qabate. Galmi konkolaatichaa daangaa Yugaandaa km400 irra ture.

Adeemsa guyyaa tokkoo booda magaalaa Kaampaalaa gahee, lafa gabaa deemuun warreen daandii irratti miya gurguran, ‘’hojiin hojjedhee nyaata ittiin bitadhu argachuu danda’aa?’’ jedhee gaafate.

Waggoota muraasaaf Piitar daandiirra jiraate,warreen akka isaa daandiirra jiran wajjiin soorata qooddate.Dandeettii jireenyaa gaarummaa ija namaa ilaalanii adda baafatan gonfate.

Namni gaariyyoon tokko Jaasiik Maasiikoo jedhamu,akkuma yeroo kaanii torbee isaa eeggatee gabaa bahe,otoo gabaadhaa hin bahiin Piitariif nyaata biteefi.

Waggaa tokko booda namichuti kun Piitar barachuu barbaada yoo taheef gaafate.Piitar ‘eeyyee’ jedhe jennaan Maasiikoon mana barumsaa isa galche.

Ji’a jaha booda Piitar barumsa isaan cimaa tahuusaa arganii maatiin Maasiikoo isaan waliin akka jiraatu gaafatan.

Piitar Maasiikoo faa waliin akka miseensa maatii tokkootti jaalatamee jiraachuu jalqabe, boodas barumsaan cimaa tahuufi carraa barnootaa bilisaa argachuun oolmaa deebisuu jalqabe.

Waggoota kurnan muraasa booda Piitar nama ganna 40 keessa jiru dha.Ameerikaa keessa gammachuu dhaan jiraata.Dhaabbata miti-mootummaa Yugaandaa keessatti warreen harka qalleeyyii deeggaruu waliin hojjechaa ture.

Dhimmuma hojii isaan otoo imaluu maatii mucaa isaanii guddifachaan fudhatan qabatanii yoo deeman argee, ‘’edaa hanguma ijoolleen Yugaandaa keessa jiran deeggarsa fedhan Ameerikaa keessallee daa’imman manaafi maatii waliin jiraatan barbaadu.

Abbaafi ilmi yeroo taa'anii waliin taphatan

Madda suuraa, FOSTERDADFLIPPER

Yeroo imala isaarraa deebi’u Piitar Kaaba Kaarolaayiinaatti deebi’ee dhaabbata ijoollee mana hin qabne of bira tursu bira dhaqee tola ooluun barbaada jedhe.

‘’Ijoollee guddifachaan fudhattee maatii gochuu yaaddee beektaa?’’ jechuun gaafachaa eenyummaasaa galmeessuu jalqabde.

‘’Anoo hin fuune,’’ jedhee deebise.

‘’Maarree, ijoolleen dhiiraa abbaa fakkeenya isaaniif tahee faana isaa hordofuu barbaadan jiru,’’ jetteenii

Kana dura namticha tokko qofatu ijoollee fudhatee guddisuuf Kaaba Kaarolaayinaattii kan galmaa’e.

Yeroo unka guutu, Piitar daa’ima gurraacha naa kenna jedheetu yaadaa ture. Yeroo daa’imni adii waggaa shanii isaaf kennamu ni nahe.

‘’Yeroo kana dha ijoolleen hundi manni akka isaan barbaachisu kanin bare. Bifti waan ani itti dhimmamu hin turre,’’ jedhe Piitar.

‘’Mana kutaa lama qabun qaba ture, namni kun isa barbaachisu hundi dhufee keessa jiraachuu danda’a jedheen amana ture,’’ Akkuma Masiikoon anaaf godhe anis ijoollee biroof hojjechuun fedha.

Waggaa sadii keessatti ijoolleen sagal Piitar waliin jiraataniiru. Maatii isaanii otoo hin argatiin dura dahoo isa godhataniitu turan, isaanis gurraacha,Hisbaanikii fi adii turan.

‘’Yeroo hunda kan ani hin dandeenye yoo ijoolleen na dhiisanii deemani dha,’’ ‘’Waa baratamu miti,’’ jedha.

Gaaf tokko ammas gaafa Jimaataa dhaabbata tola oolaarraa bilbilli bilbilameefi, mucaan ganna 11 Antoonii jedhamu hatattamaan iddoo akka barbaadu itti himan.

‘’Erga mucaan inni dhumaa isa bira ture guyya tokko dura ture kan deeme. Yaadaan waanin miidhameef, lakkiin jedhe. Yoo xiqqaate baatiin lama na barbaachisa,’’ jedhe.Isaan garuu kan mucaa kanaa adda dha, waanti hamaan irra gaheera, torbee tokkoof isa tursiisiitii booda isa fudhanna naan jedhan jedha.

Boodatti harkifachaa dhuma Piitar waliigalan- Antooniin dheeraa,salphaa fi qaama ispoortiin ijaarame, rifeensa boorajjii qabu-halkan qixxee booda mana fidan.Ganamsaa Piitariifi Antooniin ciree waliin nyaatan.

‘’Piitar jettee na waamuu dandeessa,’’ jedhe mucaatti.

‘’Innimmoo abbaa koo siin jechuu danda’aa? jedhee na gaafate.

Piitar ni rifate. Lamaan isaanii sa’atii dheeraaf walitti hin dubbanne. Piitar waa’ee Antoonii beekuu baatus garuu mucaama isaa itti fakkaate.

Sanbattan irra waliin bilcheessaa fi odeessaa oolan. Gabaa bahanii Piitar Antoonii dhaaf wayyaa biiteef, gaaffiiwwan kanneen akka nyaata akkamii jaalattaa? Fiilmii akkamii jaalattaa faa wal-gaafatan

‘’Waliigalla moo waliif hin taanu waan jedhu’’ wal qorachaa oolan.

Gaafa wiixataa warreen dhaabbati ijoollee kana walitti qabu dhufu Piitar seenaa Antoonii barate.

Waggaa lamatti ture lafa kunuunsa ijoollee kan gale. Waggaa afuritti immoo maatii biraan fudhatamee ture.

Amma waggaa torba booda maatiinsaa guddifachaan isa fudhatan isa ganan.

‘’Kana amanuu hin dandeenye,’’ jedhe Piitar,’’Nagaatti hin jenne, sababa itti hin himne, deebi’anis isa hin barbaanne.Kun hinuma na ajjeese. Akkamiin namni namarratti kana dalaga?’’

‘’Jireenyi Antoonii jireenya ijoollummaa kootti na deebise.

‘’Mucaan kun akkuma koo umuriinsaa 10 iddoo deemu dhabeetu jira. Kana booda hojjettoota hawaasaatti garagalee,’’ waraqaa mana barumsaa akka deemu barbaachisu na guuchisaatii ani falan barbaadan,’’ jedhe.

Antoonii ilaalee egeree ifaa akka qabu itti dhagahame Piitar.

‘’Yerooma na arge abbaa naan jedhe. Akkan abbaa isaaf tahu danda’u itti dhagahameera

Dhaabbatumaan na faana akka jiraatu lamaan keenyayyuu durumaa qabee barree turre jedha Piitar.

Waggaa tokko keessatti Piitar Antooniidhaan ifatti guddifachaan isa fudhate.

Antooniin Piitariidhaan abbaa waa’ee abbaa kee Yugaandaa jiru natti haasa’i jedhaan. Yeroo Piitar nyaata Yugaandaa qopheessu isa gargaara.

Mana barumsaatti Piitariin abbaa kooti jedhee beeksisuu jalqabe.‘’Kuni abbaa kooti,jedhee yoo gammadu hiriyyooti isaa ija shakkiin isa ilaalu,’’

Abbaan gur'aachi ilma adii dugdatti baadhatee

Madda suuraa, FOSTERDADFLIPPER

Haa tahu malee yeroowwan rakkisoos dabarseera. Guyyaa boqonnaa tokkorra, eegduun buufata xiyyaaraa tokko Antoonii dhaabee maatii isaa gaafateen.

Antooniin Piitariin itti agarsiiseen jarri battaluma sakatta’uu jalqaban. Antooniin sanyummaa ifatti argeen ni rifate,Piitar isa tasgabbeesse.

‘’Ani abbaa kee dha, nan si jaaladha garuu namoonni akka keenyaa yeroo hunda akka gaaritti hin ilaalaman,’’ jedhe Piitar. Ati waa tokkottillee aaruu hin qabdu, kan ati goodhuu qabdu namoota ana fakkaataniif kabaja qabaachuu qabda,’’

Piitar jalqaba waggaa kanaattis dhaabbata kunuunsa ijoollee sanarraa bilbilanii mucaa Joonii(Maqaa sirrii miti) yeroo koronaavaayirasii keessa fudhatee guddisaa jira. Jooniis akkuma obboleessa isaa Antoonii ‘abbaa’ jedhee waamuu jalqabe.

Jooniin immoo rifeensa isa warqee fakkaatuu fi qaama qal’aa qaba. Yeroo Piitar waliin tahu shakkiin ilaalamuu sana cirumaa dabaleera..

Piitaris kanumaafi yeroo dubartiin konkolaataa biratti poolisii waamuun kan isa hin dinqine.

Piitar waan akkasii kun inni gurraacha tahuufi Joonii adii tahuusaaf qofa irra deddeebiin mudachuu akka danda’a ibseera.

Yeroo Joorji Filooyiid du’e sana Antoonii waliin taa’anii haasa’aniiru. Piitar Antooniin yeroo hunda bilbilasaa banaa akka godhu itti himeera, poolisiin yoo isa qabe jechuun.

‘’Akka nama gurraachaatti waa’ee mataa koo ibsuuf sekandii 10 qofan qaba.’’jedha Piitar.

‘’Antoonitti kanan himu yoo poolisiin na dhaabe bilbila baasiitii waraabi kan jedhu dha,’’ Maaliif isa qofa dha ragaan koo,’’ jedha.

Qorannoon ogeessa xiinsammuu waa’ee maatii qoratu Nikoolaas Ziil Ameerikaa keessatti warreen adiitu sanyii isaanii ala ijoollee guddifachaaf caalaatti fudhata jedheera.

Odeeffannoon dhiyeenya bahe akka agarsiisutti 2016tti guddifachaa daa’imman adii harka 1 qofatu gurraachaan guddifachaaf fudhatame.

Karaa biraan guddifachaan harka 11 maatii adiitiin taasifama jedha.

Piitar yeroo uggurri imalaa ka’uu ijoolleef karoora qaba.

Yugaandaa isaan dhaqtee abbaan isaanii eessaa akka dhufe akka argan barbaada.

Maatii Joonii waliin immoo hariiroo gaarii uumuun maatii isaatii yoo deebi’ee akka nagaan xumuramu barbaada.

Haa tahu malee karaa miidiyaa hawaasa gaaffiin fuudhaa isaaf dhiyaatus tole hin jenne.

‘’Ijoolleen koo yeroo hunda tasgabbaa’ee of gaafan isaaniif kennu na argtanii hin beekan kanaaf guutummaan guutuutti isaaniif jiraachuun fedha’’ jedhe.