Ruwaandaan magaalaa Kigaalii keessatti cilee fayyadamuu dhorkite

Cilee yookiin kasala

Madda suuraa, Getty Images

Ruwaandaan magaalaa guddoo biyyattii keessatti nyaata bilcheessuuf cilee akka hin fayyadamne dhorkite. Naannolee baadiyyaa irraallee akka gara magaalaatti hin galle jetteetti.

Dhorkaan kun daldala cilee seeraan alaan bosona manca'aa jiru eeguuf kan yaadame dha. Gara fuulduraatti lammiileen boba'aa akka fayyadaman jajjabeeffamu.

Ruwaandaan fayyadama cilee hir'isuudhaan Keeniyaa fi Yugaandaatti aanti. Aarri cilee sababa dhukkuba hargansuu namoota kumaatamaan lakkaawwamaniiti.

Kana malees bosonni akka manca'uu fi kaarbooniin qilleensatti makamu gochuun ho'a addunyaa dabala.

Jiraattota Kigaalii miiliyoona 1.4 tahan keessaa harki 85 oomishoota qoraan irra argaman fayyadamu.

Cileen harki caalu bosona kunuunsa bineensotaa Viruungaa jedhamu keessatti seeraan ala oomishama.Naannichi Dimookiraatik Riippaabiliika Koongoo fi Yugaandaa waliin daangaa qooddata.

Oomishni cilee milishootaan gatii to'atamuuf, aangawoonni Ruwaandaa fi Yugaandaan kan qabachuu danda'an erga magaalaa seenaniiti.

Ruwaandaan boba'aa gatii madaalawaan dhiyeessuun warri harka-qalleeyyii boba'aa akka fayyadaman jajjbeessaa jirti.

Bara 2018 Yugaandaan cilee gara alaatti erguu dhaabdu,Keeniyaan immoo iddoo dhaa iddootti akka hin geejibamne dhorkiteetti.