Intala waggoota 26 booda miidiyaa hawwaasaan firootashee argatte

Grace Umutoni

Madda suuraa, Grace Umutoni

Ibsa waa'ee suuraa, "Na beektuu?" Girees Umutonii suuraashee kanneen baatii Eblaa keessa midiyaa hawaasumaarratti maxxansite

Shamarreen yeroo duguuggaa sanyii Ruwaandaa bara 1994 daa’ima ganna lamaa taatee maatii ishee dhabde, amma karaa miidiyaa hawaasaatiin firootashee muraasa argachuu dandeesse.

Girees Umotonii jedhamti. Maqaa maatiinshee moggaasaniif hin beektu. Suuraa ishee hedduu WhatsAppa, Feesbuukii fi Tiwiiterii irratti maxxansite.

Kanas kan raawwatte ji’a Ebla darbe yoo tahu tarii firoota koo keessaa yoon namoota muraasa argadha tahe jettee yaalte.

Karaa deeggarsa dhaabbilee garaagaraa fi mootummaatiin maatii irraa dhalatte argachuu hin dandeenye ture.

Shamarreen ganna 28 amma ogummaa Narsiin tajaajilaa jirtu waan beektu yoo jiraate bakka guddisa daa’immaan haadhaafi abbaa hin qabnee magaalaa Kigaalii jiruu obboleessa ishee yeroo sana ganna afur taheefi booda du’e tokko waliin dhufuu ishee qofa.

Bakki irraa dhufte ammoo ollaa magaalaa Nyamirambo jedhamtu irraa.

Daa’imman hedduun lola gosa Tutsis fi Huutuu gidduutti gaggeeffamee guyyoota 100 keessatti lubbuu namoota 800,000 galaafateen maatii isaanii dhabaniiru.

Haaluma kanaan Girees Umotonii akkuma suuraa ishee maxxansiteen namootni hedduun fira keenya taati jedhanii dhaqaniiru. Garuu hin milkofne.

Ji’oota booda namni Antoonii Rugaagii jedhamu tokko suuraa ishee argee gaafachuu deeme.

Namni kun obboleettiikoo Liliyoosee Kamukama jedhamtu fakkaatta jechuun dhaqee ishee gaafate.

Obboleettiin isaa kun ammoo bara 1994 duguuggaa sanyii raawwatame sana keessatti ajjeefamteetti.

'Dinqiin ani waaqa kadhachaa tureef'

"Yeroon isa argu akka wal fakkaannun ilaale,’’ jette Umutooniin yaadashee yeroo BBC Great Lakes’ kennitu.

‘’Garuu fira tahuu keenya qorannoo DNA qofatu mirkaneessa, kanaaf qorannicha ji’a Waxabajjii keessa gara Kigaaliitti geessuu qabna,’’ jette.

Lamaan isaaniiyyuu qorannoo gaggeessanii bu’aa isaa fudhachuuf waliin deeman.

Gireess Umutoni fi obboleessa haadha ishee Antone Rugagii

Madda suuraa, Grace Umutoni

Magaalaa Kiigaalii waliin gahanii bu’aani qorannoo isaanii %82 walitti dhiyaachuu isaanii agarsiisa. Lamaan isaaniif guyyaa addaa ture.

‘’Baay’een nahe. Miira gammachuukoo to’achuun dadhabe. Har’ayyuu abjuu natti fakkaata. Kun dinqii waaqayyo akka naaf godhuuf kadhachaa turedha.’’

Namni isheen waliin fira taate kun eessuma isheeti. Eessumni ishees maqaa maatiin ishee gosa Tutsis baasaniif Yiveetee Mumporeze akka tahe itti hime.

Firoota karaa abbaashee jiran waliinis wal ishee barsiiseera.

Bu’aan qorannoo osoo hin bahiinis suuraa maatiishee durii waliin wal bira qabdee gaafa ilaaltu akka firootashee tahan mirkaneessiteetti.

‘’Mucayyoon kun intala obboleessakoo Appiraayis Mariyaa Viyaanii fi haadha warraa isaa Liliyose Kamukamati’’ jedhe eessumni ishees. Lamaan isaanii iyyuu duguuggaa sanyii raawwate san keessa ajjeefaman.

Firri ishee biraan Bukuraa jedhamtu maqaa guutuun obboleessa ishee waliin gara dhaabbata guddifachaa san deemee Yiivees Muukiyoo jedhama jechuun itti himte.

Isheen garuu maqaa jalqabaa Yives qofa yaadatti. Obboleessa xiqqaa Faabiris jedhamus qabdi ture. ‘Namni hafeeru jira hin seene’ jette Bukuraan.

Lolli duguuggaa sanyii Ruwaandaa yeroo xiyyaarri pirezidaantii Ruwaandaa fi Burundii kan gosti lamaan isaanii Huutuu tahe, feetee balali’aa turte rukutamuun lamaan isaanii du’an ture kan jalqabe. Xiyyarittiin Eebla 6, 1994 halkan ture kan rukutamte.

Guyyaa itti aanu haleellichi jalqabe. Hidhattootni Huutuu hawwaasa Tutsis lakkoofsaan xiqqaa tahan adamsanii akka ajjeesan itti himame.

Naannoon magaala Kigalii, Nyamirambo jedhamu bakka jalqaba haleellaan irratti jalqabedha.

Daandiin cufamuun namootni hedduun meeshaa qara qabuun ajjeefaman, Kaan manni isaanii gubate. Kaan gara masjiidaa fi waldaatti baqatan.

Girees Umutoni (B) fi haadha ishee Liliosee Kamukamaa suuraa maatii durii keessaa

Madda suuraa, Grace Umutoni

Bukuraan akka jettetti dubartiin tokko irree daa’ima Yives jedhamuu qabdee fiigaa akka turte namni argeera. Ergasii odeeffannoon homaa hin dhagahamne. Waa’ee obboleettii isaa amma argamteUmutoonii garuu homaa hin dhageenye ture jette.

Waraanichi bara 1994 yeroo hidhattootni Tutsis, Rwandan Patrotic Front, pirezidaanti Pool Kaagaameen dursamu aangoo qabatu dhaabbate.

‘Gaddaanan jiraachaa ture’

Mana barumsaa sadarkaa lammaaffatti barsiisonni koo maatii koo yoo jiraatan akkan argadhuuf gara Kigaalii deemuun gaafachuun na gargaaraa turan. Garuu homtuu hin argamne,’’ jette.

Yeroo hundumaa akka nama sanyii ykn hidda dhalootaa hin qabneetti gaddaan jiraachaa ture. Garuu dinqii waaqaa akka anaaf tahu kadhachaan ture. Maatiin na guddisan na kunuunsanis maatiin irraa dhaladhe yaaduu garuu dhiisuu hin dandeenye.

Maqaan anatti himame Yives kan jedhuu fi Nyamiramo kan jedhu qofa ture. Barbaacha jalqabuuf illee odeeffannoo baayyee xiqqoodha. Amma firoota hundaa baruuf baayyee ariifattee jirti. Ruwaandaa keessaa fi bakka biraatii walitti qabuuf yaadamee garuu weerara koroonaavaayirasiitu akka harkifatu godhe.

Hanga sanatti karaa Waatis Aappii firootaan wal barteetti. Gar tokkoon obboleessa ishee kan tahe nama magaalaa Kiigaalii jiraatu waliinis wal barteetti. Abbaan ishee osoo harmee ishee hin fuudhiin dura dubartii biraa irraa kan argate ture.

Erga bara 1995 as namootni 20,000 tahan irra caalaan isaanii ijoollee kan tahan deeggarsa Koree Fannoo Diimaa Idil-adunyaan maatii isaanii waliin walitti dabalamaniiru.

Taateen isaa akkas ture:

Ebla 6,1994 : pirezidaanti Habiyaramana, gosa Huutuu, Xirraarri rukutamuun du’e.

Guyyoota 100 keessatti: Gosni Huutuu aariin ka’uun gosa lakkoofsaan xiqqaa tahan Tutsis 800,000 tahan fixan.

Waxabajji 4,1994 Gareen finciltoota RPF Pool Kaagaamee pirezidaantii ammaa Ruwaandaan hogganamu aangoo qabate.

Gosa Huutuu Miliyoona lama:Gosti Tuutis Gumaa baafachuuf nu fixu jedhanii sodaachuun gosni Huutuu gara DRC ammaatti baqatan.

93:Ajjeechicha qindeessuu keessatti qooda ol aanaa kan bahatan mana murtii Idil-adunyaatti himataman.