Duguuggaa sanyii Ruwaandaa: 'Ani haadha - garuu ijoollee kaan warra irraa ajjeese'

Fortunate Mukankuranga

Madda suuraa, Natalia Ojewska

Gocha duguuggaa sanyi bara 1994 Ruwaandaa keessatti raawwate irratti dubartoonni kumootaan lakkaa'aman hirmaatanii jiru. Garuu waa'een isaanii hedduu hin dubbatamu.

Dubartoonni kunneen ergasii maatii ofiitti araaramuuf rakkootu isaan mudataa ture. Gaazexeessituu Nataaliyaa Ojeeskaa muraasa isaanii mana hidhaatti dubbistee jirti.

Foorchuneet Mukankuraangaa Dilbata Ebla bara 1994 bishaan waraabuuf ture kan manaa baate garuu gaafas nama ajjeefte.

Yuunifoormii mana hidhaa halluu keelloo qabu uffattee wanta guyyaa sana ta'e sagalee laafaan himti.

Bishaan waraabuuf osoo adeemaa jirtu namootni wayii gareen ta'anii namoota biroo lama karaa gubbaatti yoo cafaqan agarte.

"Warri Tuutsii du'uu qabu! jedheen ulee fudhadhee garee kanatti makame. Namoota lamaan keessaa tokko dhaheen, isa hafes itti dabale...warra jara lamaan ajjeesan keessaa tokko ana," jetti dubartiin wayita ammaatti maanguddoo ganna 70 Forchuneet.

Ajjeechaadhaan adamfamuu

Namoonni lamaan kanneen 800,000 ta'an gocha duguuggaa sanyii kanaan guyyoota 100 keessatti ajjeefaman keessa jiru.

Haati ijoollee torbaa saba Huutuu irraa dhalatte kun erga ajjeechaa kanarratti hirmaatteen duuba, gocha isheetti akkaan qaana'aa gara manaatti deebite.

San booda ajjeechaan raawwatte sun ishee adamsee nagaa ishii dhorkachuu himti.

"Ani oofii kooti haadha ta'ee osoon jiruu, ijoollee kaan warra irraa ajjeese" jetti.

Kuni ta'e guyyoota muraasaan booda ijoolleen Tuutsii xixiqqoon lama kan warri isaanii qalamanii jalaa ajjeefaman, karra ishee rukutanii 'nu dhoksi' jedhanii ishee kadhatan.

Mataa hin marre ol galchitee dhoksitee du'a isaan baraarte.

Gaabbii

"Ijoollee san lubbuu baraarullee, namoota lamaan san garuu lubbuu baasuutti hirmaadheera. Ijoollee san gargaaruuf gaabbii jalaa nan baraarre," jetti.

Forchuneet dubartoota tilmaamaan 96,000 ta'an hirmaannaa gocha duguuggaa sanyii raawwatame keessatti qabaniin itti murtaa'ee mana hidhaa jiran keessaa tokko.

Gariin isaanii nama gurguddaa, gariin daa'ima ajjeesan. Kaan ammoo dhiiroonni akka nama ajjeesaniifi dubartoota gudeedan kakaasaa warra turani.

Ebla 6 bara 1994 xiyyaarri pireezidantii biyyattii yeroo sanii kan sabaan warra Huutuu ta'e Juvenaal Habiyaarimaanaa qabattee turte dhiyeenya magaalaa Kigaliitti rukutamte kufte.

Pireezidantichis lubbuun darbe. Kanneen ajjeechaa kana raawwatan eenyummaan isaanii baramuu baatus fiinxaleeyyiin warra Huutuu hidhattoota Tuutsii himatan.

Sa'aatii muraasa jidduutti Huutuuwwan kumootaan lakkaa'aman olola jibbaatiin guutamanii warra Tuutsi irratti ajjeechaa raawwachuu eegalan.

Kana keessatti hirmaannaan dubartootaa salphaa hin turre.

Ilaalcha gaarii hawaasni biyyattii dubartootaaf qabus kan jijjiire ture.

"Haati ijoollee ishee jaalattu tokko ollaa ishee deemtee akkamiin ijoollee kaan ykn warra isaanii akka ajjeesuu dandeessu hubachuun ulfaatadha," jetti dhaabbata miti mootummaa 'Never Again' jedhamu nagaa fi araaratti hojjetu keessa kan dalagdu Rejiin Abanyuuzee.

Dubartoota gareen hodhaa hodhan

Madda suuraa, Natalia Ojewska

Ibsa waa'ee suuraa, Hidhaa keessatti dubartoonni kunneen qalbii jijjiiratanii warra miidhaman waliin araara akka buusan yeroon kennamaafi jira

Ministirri duraanii dhimma maatii fi misooma dubartootaa Pooliin Niraamasuhuukoo dubartoota muraasa aangoo mootummaa dhiirotaan dhuunfatame qaban keessaa tokko.

Gochaa duguuggaa sanyii kana keessaa qooda olaanaa qabdi.

Bara 2011 mana murtiin yakkamtuu jedhamtee itti murtaa'e. Dubartii yakki gudeeddii akka yakka namoomarratti dalagameetti fudhatamee itti murtaa'ee ishee qofa.

Dubartiin kun hidhattoota ajajaa turte. Hidhattoonni isheen ajajdu dubartoota warra Tuutsi hedduu dirqiin gudeedan.

Dubartoonni kaan yakka adda addaa raawwatan akkaataan gocha sanarraa bayyanachuu danda'an waan hin mijanneef ilaalcha hawaasni dubartootaaf qabuufi gocha raawwatan walitti araarsuuf rakkataa jiru.

Ajjeechaa raawwatame gamaa gamanaa

Maartaa Mukaamunshinzimaanaa haadha ijoollee shaniiti. Ganna 15f yakka ishee dhokfattee jiraatte. Booda itti ulfaannaan bara 2009 dabarsitee of saaxilte.

Maartaa Mukaamunshinzimaanaa

Madda suuraa, Natalia Ojewska

Ibsa waa'ee suuraa, Maartaa Mukaamunshinzimaanaa ajaja itti kenname raawwataa akka turte himti

Manni ishee teessee wayita warri Tuutsii marfamanii haleellaan irratti raawwatamu argaa akka turte dubbatti.

Warri Tuutsi kumaatamaan lakkaa'aman naannoo bataskaana kaatolikii Niyaamasheekee jedhamutti marfamanii torbanootaaf lubbuu ofii baraaruuf lolaa turan.

Namoota lola sanarraa lubbuun hafan keessaa tokko kan ta'e namni amma ganna 53 Istaanislas Kayiteeraa irree isaarraa godaannisa madaa boombii yeroos itti darbatameen uumame qaba.

"Nan yaadadha dubartoonni dhagaa guuranii warra dhiiraaf kennu turan, isaan ammoo nutti darbatu. Dhiironni nutti dhukaasanii fi boombii nutti darbatanis turan. Kaan ammoo gaaza namatti naqanii ibidda itti qabsiisaa turan."

"Booda bataskaana sana irra garagalanii nama argatan hunda ajjeesuu eegalan," jedha.

Maartaa waan goote mara dirqamtee ajajaan akka raawwatte himti.

"Daa'ima koo dugdatti baadheen dhagaa guuree warra ittiin nama ajjeesaniif kennaa ture," jetti yeroos deessuu reefu torbee lamaa turte.

Bara 2009 wayita hidhamtu, firoonni ishee tokkollee ijoollee ishee gargaaruuf fedha kan qabu dhabame.

dubartii hodhaa hodhaa jirtu

Madda suuraa, Natalia Ojewska

Ibsa waa'ee suuraa, Dubartoota kana suuta hawaasatti deebisuuf yaadamaa jira

"Duguuggaan sanyii yakka akka waliigalaatti hawaasa irratti raawwatamudha. Warra miidhaman qofa osoo hin taane, warra miidhan illee kan balleessudha. Warri miidhaa raawwatanis gocha isaanii kanarraa fayyuu qabu," jedhu qondaalli Komiishinii Tokkummaa fi Araaraa Ruwaandaa Fideelee Nidayasibaa.

Dubartoonni kunneen suuta maatii ofii fi warra miidhan sanaaf xalayaa barreessanii akka araara buusan jajjabeeffamaa jiru.

Dubartoonni kunneen gaafa hawaasatti makamanis dhiibbaa guddaan akka irra gahuu malu yaadama.

Gariin abbootiin warraa isaanii kan biraa fuudhanii qabeenyi isaaniis nama biraan dhaalameera. Gariin ammoo maatii isaanii dabalatee hawaasaan simatamuu dhabuun rakkoo itti ta'uu mala.

Dhimmichi yeroo kan baraadu ta'uu kan himan qondaalli kun ammallee kan jibba sabaa qabaniifi yakka raawwachuu kan haalan akka jiran himu.

Lakkoofsiisaanii garuu xiqqaachaa jira jedhu.

'Imimmaan koo to'achuu hin dandeenye'

Foorchuneet Mukankuraangaa bara 2007 erga itti murtaa'ee waggaa afuriin booda yakka ishii amantee kan dubbatte.

Ilma nama isheen tumsitee ajjeestees dhiifama gaafatteetti.

Akka ishee yaadde osoo hin taane "wayita na argu fuula ifaan natti dhufe, ofitti qabee yoon hammadhu imimmaan koo to'achuu hin dandeenye" jetti.

Fuulduraaf hariiroo maatii fi hiriyyoota ishee waliin qabdu deebuftee tolfachuuf abdii qabdi.