Jarman hambaa lafee duguuggaa sanyiin dhumanii Naamibiyaaf deebifte

Madda suuraa, Reuters
Jarman hambaa lammiilee Naamiibiyaa waggaa 100 dura wayita kolonii Jarman jala turan duguuggaa sanyiin ajjeefamanii biyyatiif deebifte.
Hooggantootni Naamibiyaa buqqee mataa lammiilee isaani sirna kadhannaa mana amantaa Barliinitti adeemsifameen booda fudhataniiru.
Lafeen namoota ajjeefaman kanaa gara Jarman kan geeffame qo'annoo olaantummaa gosaa a'adiin Awroopaa kanneen biroorratti qaban mirkaneessuuf ture jedhameera.
Uummata gosa Hereroo fi Naama jedhaman kumoota kudhaniin lakkaawamantu mormii sirna koloniirratti gaggeesaniif ajjeefaman.
Gosti isaanii kan amma lubbuun jiran mootummaa Jarman dhiifama gaafatamuu qabna abdii jedhuun eegaa jiru.
Uummatni kun maaliif ajjeefaman?
Ajjeechaan kun bara 1904tti wayita uummatni Heerero fi Naama gocha saamicha qabeenyaa warri Jarman gaggeesan mormuun fincilanitti eegalameedha.

Madda suuraa, Reuters
Hoogganaa bulchiinsa waraanaa Jarman bara sanitti kibba dhiha Afrikaa jedhamuu kan turan Lozar Von Trooza Onkoloolessa 1904 ajaja duguuggaa sanyii kana dabarsan.
Uummatni lameen kun bakka jireenyaa isaani gadhiisanii gara gammoojjiitti akka galan erga dirqamanii booda namni lafa isaatti deebi'uuf yaale ni ajjeefama ykn kaampiitti dabarfama ture.
Lakkoofsi namoota du'anii falmisiisaa ta'us 100,000tti tilmaamama.

Madda suuraa, Reuters
Uummatni Hereeroo harki 75 fi kan Naamaa harki 50 ajjeefamaniiru.
Buqqeen mataa namoota ajjeefaman kanaa dhibbaan lakkaawamuu amma Jarman qorannoof kan jiran yoo ta'u Roobii kana hambaan lafee namoota 25 biyyatti akka deebi'u kennameera.
hambaan lafee biyyoota Afrikaa akka Kaameroon, Taanzaaniyaa, Ruwaandaa fi Toogoos qorannoo amma fudhatama dhabe kanaaf gara Jarmaniitti geeffamee ture.













