Lammiin Ruwaandaa himmannaa duguuggaa sanyiin UStti hidhame

Madda suuraa, Reuters
Lammiin Ruwaandaa duguggaa sanyii biyya Ruwaandaa bara 1994 irratti hirmaannaa qabachuu isaa waan dhokseef himmannaa yakka godaantotaatiin Ameerikaatti hidhaan waggaa saddeetii itti murtaa'e.
Giin Lewoonard Teganya, ganna 47, "Yakkaa waliin dhahuu godantoommaa keessaa isa cimaa raawwachuun himatamee itti murtaa'ee ''kooluu galtummaa Ameerikaa argachuuf yakkamaa waraanaa ta'uusaa dhoksuuni. " jechuun Abbaan Alangaa US Andiruu E Leelling ibsa Wajjiiraa Haqaan ba'erratti ibsaniiru.
Rwaandaa bara 1994tti, guyyoota 100 keessatti qofa, finxaalleeyyiin saba Huutuu namoota 800,000 ta'an ajjeesaniiru. Namootni kun hawaasa Tuutsii, mormitoota siyaasaa irratti xiyyeeffachuun ajjeechaa gaggeessaa turani.
Teganya,yeroo duguuggaa sanyii Ruwaandaa kun raawwachaa turetti barataa ogummaa fayyaa ture. Himaannaan irratti dhiyaates gartuu loltootaa hospitaala keessa naannessuun dhukkubsattoota saba Tuutsii ta'an adda baasaafii ture jedha ibsi Ameerikaa.
Dabalataanis "erga addaan baafamanii, namootni Tuutsii kun kutaa da'umsaa borootti geeffamuun ajjeefamaa turani" jedha.
Tengenya bara 1994tti Ruwandaa irraa godaanuun Kanaadaatti koolu galtummaa gaafate. Haa ta'u malee duguggaa sanyii keessatti hirmaannaa qaba odeeffannoo jedhuuf aanga'oonni biyyatti gaffii isaa didaniiru.
Biyyatti deebisamuu sodaa, gara Ameeerikaa galee to'annoo jala oole. Kooluu galtuumaa Ameerikaa yemmuu gafattutti yeroo duguggaa sanyii rawwataa tureetti hirmaanna qabuufi waan itti ture hin ibsine jedha mootummaan Ameerikaa.
Akka gabaasa Reuters'tti Teganya murtee kana mormuun ol iyyata jedhamee eegama. Abokaatoon isa sababa Huttuu ta'eef duguggaa sanyiirratti hirmaatteetta sodaa jedhu baqatee biyyaa akka godanee jechuun morma.
Yeroo hidhaa irratti murtaa'ee erga fixee booda Tengenya biyyaa Ameerikaa keessa ni aari'ama jedhamee yaadama.













