Gaa'ela: Dhiiroonni Jaappaan maaliif haadha warraasaaniirratti basaastuu qacaruu?

Madda suuraa, Getty Images
Dubbii mi'eessuuf kan warra dhiiraatiin eegalame malee biyya Jaappaaniitti dubartoonnis abbaa warraasaaniitti basaastuu ni ergu.
Shamarreewwan itti eerguun basaasuun. Kanaaf ammoo basaastuu tokkoof hanga qarshii Jaappaan Yeenii kuma 400 kanfalamu danda'a jedhameera.
Haata'u malee, gara maallaqa biyya keenyaatti yoo deebiifame meeqa seetan? Booda itti deebiina.
Basaasaa dubartii akka basaasuuf itti ramadamerraa jaalalli qabe
Kunis seenaa bara 2010 keessa mudateedha. Namticha haadha warraa namaa basaasuuf mindeeffame ofumasaatinuun dubartiittiirraa jaalalli qabe.
Booda garuu basaasaa abbaan warraashee irratti mindeesse ta'uu baruun isa waliin wal dhabdeen. Kanaafuu isaan booda basaasaa ishees abbaa warraa ishees akka hin barbaanne itti himnaan funyoon hudhee dubartiittii ajjeesse.
Namitchi dubartii akka basaasuuf itti ramadame jaallatee booda garuu ajjeese kun yakka raawwateen adabbii cimaa hidhaa waggaa 15 itti murtaa'e.
Basaasaan kunis Taakeeshii Kuwaambaaraa jedhama. Dubartii Isohaataa jedhamtu tokko akka basaasuuf abbaa warraatiin mindeefama.
Isaan boodas osuma hordoofuu guyyaa tokko lafa gabaatti argee oggeessa kompitaraa ta'uu itti himuun wal baran.
Nama bifa bareedaa, qallaafi dhuguma kan beekumsa kompitaraatiin beekamu fakkaata ture.
Hin fuune jennaan isa amante. Dhugaan jiru garuu inni haadha warrafi ijoollee qaba ture.
''Ati hoo?'' jedhee gaafannaan, isheen ''Ani heerumeera,'' jettee deeebiifteef. Itti fakkeessuuf kan nahe fakkaate. Isaan boodas ''maaliif hariifattee? Osoo hin herumiin osoon si baree jiraadhee maal qaba?'' jechuun garaa nyaachuuf yaale.
Isaan boodas suuta suutaan basaasaanmkun dubartii akka basaasuuf irratti mindeeffame waliin dubbii jaalalaa eegalan.
Waliin irbaata nyaachuufi waliin qoosuu eegalan. Nama basaasuuf mindeeffamee manaa bahe ta'uu irraanfachuun jaalalaan raafamuu eegale.
Abbaan warraa amalli basaabichaa itti toluu didees basaasaa kanarratti nama biraa akka hordofuuf mindeesse.
Basaasaa haaraanis guyyaa tokko wayita dubartittii waliin hoteelaa bahan alaalaa suuraa kaafate. Isaan booda ture kan dubbiin ifa bahuu eegale.
Abbaan warraatiis ragaa barbaadaa ture argateera waan ta'eef waan duraan yaadaa ture raawwachuuf ragaa argate.
Durumayyu haadha warraa isaarratti basaastuu kan mindeesse waan ishee jaallatuuf osoo hin taanee hiiku waan barbaadeef ragaa barbaacha ture.
Biyya Jaappaaniitti gaa'ela hiikuun salphaa miti. Ragaalee amansiisaafi qabatamaa akka suuraa, viidiyoo qabaachuun mana murtii amansiisuu qabaatu.
Dhumarratti gaa'ilasaanii hiikan.

Madda suuraa, Getty Images
Garuu dubartittiin abbaa waraashee dhabdulleen waan namticha basaasaa duraa waliin turteef jalqaba baayyee hin gaddine ture. Booda garuu basaasaa isheerratti mindeeffame ta'uu dhugaasaa bira geessee turte.
Kanaanis aaruun ija kee argu hin barbaadu jette ofi biraa ariite. Namtichi jilbeeffate kadhatulleen marmakootti haaduu jette dide.
Basaasaan ishee malee lafti itti dukkunaa'ees yoo deemtu arguurra jechuun funyoon/wadaroon hudhee ajjeesse.
Gochi kunis biyya naasuu keessa galchuun, gabaa namoota daldala gaa'iea basaasaniis qabnneesse. Namtichis waggaa 15 itti murtaa'uun hidhaa bu'e.

Madda suuraa, Julius Honnor
'Bifa haaraatiin dhiirsaafi niitii basaasuu eegalleerra'
Du'a Isohaataatiin booda ammoo dhimmi basaastoota gaa'ila mata-duree ijoo ta'e.
Haata'u malee, waggoota muraasaan booda daldalli basaastootaa debii'ee ka'uu eegale. Daldalli kunis akka biyyaatti Waakaaresaseyaa jedhamee beekama.
Haaluma kanaanis kubaaniyoota 270 keessatti hayyama baafachuun gaa'ila basaasuu. Marsariitii beekamaas qabu. Beeksiisa illeen ni hojjatatu.
''Gatii basaastoota gaa'iilaa cimaadha,'' jedha Moshizuki. Moshuzuki duraan wallisaa yoo ta'u, amma garuu qorataa dhuunfaa ta'un hoojjata. Waajira basaasa gaa'ilaas qaba.
Basaasaa tokkotti hanga Yanii Jaappaan kuma 400 kanfalchiisu. Kunis doolaaran gara Kuma sadii ta'a. Kunis kanfaltii isa gadaanaa akka ta'e himama.
Kanfaltii gaariinis basaasaa haatii warraa akka eessa ooltu, maal akka jaalattu, hiriyyaa attamiifi eenyuu akka ta'an ykn jacha furtuu Feesbukiishee argachuu danda'uuf kan kanfalamudha.
Haata'u malee, namni basaasamu sun yoo kan beekamu ykn nama siyaasaa yoo ta'e ammoo hanga miliyoona 20tti ol akka ka'u himama.
Kunaafis sababii yoo kaa'an tekinolojiiwwan wal xaxoo ta'anitti fayyadamuun waaan barbaachisuuf jedhu.

Madda suuraa, Getty Images
Jireenya ishe Landan kan taasifatte Siteefaanii Iskooti hojiiwwan hog-barruu ishee irra caalaan kan basaasaa warra Jaappaanootaa kanarratti xiyyeefateedha.
Barreessituun tunis BBC'tti akka himteetti, basaastuu gaa'ilaa mindeessuun gaa'ila hiikuuf yeroo dheeraa fudhatu akka gabaabbatu taasisa.
Dubartiin basaastuun irratti mindeefame tokkoos yoo namtichi ishee basaasu sun jireenya jaalalaa ishee waliin jalqabee, abbaan warraashee sin hiika yoo jedhuun gammachuun fidhatti. Akkas ta'u baannaan gaa'ila hiikuun salphaa hinta'u.
Haala akkasii keessattis miirriifi jireenyi jara lamaanitu ni boora'a. Kanaafuu yeroo tokko tokkos basaastoonni kan mindeeffaman yeroo gabaabsuu qofaaf osoo hintaane, jireenyas akka ofi jibba keessaa bahan taasisuufis.

Madda suuraa, Doubleday
Yeroo tokko tokko ammoo ittiin aarii waliirra qaban bahuuf basaastuu walirratti mindeessu.
''Haata'u malee, hojiin basaasaa kunis ji'oota hanga waggootaa fudhachu danda'a'' jedha Moochiizuk.
Basaastoonni baayyeen isaanii kana seeraan leenji'aniidha. Wayita hojiisaanii hojjatanittis seera biyyattii cabsuu hinqabaatan. Fakkeenyaaf, doorsioo, sodaachisuufi miidhaa qaamaa qaqabsiisuun hinhayyamamu.
Basaastoota akkas raawwattan dhaabbanni isaanii hojiirraa ari'achuu danda'a.
Haata'u malee, hojiirraa hari'atamanillee seeraan alaan hojiicha kanneen hojjatanis jiru.
Haata'u malee, biyyattii keessatti gaa'ila ofii basaasisuun aadaadhaan qaaniidha. Jechuunis gochichi kan raawwatamu dhoksaadhaan jechuudha.
Jaappaaniitti qopheessituun Raadiyoofi TV Nishiiyaamaa BBCtti akka himteetti, ''Jaappaaniitti waan hundumaafu gabaan jira.''
Kubaaniyoonni hojii kanarratti bobba'anis hojiilee biraas kan hojjatan qabu. Fakkeenyaaf yoo gurbaan inatala maatii tokkoo fudhachu barbaadees basaasaa bobbaasu danda'a.
Faallaa kanaatinis maatii walitti bu'aa jiruu deebiisanii cimsuufis basaastoonni ni mindeeffamu.
Wayita gaa'ila mudaa ummatee deebiisanii cimsuuf hojii basaasaa hojjatanittis kanfaltiin gaafatan kan laayyoo miti.














