Atileet Hayilee Gabrasillaasee: "Itoophiyaan 'duguuggaa sanyii' irraa of eeggachuu qabdi"

Ergaawwan sobaa feesbuukiirratti tatamsa'an walitti bu'iinsaa fi dhumaatii lammiilee Itoophiyaaf sababa ta'aa akka jiran atileetii gameessi Itoophiyaa Haayilee Gabrasillaasee dubbate.
Akka Hayileen jedhutti hokkara miilanaa lubbuu namoota 78 galaafate kan dhale oduu sobaa ykn 'fake news' Feesbuukii gubbaatti gadi dhiifamedha.
Hokkarri lubbuu namaa galaafatee fi qabeenyaa hedduu barbadeesse gara walitti bu'iinsa sabaa fi amantiitti geeddaramee ture jedhe mootummaan.
Hookkarichi akka babal'atuuf ergaawwan miidiyaa hawaasummaarratti barreeffamaa turan ga'ee olaanaa gumaachaniiru kan jedhu Haayileen Feesbuukiin ergaawwan akkanaa hin haqu yoo ta'u darbeen himadha jedheera.
Haayileen ergaawwan feesbuukiin haquu qabu kamfaa akka ta'an adda baasee kaa'uu baatus,''ergaawwan sobaa salphaatti babal'achuu danda'u'' jedhe.
Itoophiyaa keessatti tibba darbe namoonni 80tti siqan ajjeefamuusaaniif sababiin feesbuukiidha jedheen amana jechuun feesbuukii komateera atileetiin gameessi ganna 46 kun.
Hiriirri deeggarsa Jawaar Mahaammadiif bahame kutaalee Oromiyaa garaagaraa keessatti gara hokkaraatti jijjiiramee namoonni lubbuu dhabaniiru akka qe'eesaanii irraa buqqa'anii fi qabeenyi akka badus sababa ta'eera.
Aanga'oonni mootummaa olaanoon lubbuu Jawaar Mahaammad balleessuuf yaaliin taasisan akka hin jirree fi ta'us garuu halkan sana dogoggorri raawwatame jiraachuu akeekaniiru.
Warra dhimma kana keessaa harka qaban qoratanii seeratti akka dhiyeessanis ibsaniiru.
Hookkara uumamerratti tarkaanfii namoonni fudhataniidha jedhamee suuraa fi viidiyoon nama suukanneessu miidiyaa hawaasummaarratti gadi dhiifamaa tureera.
Haayileen wantoonni miidiyaa hawaasummaarratti mul'atan kunneen gocha lammiilee Itoophiyaatiin raawwatamaniidha jedhee hin amanu jedha.
''Lammiiwwan kiyya nan beeka, gocha jibbisiisaa akkanaa hin raawwatan'' jedhe.
Jeequmsi sun erga darbee booda ergaawwan viidiyoo soba kan akka wayita qondaalli mootummaa tokko dargaggoota ni hidhachiisna jedheera jedhuu fi kaanis miidiyaa hawaasummaarra tamsa'aa turani.
Itoophiyaan of eeggachuu qabdi
Ministirri Muummee Abiy Ahimad erga gara aangootti dhufanii as waa'ee tokkummaa fi jaalalaa labsaa turanillee garuu atakaaroon saboota biyyattii gidduu jiru to'annoodhaa ala ta'uuf deema sodaa jedhutu jira.
Fiigichaan ala hojii biizinesiitiinis kan beekamu Haayilee Gabrasillaasee ''seenaan duguuggaa sanyii Ruwaandaatti mudate fagoo hin jiru, kanaafuu Itoophiyaan of eeggachuu malti'' jechuun yaaddoo qabu ibsa.
Haalonni amma jiran itti fufuun to'annoo ala yoo ta'an maaltu akka nu eeggatu Liibiyaa, Siiriyaa, Yaman... ilaaluun ni danda'ama jedha Haayileen.
Hookkara tibba darbe uumame booda namoonni 400 ol ta'an shakkamanii to'annoo seeraa jala ooluu aanga'oonni mootummaa ibsaniiru.
Feesbuukiin yaada Haayilee Gabrasillaasee dhiyeesserratti hanga yoonaa homaa hin jenne, garuu dhaabbatichi oduu sobaa toa'chuurratti imaammata baasee hojjechaa jira













