Jaalalaafi Sanyii: ‘Haati kiyya jaalalleen kiyya gurraacha ta'uu dhageessee dallante’

Yeroo maatiin dubartii Bengaalii nama gurraacharraa ulfaa’uushee dhagahan haalan dallanan.
Salmaan shamarree ganna 21 fi ulfa akkasumas mana dhaabbataan keessa jiraattu hin qabdu.
Balbalti hundi itti cufamaniiru. Kunis sababa isheen Bengaalii taatee fi nama gurraacharraa daa’ima godhateefi.
Hawaasa ishee keessatti dubartoonni Bengaalii nama gurraachaa yookiin sanyii walmakaarraa haa hafuutii gaa’ilaan alatti daa’ima “godhachuu hin danda'an”.
Adaadaan ishee ammallee akkuma asiin duraa ulfa akka baastuuf itti himaa turan. Ta’us garuu akka yeroo duraa sanitti ganna 18 miti Salmaan. Isheedhaaf murtee akkanaa murteessuuf mirga maalii qabu isaan?
“Daa’ima tiyya dahuuf waan hunda gochuuf qophii ture. Eeyye, maatii kiyya ni dhiisa, hojii kiyya akkasumas waan hunda ni dhiisa. Ta’us garuu filannoo biraa hin qabu jedhee yaada,” jetti Salmaan.
Akkuma Salmaan manaa baateen fuulli haadhashee imimmaaniin guutame.
“Beeka, osoo daa’imni kun Bengaalii ta’ee jettee hawwiti. Isheenis maatii dhiiraa waamtee, cidha qopheessitee gaal’ilicha ‘seera qabeessa’ gooti. Rakkoon jiru wanti guyyama san furmaata argata ture.”
Maal godhuree, inni kun gurraachaa.
Osoo firoonni ishee baay’atanii dhufanii isheetti hin dubbanne dura Salmaan bilbila Nookiyaashee 3210 fudhattee deemte.
Isheenis ulfa baasuuf akkasumas maatii murteeshee hin deeggarre waliin jiraachuuf karoora hin qabdu.
Waahilli Salmaa mucaa ollaasheeti. Ta’us garuu Booliiwuud irratti gurraachonni gootota akka ta’aniif hin hayyamamu.
Haatii fi abbaan Salmaa waggoota 30 dura ture Bangilaadish irraa gara Landan imalan.
Guyyaa tokko furtuun Salmaa balbala ishee banuu dide. Osoo haatiishee fi isheen ayyanaarra jiraniiti abbaanshee bantuu balbalaa jijjiire.
Kunis haati ishee ijoollee lama waliin daandiitti akka baatu taasise.
Achi booda hawaasni ishee abbaa warraashee waliin wal hiikuusheetiif qoollifateen - isheenis namoota Bengaalii hin taane birattillee akka alagaatti ilaalamte.
“Sodaan kiyya anis carraan harmee tiyya qunname na qunnamuu danda’a kan jedhudha,” jetti Salmaan.
Erga daa’imni ishee dhalate torbee tokko booda balbala haadhashee bira dhaabbatte. Obboleessishee balbala jalaa banee daa’ima harkasheerra ture gammachuun simate.
Isheenis sodaadhaan gara manaa ol seente. Isheenis erga mana seente booda daa’imashee kutaa ciisichaa keessa rafiste.
Tasa, daa’imni ishee booyuu jalqabde. Isheenis daa’imashee fuudhuuf kaanaan haatishee “ani deemee fuudhaan” jettee kaate. Takka turee daa’imnishee booyuu dhiifte. Haati ishee daa’ima intalashee duraa jalqabaatiif hammatte.
Ijji Salmaa imimmaanii guutaman. Haadhashee fi ishee jidduu waldhibdeen jiraatuus haatishee ishee ni jaalatti.
Kunis mallattoo akka isheeni haadhasheetti deebitee waliin jiraachuu danda’an mul’isu ta’e.
“Turtii guyyootaa booda haati tiyya akkaataa amantii Islaamaatti daa’ima tiyyaaf sagantaa qopheessitee daa’ima tiyya naa eebbiste,” jetti.
Ta’us garuu wantoota erga Salmaan manaa baate booda mudatan walitti hin haasofne.
Torbee shan booda balaan biraa mudate. Salmaan abbaan warraashee dubartii biraa akka qabuu fi isheenis akka deesse bira geette.

Caldhisa, sodaa akkasumas yaaddoon jireenya Salmaa weeraran – kunis muuka’uu guddaa keessa ishee galcheera.
“Haadha tiyyaaf, tasa ijoollee lama kunuunsuu akka qabdutti itti dhagahame – anaa fi daa’ima tiyya. Hirribaa nu kaastee, nu nyaachiftee, nu kunuunsiti, ta’us garuu yeroo hunda namoota jalaa nu dhoksiti.
Salmaan rakkinnashee keessaa walaloo barreessuu fi barachuun jalaa baate. Isheenis deessee ji’oota torba booda yuunivarsiitiirraa eebbifamte. Isheenis harmeesheetiin alatti akka itti ulfaatu himti.
Waggoota keessatti jireenyaa Salmaa keessatti wantoonni baay’een ta’aniiru.
Isheenis waahilashee irraa daa’ima lammaffaa godhatte. Innis turtiin booda ishee dhiisee deeme. Boodarras miseensota maatiishee waliin hariiroo qabdu jabeessuu jalqabde.
Isaan keessaa tokko ulfa baasuu qabda jedheen dhiifama gaafateeraan.
Ijoolleen Salmaa guddataniiru, yaaddoo haadhashees hubachuuf yaalteetti.
“Jaalalaa fi kunuunsa naaf godhuu barbaaddurraa akka ta’e amma hubadheeraan. Isheenis murtee intalashee gammachiisuu murteessuushee akka ta’e beekeera.”
Ammas taanaan Salmaan ilaalcha haatishee warroota gurraachaaf qabdu jijjiiruu hin dandeenye.
Ganama tokko lafaa kaatee akkas naan jette: “Sababa inni gurraacha ta’eefi mitii?”
“Miti” jettee haatishee. “Sababa inni gurraacha ta’eef miti, waan inni Musliima hin taaneef malee. Nu hubachuu hin dandeenye.”
Salmaan naasuudhaan haadhashee ilaalte. Yeroo sun yeroo jalqabaa haatishee barbaachisummaa amantii hubatteedha. Haa ta’u, dubartoota Musliima hin taane maatii kanatti makaman hoo, jettee yaadde.
Salmaan taateen kun yeroo haatishee ilaalacha warroota gurraachaaf qabdu itti jijjiirameedha jettee yaaddi.
“Yeroo sanitti bifa gogaarratti hundooftee nama madaaluun sirrii akka hin taane hubattee turte natti fakkaata, saniif kan dubbii gara amantiitti jijjiirte,” jetti.
Ji’oota muraasa bura obboleessi Salmaa dubartii gurraattii jaalalleesaa godhate. Haati Salmaas osoo homaa hin jedhin hiriyyummaasaaf beekamtii kennite.
“Dubartii ilaalcha farra gurraachotaa qabduuf kun jijjiirama guddaadha,” jetti.
“Ammallee wantoonni nu hafan jiraatanis, as gahuu keenyatti booneera. Ilaalcha isheetiif ishee qeequu hin barbaadu. Yeroodhaan ture qabsoon kiyya. Yeroo akka hawaasatti jijjiirama fiduu qabnuudha.”
Salmaan maqaa jijjiiramedha














