Andrea Nahles: Dura teessuu dubartii jalqabaa kan Sooshaal Dimokiraat

Madda suuraa, Reuters
Qindoomina Paartii biyya bulchaa jiruu keessatti dhageettii olaanaa kan qabu paartiin sooshaal dimokiraat seenaa waggoota 154 keessatti yeroo duraaf dubartii dura teessuu isaa filateera.
Ministirri Dhimma Hojjetaa biyyattii duraanii Andrea Nahles, erga bara 1993tii qabxii filannoo gadi bu'aa bara darbe paartichi galmeessise booda aangoo kan gadi lakkisan Martin Schulz bakka bu'an.
Aadde Nahles kan umurii waggaa 47 ta'an morkattuusaanii kan duraan poolisii fi kantiibaa magaalaa Filensibrargi Simone Lange injifachuun aangootti dhufan.
Wayita mo'achuunsaanii labsamu haasawa taasian keessatti walqixxummaa fi faayidaa hawaasaa mirkaneessuuf akka qabsaa'an dubbatan.
Hariiroon Merkel waliiniihoo?
Bulchiinsa paartii lefti Wiingi keessatti dhageettii kan qabaachaa turtee fi keessumaa dargaggootaa fi yuuniyenoota daldalaa itti dhiyeenyaan kan beektu Nahles dubbiishee kan yookaan Chaansilara ta'uu yookaan ammoo haadha warraa ta'anii manatti hafuu jedhuun beekamti.
''Har'a wayitan congirasa kanarratti carraa argadhu, keeyyan manaatii ol maal akka jiru ilaaluu dandeenyeerra, amma keeyyan banaa waan ta'eef kan isaa ol jiru nutti mula'ata,'' jechuun dubbatte.

Madda suuraa, EPA
Aadde Andrea Nahles harka 66n morkatttuushee Simone Lange irra aante.Kunis erga Waraana Addunyaa Lammaffaa seenaa Paartii Sooshaal Dimokiraat keessatti isa hammaataadha jedhameera.
Miseensonni paartichaa tokko tokko qindoomina paartii Jarman keessati paartii warra Angelaa Merkelfaa waliin hariiroo uumuusheetti aaraniiru.

Madda suuraa, Getty Images
Chaansilarittiin ogeettii fiisiksiiti, kan haarawa filaman ammoo hoogbarruu Jarmaniin digirii qabu.
Garaagarummaan gama ilaalcha siyaasaatiin qaban akkuma jirutti ta'ee, jarri lamaan garuu hariiroosaanii cimsachuu akka fedhan ibsaniiru.












