Feliken Kabuga: Shakkamaan duguuggaa sanyii Ruwaandaatti raawwatee Faransaayitti to'atame

Suuraa Feliken Kabugaa Interpol kenne

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Ameerikaan odeeffannoo akka Feliken Kabugaa to'atamu gargaareef $5m kennite

Feliken Kabuga, yakka duguuggaa sanyii Rawaandaatti raawwate keessaa harka qaba jedhamee shakkamuun namoota baayyee barbaadamaa ture keessaa tokko kan ture naannoo Paarisitti to'atamuu ministeerri Haqaa Faransaay beeksise.

Mr Kabugaan sakatta'insa lafa barii naannoo Asnires Sur Siine jedhamutti gaggeeffameen akka to'atame ibsame.

Naannicha keessa waraqaa ragaa sobaan akka jiraataa tures ibsameera.

Manni Murtii Yakkaa Idila Adunyaa Ruwaandaa nama ganna 84 kana yakka duguuggaa sanyiifi yakkoota biroon himateera.

Namni kun finxaalessitoota gosa Huutuu kan bara 1994 namoota 800,000 galafatan maallaqaan deeggaraa ture jedhamuun himatame.

Gosti Huutuu bara sana gosa Tuusii kan lakkoofsaan xiqqaa tahaniifi paartilee mormitootaa isaanii irratti ture haleellaa kan raawwatan.

Ameerikaan odeeffannoo to'atamuu nama kanaaf gargaare kanaaf akka kennaatti Doolaara miliyoona shan [$5m] kenniteetti.

Feliken Kabug eenyu? Gulaalaa BBC Afrikaa Wiil Rooz

Abbaan qabeenyaa kun hidhattoota yakka duguuggaa sanyii gosa Tuusii irratti raawwataniif deeggarsa maallaqaa gochaa akka turetu himama.

Raadiyoo 'Télévision Libre des Mille Collines (RTLM' jedhamus akka hundeesseefi maallaqaan deeggaraa turetu himama.

Miidiyaan kun nama kamiyyuu gosa Tuusii keessaa tahe barbaadanii akka ajjeesaniif kakaasaa ture.

Waraqaa eenyummaa sobaan Faransaay keessa jiraachaa turuun isaa ajaa'ibsiisaa taheera.

Sababni isaa waggoota dheeraaf dhokatee kan jiraataa tureefi dhimma siyaasaas tahee ture Keeniyaa keessa jiraachaa jira jedhamuuni.

Yakki duguuggaa sanyii gosa Tuusii irratti erga raawwatee waggoota 25 booda mana murtii idila adunyaatti dhiyaachuu isaati.

Suuraa miidhamtootaa muraasaa Muuziyeemii yaaddannoo yakka duguuggaa sanyii qabate keessatti agarsiifame.

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Suuraa miidhamtootaa muraasaa Muuziyeemii yaaddannoo yakka duguuggaa sanyii qabate keessatti agarsiifame.

Sababni Yakka duguuggaa sanyii raawwatamee kan jalqabe yeroo xiyyaarri pirezidaantii biyyattii yeroo sanaa baattee balali'aa turte rukutamuun kuftee namootni keessa turan hundi du'anidha.

Yeroo kana finxaaleyyiin garee Huutuu haleellicha kan raawwate garee finciltootaa Tuusii [ RPF] jedhamani jechuun himatan. Kanumaan gosa Tuusii irrati haleellaa banan.

Gareen dargaggootaa paartii biyya bulchaa turee karaa cufuun mana irra deemuun nama gofa Tuusii irraa tahe qofa barbaaduun ajjeesuutti ka'an.

Hedduun isaanii kan ajjeefaman goraadeedhaani. Booda gareen finciltootaa 'Ruwandan Patrotic Front' jedhaman deeggarsa Ugaandaadhaan hanga Kiigaalitti galuun haleellaa raawwatan.