Imala guddifachaa shamarree Itoophiyaa hanga Ameerikaaatti

Madda suuraa, AMARECH RICHMOND
Maqaankoo Amaarach Riichimand jedhama. Umuriin kiyya waggaa 20. Kanan jiraadhu Norzi Kerolaayinaa yoo ta'u kanan dhaladhe Walayitaa Soodootti.
Obbolaa dubaraa lamaafi obboleessa tokkon qaba. Obboleettiin kiyya Asteer jedhamti. Abbaan keenya baayyee waan nu hingargaarreef haatii keenya qofumashetti arfan keenyaa guddisuuf rakkataa turte.
Haatiikeenya nu malee kan deegaru waan hinqabneef nu guddisuuf gidiraa heddu agarte. Anis ashaakiltii biteen irraa bufadhee gurguran ture. Isan argadhe qabadheen gara maatii kiyyaa figa ture.
Yeroo sanattis akka ijoollee mandara keenyaa kan biraatti xabachu kan jedhu hinturre. Maatii kiyyaa deeggaruufan fiiga ture.
Wayita haati kiyya hojjattu obboleettii kiyya quxusuun kan kunuunsa ana waan tureef carraa mana barnootaa deemu hinargane. Amma yoon yaaduu sun hundi baayyee cimaa ture.
Obbolaa angafaa kiyya keessa tokko qaro dhabaa ture. Kunuunsa addaa waan barbaachisuuf, kana hunda kan raawwattu haadha keenya turte.
Wayitan waggaa 11 guutuu haalli cimaa dhufe. Wayita sanas obbolettiin kiyya Asteer kan waggaa shanii turte. Haati keenyas nu guddisuun baayyee itti ulfaate. Waan isheen nuuf guutuu hindandeenye hundas argachaa akka guddannu barbaadi turte.
Kanaafuu anaafi Asteer akka jireenya gaarii jiraanu hawwite. Dhaabbata guddisa daa'iman warra dhabanii kan Walaayitaa Sooddoo keessatti argamu tokko nu galchite. Aniifi obbooleettiin kiyyas haadhaafi obboolaa kiyyaan adda bane!
Jireenya jiddugala guddisa daa'immanii
Erga jiddugala guddisa daa'imanii Walaayitaa Sooddoo keessa turree booda gara dhaabbata Finfinneetti argamu tokkootti nu fidan. Achis baatii sadiif turre. Achittis miirri dhaabbaticha keessa akka hinjiraanne siyaachisutu ture.
Jaalalli hinturre. Hundi keenyaa dhaabbatichatti kan dhufneef guddifachaan fudhatamuuf ture. Hojjattoonis ta'e kunuunsitoonni nama hinjaalatan. Lafa namni mana jaalatu hinjirree jiraachuu yaadiimee...Aniifi obboleettiin kiyya waggaa caalaa dhaabbata guddisaa keessa jiraanne.
Bara 2010tti maatiin Riichimandi ijoollee guddifataa barbaacha Ameerikaa gara Itoophiyaa dhufan. Wayita gara dhaabbatichaa dhufanis gara Ameerikaatti nu fudhachuuf akka yaadan hinbarreen ture.
Finfinnee kan turan guyyoota shan qofaaf ture. Gara Ameerikaa deemuuf guyyaan tokko wayita nu hafuun akka eessa deemnu, maaliif akka deemnu naaf gale. Of to'achu hindandeenye; bo'uun eegale.
Akkan biyyaafi maatii kiyya dhiisee deemuuf jiru kan naaf gale guyyaa dhumaa ture. Ni sodaachisas ture.

Madda suuraa, AMARECH RICHMOND
Erga Ameerikaa galameen booda
Maatiin nu guddifatan ijoollee sadii qabu. Dhiira lamaafi dubara takka. Aniifi Asteeris maatii haaraa keenyatti makamne. Baatiiwwan jalqabaa aniifi obboleettiin kiyyaa waa'ee haaraa agarree hunda haasofna ture. Jijjirama guddaas ture. Suuta suuta Ameeriikaa jaalannee.
Garuu baatiiwwan muraasaan booda Ameerikaan na jibbisiifte. Gara biyyaas deebii'u barbaade. Ija jabaadhee gaafachu dadhabuuf sammuu kiyya keessa kan deddeebii'u dhimma maatii kiyyaa ture.
Haatiifi obbolaan kiyya nan yaade. Kana biraa hafee nyaataan beekun waanan dharree'eef jireenyi naaf deemu dide.
Asteer xiqqoo waan turteef hanga kiyya hinrakkannee turte. Akkuma salphaattu jiruu Ameerikaatti madaqxe. Ana garuu akka salphaatti naaf dagatamuu dide jiruun biyyaa.
Mana barnootaas galee hiriyyaa godhachuun dadhabe. Ijoolleen daree keessa jiran wal beeku turan. Kanarratti Afaan Inglizii hinbeeku, attamiin ijoollee waliin haa galu? Qofummaa cimaan natti dhagahame.
Duras akka daa'imaa osoon utaalee hinxabatiin waanan guddadheef ijoollee yoo xabatan bitaa natti gale. Kan dur hinbariin Ameerikaa gahe daa'ima ta'un dadhabe.

Madda suuraa, AMARECH RICHMOND
Ijoollee Guddifachaa hiriyyaa godhachu
Yeroo hunda gara jireenyan beekutti yoom akkan deebi'u wallaalun kiyyaa baayyee na jeeqa ture. Wanti Ameerikaa jiru kamuu na hawwachuu dide.
Jireenya kiyya xiqqoo kan naaf salphise ijoollee guddifachaan gara Ameerikaa dhufan hirriyaa godhachu kiyya.
Ijoolleen kunneenis wayitan Itoophiyaa dhaabbata guddisa daa'imman turetti na waliin kan turaniidha.
Booda maatii na guddisaniin hirriyyoonni kiyya Ameerikaa akka jiraniifi argachu akkan barbaadu itti hime. Ajansiin anaafi obboleetti kiyya gara Ameerikaa nu fidees bilbilaa fi tessoo ijoollee sanaa nuuf kenne.
Hiriiyyota kiyya sadii waliin yeroo hunda waliif bilbilla turre, waliis ni agarra. Hundi keenyaa wan lafakkatu keessa waan dabarruuf wal hubanna ture. Wal hubannas ture. Kunis baayye na gargaare.
Jireenya Amerikaa itti baruuf waggaa 4 guutuu natti fudhate. Keessattu osoo obboleettiin kiyya na waliin jiraachu baattee maal akkan ta'u danda'u hinbeekun ture.
Firri foonii asii qabu ishee qofadha. Waliin buluu baayyeen jaaladha. Yoo guddattu argumis baayyee na gammachisa.
Hunda caala kan yaadaa ture
Obboolaa kiyya waliin waa baayyee dabarseera. Seenaa keenyasan irra dedebiin yaaduun na gammachisa ture. Kanan yaadadhus obboleetti kiyyattiin hima.
Walitti dhufeenyi haadha kiyya waliin qabu hinda caalaa sammu kiyya keessaa bahu hindandeenye. Akka hirriiyaa walii jaalatanii turre. Haadha kiyya osoon hinargiin jiraachuun natti ulfaate.

Madda suuraa, AMARECH RICHMOND
Akkasumas Obboleessi kiyya tokko koleejii yoo heebbifamu, kuun barnoota sadarkaa lammaffaa yoo xumuru ani achu hinturre.
Obbolaan waarra na guddisanii natty siquuf baayyee yaalu turan; ani garuu fuula hinkennuuf ture. Isaan garuu ijoollee jaalalaafi kan nama kabajan turan.
Ani garuu akka saanii hinturre. Tarii miirri akksi sun kanan lafa guddisa daa'imaatii turtii wagga tokko sanatti bare natty fakkaata.
Maatiin na guddifatan na jaalatu. Ani ammo maatii Itoophiyaa kiyyan jaaladha. Jaalala haaraaf eddo hinqabuun ture.
Maatii ofii barbaacha
Aniifi obboleettiin kiyya gara Ameerikaa kan geeffamne guddisa 'close adoption' jedhamuun ture. Kana jechuunis ijoolleen guddifachaan fudhatamaniifi maatiin guddisu waa'ee maatii ijoollee ilaalchise ragaan hinkennamuuf.
Kanaafu erga Itoophiyaa baanee kaasee waa'ee maati kiyyaa raga omaa argachu hindandeenye. Bara 2011 irratti hadha kiyya gabaasni tokko qaqabe. Innis gabaasa guddifachaan booda maatiif kennamu ture. Gabaasichaanis suuraan kiyyaafi kan obboletti kiyyaa haadha kiyya qaqabe.
Bara 2012tti ammo ejansiin anaafi obbolettii kiyya warra nu guddiseen walitti nu fide cufame. Waa'ee maatiikiyyaa eenyuun gaafadhu? Akkasumatti waggaa jaha dabarse. Kanaafu filannoon jiru feesbukiirra barbaadu ta'e. Garuu omaa argachu hindandeenye.
Nagaa ta'ufi lubbun jiraachusaanii dhagahu dhabuun baayyee na cinqe. Nan bohan ture. Waa'ee maatii kiyyaa yaadu waanan dadhabeef barbaachis kiyya bu'aa dhabullee ittuman fufe. Booda keessa abdii kutuu eegaleen ture...
Boodas maatii kiyya argu akkan barbaadu warra na guddisanitti hime. Maatii kiyya argu malee jiraachu akkan hindandeenye itti himaan, abbaan na guddisu yoon waggaa 18 guutuu gara Itoophiyaa na geessuun maatii kiyya akka naaf barbaadu waadaa naaf gale.
Garuu waggaa 18 dura oduun jireenya kiyya geedare tokko na qaqabe.
Haatiikoos anaafi obboleetti kiyya barbaadaa turte
Gaafa tokkos maatii hundi walitti haa qabamu jedhame. Maatiin nu guddisan hunda keenya walitti qabuun 'oduu gammachu' tokko qabna jedhan. Haati kiyyas anaafi Asteeriin barbaadaa jiraachu nutti himan.

Madda suuraa, AMARECH RICHMOND
Haatii kiyya gabaasni guddifataa jalaa adda cinnaan nu barbaacha eegalte turte. Hojjattuu hawaasummaa Walaayittaa Soodootti argamtu tokkootti waa'ee keenya himti.
Suuraa keenyas kenniteef. Makaan masoo kiyya Ayyaane ta'u, dugda kiyyarra mallattoo 'maaramiin na dhungatte' jiraachu, hundaa itti himte jirti.
Hojjattuun hawaasaa tunis karaa dhaabbata 'barbaacha maatii' jedhuutiin maatii na guddise argatte. Kun hundi yoo natty himamu gammachuun ofi wallaale. Nahees ture. Kanan hineegiin ture.
Itti aanseen maal haa gonu? Xalayaa yaa barreessinu? Jechuun gaaffii dhiyeesseef. Obboleettii kiyya garuu bitaa itti gale ture. Callifte na ilaalaa turte.
Achinis xalayaa barreesine maatii kiyyaaf ergineef. Torbaan lamaan booda suuraafi vidiiyo waraabanii nuuf ergan. Guyyaa sanaa kaasee jireenyi kiyya geedarame. Ergan tessoosaanii argadheen booda yeroo hunda waliin haasa'u eegalle.
Gara Sooddootti deebii'e
Bara darbe gara Itoophiyaa imaluuf tikkeetii kutadhe. Obboleettiin kiyya deemuu hinbarbaadu waan naan jetteef qofuman deeme ture.
Yoon buufata xiyyaara Finfinnee qaqabu baayyeen dhiphadhe. Obboleetti kiyya angafaa dhufe akka harka kiyya na qabun barbaade. Kanan jalqaba argas isuma ture.
Akkuma bara ijoollummaa keenyaa sana wayitan Finfinnee turteetti harka kiyya qabate naan deema ture. Isaan booda gara Sooddoo deemne.
Wayitan haadha kiyya argu calliseen bo'u eegale. Isheenis akkasuma. Lamaan keenyayyu imimmaan gammachu boonye.
Daqiiqawwan dheeraafis osoo walgadhiisiin wal hammannee boonye. Dhugaa natty hinfakkaanne ture. Waanti hundu akkuma duriitti deebii'e.
Maatiiwwan kiyya beeku hunda argadhe. Akkuman gammadeetti torbaan sadii dabarse Sooddootti.
Osoon guddifachaaf kennamu baadhee jireenyi kiyya maal fakkaachu akka danda'u haadha kiyya waliin dubbanne. Anaafi obboleetti kiyya guddifachaaf kennunsheetti akka hungaabine dubbatti.
Dhugaattis murte jireenyasheetti taasifte hunda caalaa nu guddifachaaf kennuun isa cimaa turesheef. Ta'us kanan guddifataaf isiin kennee 'sababa malee miti' akka jireenya gadadoo hinjiraanne yaadeen jetti.
Garuu ejjansiin nu kenne cufame nu argachu dhabuusheetiin gaabbii keessa galte turte. Dhimma kanaanis baayyee hubamushee hirriyyoonni ishee natty himaniiru.
Ani Ameerikaa jiraachu kiyyatti waa hedduun argadha ture. Garuu bakka maatii kiyyaa naaf hinbune. Haatii kiyyas akkasuma nu yaada turte.
Amma jireenyi bareedaadha
Amma barattuu kolleejjii waggaa jalqabaati. Maatii guddifachaa kiyya baayyeen jaaladha. Dhugaa dubbachuuf ammoo isaan waliin wal baruuf yeroo dheeraa natti fudhatee ture.
Namoota hinbeekne 'abbaa'fi 'immaa' jedhanii jiraachuun cimaa ture. Yeroo natti fudhatus garuu amma maatii taaneerra.
Murteen haadha keenyaas sirriidha jedheen amana. Jalqabarratti haallichi natty cimurreen haadha kiyya hubadheera. Osoo guddifachaaf na kennuu baattee rakkina hedduutu na eeggata ture.
Amma obbolaa guddifachaa kiyya waliinis walitti dhuyaanna. Obbooloota kiyya Itoophiyaa jiran waliinis akkasuma. Wayitan obboloota kiyya waliin haasa'u humnan argadha. Na jabbeessa.
Jireenya kiyyarra ka'unis ijoolleen guddifachaan kennaman yaaddoo maatiisaanii rakkachu hinqabaatan. Maatiisaanii argu qabu.
Ani ergan maatii kiyya argadheen booda jireenyi kiyya geedarameera. Gammadduus ta'eera. Amma kanan yaadu digrii kiyya fudhadhee hojii gaarii qabachuchudha.
Gaaffiin maatii kiyya waan naaf deebii'ee amma haala eegeree yaadun ddanda'a.














