Ruwaandaan waggaa 25ffaa duguuggaa sanyii biyyattii yaadatte

Madda suuraa, Reuters
Pireezidaantiin biyyattii Pool Kaagaamee yaadannoo waggaa 25ffaa duguuggaa sanyii namoota 800,000 galaafate Dilbata wayita yaadatan biyyi kuni ''deebitee maatii taateetti'' jedhani.
Pool Kaagaameen mormitoota duguuggaa sanyii yeroo sanaa dhaabsisan kan hogganan yoo tahu, guyyaa kanatti magaalaa guddoo biyyattii Kigaaliitti xombora yaadannoo ibsaniiru.
Ruwaandaatti guyyaa 100f gaddi ni taa'ama, kunis guyyoota lakkoofsa uummataa biyyattii keessaa namooti harki 10 itti dhuman yaadachuufi.
Baricha saba warra lakkoofsaan xiqqoo ta'an Tuutsiifi saba Huutuu ta'anii warra sanyummaa hin dhaadhessinetu saba Huutuu warra sanyummaa jabeessanii leellisaniin ajjeefame.
Pireezidaantichi ''bara 1994tti abdiin tokkoyuu hin turre dukkana qofa'' jechuun jamaa iddoo yaadannnoo namooti 25,000 awwaalamanitti argamaniif dubbataniiru''
Amma iddoo kanatti ifatu calaqqisa, kuni akkamitti tahe yoo jettan Ruwaandaatu deebi'ee maatii tokko tahe'' jedhan.
Sirni dungoo ibsuu Kaagaameetiin durfamuus isteediyeemii Amaharoo bakka yeroo duguugga sanyii sanaa qondaaltoonii Mootummoota Gamtoomanii saboota Tuutsii itti miiliqsuuf yaalanitti adeemsifameera.
Sirna kanarratti kan argaman MM Itoophiyaa Abiy Ahimad erga dabarsaniin, "warra kaan akka ofiitti ilaaluu, madaa darbe dagachuufi miira tokkummaan walitti qabamuun barbaachisaadha" jedhaniiru.

Madda suuraa, PMO Ethiopia
''Guyyaan kana kabajuun barabaachisaa dha, namoota dhabneerra, maatiifi obbolaan keenya dhumaniiru'' kan jedhee namoota sirnicha hordofan keessaa kan BBC'n dubbise dha.
Miseensota maatii guutuu dhaban jiraachuunillee himameera. Yeroo ammaa Ruwaandaatti waa'ee sabummaa odeessuun seeraan dhorkaa dha.
Bulchiinsa Pool Kaagaamee jalattii biyyattiin diinagdeenshee bayyanateera. Filannoo bara 2017tti illee yeroo sadaffaaf haraka 98.63 mo'ataniiru.













