Xiyyaara daldalaa jalqabaa annisaa elektirikaan balaliitu

Xiyyaara elektirikaan balaliitu

Madda suuraa, Harbour Air & magniX

Xiyyaarri guutummaatti annisaa elektirikaan balaliitu ishee jalqabaati jedhamte Kanaadaa Vaankuvaritti balallii taasifte.

Balallii yaalii yeroo gabaabduuf kaaampaanonni Harbour Air fi magniX jedhaman irratti hirmaatan kun imaltoota ja'a simachuu kan dandeessuuf motora elektiriin hojjatu qabdi.

Kaampanoonni kunneen xiyyaara daldalaa jalqabaa annisaa elektirikiin hojjattu tolchuuf tarkaanfi jalqabaati jedhan.

Damee Aviyeeshinii amma kaarboonii qilleensa faaluu baasuun qeeqamu hir'isuuf fayyada jijjiramni kun.

'Balaliin seena qabeessi kun barri aviyeeshinii inni 3ffaa-bara elektirikaa jalqabamuusaa agarsiisa 'jedhe Daandiin Qilleensa Harboor.

Oppiretaroonni xiyyaara galaanaa Kanaadaa 'Harbour Air' bara 2022tti gutummaatti xiyyaara nageenyummaanisaa dambii balaliin mirkana'e tajaajila kennuu dandeessu hojjachuuf abdii qabna jedhu.

Xiyyaara elektirikiin balaliitu hawwuu

Injinii (motora) xiyyaaraa elektirikiin hojjatutti jijjiiruun karaa gaazii qilleensa faalu dameen aviyeeshiniin balalii akka hir'isuuf gargaarudha.

Imaltoonni faalama qilleensa balaliin xiyyaaraa qaqqabsiisurratti yaaddoon qaban dabalaa wayita dhufetti jijjiramni kun dhufuun ibsame.

Bara 2050tti UK keessatti qiilleensa faaluun dameen balaliinsaa sadarkaa jalqabaa qabaachuuf deema.

Sakatta'insi Swiss Bank UBS jedhamu gaggeesse akka agarsiisuutti, namoonni xiyyaaraan imaluun naannoo faala jedhanii yaaduudhaan xiyyaaraan imaluu hir'isaa jiraachuu ibse.

Haata'u malee ammas taanaan xiyyaaroonnii annisaa elektirikiin balali'an fageenya dheeraa imaluu dadhabuun qorumsa dabalataati.

Motorri elektirkaa, jenetaroonni, annisaa raabsitoonni fi meeshaaleen to'annoof tajaajilan saffisaan foyya'aa jiru, garuu teekinolojiin baatirii annisaa kuusu garuu ammas hin guddanne.

Xiyyaarri Vaankuvaritti balaliite kun km160 (maayila 100) qofaa annisaa baatirii litiyeemirraa argamuun balali'uu dandeessi jedha gabaasni AFP.

'Balaliin xiyyaaraa iddoo nuti qaqqabuu feenurra hin geeenye, garuu jijjiruudhaaf gahaadha' jedhan hojii gaggeessaa kaampaanii magniX, Rohi Ganzariskii.