Tuuti kannisaa Afrikaa Kibbaatti imala xiyyaaraa tursiistee

Ogeessa kaannisaa, kannisa motora keessaa baasu

Madda suuraa, News24

Ibsa waa'ee suuraa, Kannisoot balali'uun dura haara galfachaa turan ta'a jedheera ogeessi kannisaa

Tuuti kaannisaa Afrikaa Kibbaa naannoo magaalaa Darbanitti motora xiyyaara daandii xiyyaaraa Maangoo jedhamu keessa seenuun balali'insa akka harkifatu taasiise.

Daandiin xiyyaa ogeessoti kannisaa dhufanii kannisa 20,000 tahu nagaan baasaniiru jedheera.

Taateen kun waan hin baramneefi, feetu kannisi kun otoo hin balali'n dura boqochaa jirti taha jedheera ogeessi tokko.

Motora foolii akkasii qabu kanas mana isaanii godhachuu fedhanii hin se'us jedheera.

Kannisi kunneen daqiiqaa 25 keessatti dha kan motoricha duuchani, kanaanis imaltooti sadii boodatti akka hafan taheera. jedhu dubbii himaan daandii xiyyaa Maangoo Seergoo Doos Saantoos

''Jireenya koo keessattii takkaa waan akkasii argee hin beeku'' jedhaniiru.

Daandiin xiyyaarichaas taatee kana fuula tiwiitarii isaaratti baasera.

Hanga hayyama argannutti xiqqoo boodatti hafne malee, kannisa motora keessaa baasuun yeroo nutti hin fudhanne jedha ogeessi kannisa baasu

Kannisooti gara lafa qonnaati akka ni geeffamu jedheera.

Dura taa'aan Waldaa Induustirii Afrikaa Kibbaa Maayik Maayils '' boqonnaa fudhachuuf taha kan isaan achi keessa seenan'' jedheera

Motorri foolii gaasii kan qabuufi ho'aa dha kannisooti immoo iddoo akaasii ciruumaa hin filatanii jedheera