Rakkoolee Gaa'ilaa: Gaa'ila danqaan itti heddummatu bulfachuun attamiin danda'ama?

Qubeellaa Gaa'iilaa

Madda suuraa, ullstein bild

Addee Ababaa Gabrasilaasee abbaa warraa isaanii Obbo Gabra Kiristoos waliin gaa'ilaan waggoota 50'f jiraachu dubbatu.

Dhiheenya kanas ijoolleesaanii 9 fi ijoollee ijoollee isaanii 17 waliin waggaa 50ffaa gaa'ilasaanii kabajatan.

Abbaa warraa kiyya waliin waggoota kana hunda jiraachu kanan danda'eef ''jidduu keenya wal danda'uun waan jiruuf'' jedhaniiru.

Abbaan warraa saanii balleessaa osoo hin raawwatiin hafe miti kan jedhan Adde Ababaan, garuu "hundumaa miira tasgabbiin waliin dubbataa hiikaa waan turreef jireenya gaa'ilaa gammachisaa jiraachu dandeenye" jedhu.

Faalla kanaatiin haadha warraafi abbaa warraa gadi taa'anii mari'achuun itti ulfaatee, ijoollee waan waliin gadhataniif qofa waliin jiraatan, kanneen yeroo hunda wal himatan arguun kan barameedha.

Wal dhabdeen kunis cimee kanneen gaa'ilasaanii hiikanii ijoollee isaanii bittinsan hedduudha.

Addee Tigist Waaltanugusiifi Obbo Indaalk Asaffaa waggoota 10 oliif maatiiwwan adda addaatiif tajaajila gorsaa kenannaa turan.

Midiyaafi komunikeshinii 'Maaddii Araaraa'' jedhu hundeessuun hojiiwwan adda addaa hojjechaas jiru.

Haalawan gaa'iilaafi jaalala balaarraa buusan keessaa inni gudaan hubannoon jarreen lamaan waa'ee gaa'ilaafi walitti dhufeenya jaalalaa qaban gadi aanaa ta'uudha jedhu.

''Gaa'iilli kan eegalu ofiirraayi'' jechuun osoo nama waliin jiraatan ilaaluun hin eegaliin dura ofi hubachuun barbaachisaa ta'u himti Aadde Tigist.

Haalli qabeenyaa fooyyaa'uun, garaa garummaan aadaa, ilaalchaa, sadarkaan barnootaa fi kkf dhimmoota gaa'ilaa rakkina keessa galchan keessatti eeramani jedhu.

Haa ta'u malees hunda caalaa hir'inni dandeettii walitti dhufeenya jara lamaa jidduu kufaatii gaa'ilaatiif rakkina cimaa ta'uu dubbata Obbo Indaalki.

Gaa'ilaan dura of-hubachuu

Waggoota 10'n darban namoota gorsaa turtetti wanti hubatte guddaan, kan gaa'ila haalaan qajeelchu ilaalcha jarreen lamaan ofii isaanitiif qabaniidha jetti Aadde Tigist.

Jalqaba gaa'ilaatti dhiirris ta'e dubartiin amala maleekaa (ergamaa) fakkaatu agarsiisu. Rakkoon garuu umamuu kan eegalu booda keessa jedhu.

''Jaalalli jalqabaa qorree waliin jiraachuu wayita eegalan amalli dhugaa jara lachuu bahuu eegala'' jetti.

Jarri lamaanu of ilaaludhaan hanqina qaban irratti dhoksaa tokko malee waliin mari'achuun gaa'ilaaf murteessaadha jetti.

Kana malees, dhimma gaa'ilaarratti oggeessonni gorsa kennan baay'een jiraachuu dhabuun akka rakkinaatti kaafti.

Adde Ababaan maaloo qaamooleen gorsa kennan osoo jiraatanii jechuu yaadanii akka beekan BBC'tti himaniiru.

Namoonni gara gaa'ilaa osoo hin deemiin dura waa'ee maatii uummachu barbaadanii, kaayyoo maatii isaanii, dudhaafi dhimmoota kana fakkaatan irratti qaamni gorsa kennu dhabamuunsaa, namoonni duchaadhumatti gaa'ila dhaabbatan hedduun rakkina booda isaan mudatu qofaadhuma saanii hiikuuf saaxilamu jedhu oggeessoonni kunneen.

''Gaa'illi beekumsaan gaggeeffama,'' kan jedhu Indaalki, maalummaa gaa'ilaa, attamiin akka gaggeefamuu qabaatufi garaa garummaa uumama dhiiraafi dubartootaa irratti hubannoon bu'uraa barbaachisaa ta'u dubbata.

Beekumsichi eessaa argama?

Addee Ababaan attamiin gaa'ila gaarii gaggeeffachu akka danda'an hubachuuf namoota umuriin isaan dura turan irraa iyyaafataa akka turan dubbatu.

Dhaabbilee hawaasummaa, beekumsa aadaa naannoo ofii, gorsa abbootii amantaa fayyaadamuun alattis ogeessonni gorsa gaa'ilaa kennuun leenji'aan bira dhaquun hanga ta'ee gaa'ilaan jiraachuuf ni gargaara jedhu.

Gaa'ila jechuun mana tokko keessa waliin jiraachu, ijoollee waliin godhachuun olii jedhu ogeessonni.

Dursanii dhugaa eenyummaa ofii hubachuun gaa'ilaaf murteessaadha jedhu.

Fakkeenyaaf, dhiira osoo rakkinni mudate ofiisaatiin hiikuuf yaali taasisa. Dubartoonni garuu battalumatti nama naannoosaanii jiruutti himuun akka hikkatuuf yaalu.

Garaa garummaa akkasi baruun mataansaa rakkina gaa'ila keessatti mudatu hiikuuf murteessaadha jedha Indaalki.

Jarri lamaanu wayita haala umamasaanii kanarratti wal hubatan rakkina isaan mudatu hiikuuf hin rakkatan.

Kun ta'u yoo baatee waliin ooduufi waliitti mataa baachuutu umama jedha.

Hubannoowwan kunneenis dubbisuudhaan, gorsa ogeessaa barbaachaan ykn karaa adda addaatiin kan argamu ta'u himu.

Rakkoolee gaa'ilaa

Wal amanu dhabu jara lamaanii, walii galte dhabu, maatiin gaa'ila jidduu galuu, ilaalchi ofii qaban hir'achu, quunnamtii saalaa irratti walii galu dhabu kanneen dursaan eeramaniidha jetti Tigisti.

Gaa'ila keeessatti ilaalchi namoonni tokko tokko ofiisaaniif ''ani beekaadha'' kan jedhu yoo ta'u, kuun ammoo ani ''homaa hin beeku'' jechuun ofitti amanummaa isaanii kan rakkina qabuudha jetti.

Inni homaa hinbeeku ofiin jedhu 'hin jaalatamu' jedhee waan yaaduuf nama gaa'ilaan waliin jiraatu hin dhagahu.

Tibba gorsa kennaa turtettis namoonni kanan ani jedhe qofti ta'u qaba jedhan akka ishee mudatan himti Tigisti. Kun ammoo fudhatama hin qabu jette.

Isaan ani hin jaalatamu jedhanii yaadanis, yaada nama kaaniin dhiyaatu akka waan miidhaatti kan ilaalan ta'u himti.

Kanaafuu ilaalcha jarren lamaa ofii isaanitiif qaban hubachuun barbaachisaa akka ta'e gorsiti.

Namoonni ofiisaaniif ilaalcha gadi aanaa qaban yeroo baay'ee kan aaran, sagalee olaanaan kan dubbataniif dafanii deebii kennuuf kan muddamaniidha.

Ammalli akkanaa kunis nama gaa'ilaan waliin jiraatanif rakkina akka ta'e dubbatti.

Ilillii mallattoo jaalalaa keessaa akka tokkootti ilaalamu

Madda suuraa, Getty Images

Rakkooleen gaa'ila keessatti mudatan hundi hiikaa ni qabaatu kan jedhu Indaalki, gaa'ila hiikuuf ariifachuurra rakkoolee umamaniif fala barbaachuun murteessaadha jedhu.

Ofiin hiikun bakka hin danda'amnetti ammoo nama sadaffaa barbaachuun gaariidha jechuun gorsu.

Haa ta'u malee jaalala gaa'ila keessaa akka maallaqa bara rakkootiif kaa'ameetti ilaaluun barbaachisaadha jedhu oggeessoonni kunneen.

Namoonni tolaafi badaa waliin danda'anii kan waliin jiraatan sababii jaalalli jireenya keessa kuufatan jiruufi jedhu.

Wayita waliitti bu'iinsi mudatuttis wal jajjabeessuufi jaalala wali qaban waliif ibsuun gaa'ila cimsa jedhu.

Namoonni gaa'ila keessatti walitti bu'uun jaarsummaa wayita taa'an jalqaba kan dhagahamu walitti bu'insichi kaleessa kan eegale akka hin taaneedha.

Wal dhabdee waggootaan dura eegalameetu waljalaan hunde gadi faggeefate ifatti bahuun jaarsummaaf isaan saaxilu dubbatti Tigisti.

Abbaafi haati warraa uffanaa malee wal bira dhaabbatan illeen akka wal hin sodaanne hunda, miiraanis akkasuma waliin ifa ta'un barbaachisaadha jetti.

Kana jechuunis iccitiin qofaatti qabatamu gaa'ila keessa jiraachu akka hin qabaanne gorsiti.

Haa ta'u malee ammoo waliif ifa ta'uun kunis adeemsa keessa kan argamu ta'un hubatamu qabas jetti.

Keessattu yeroo tokko miirriifi walitti dhiheenyi tokkon isaanii gaa'ila caalaa maatii isaaniif qaban walitti bu'insaafi diigamu gaa'ilaatiif madda ta'e mul'atas jetti Tigisiti.

Kanafuu firootaaf iddoon kennamu kan gaa'ilaan booda taasisuun walitti dhufeenya fayya qabeessa qabaachuuf ni gargaara jetti.

Waa'ee gaa'ilaarratti gorsa kan gaafannu yoom?

Dargaggoonni umurii ijoollummaan waa'ee gaa'ilaa osoo baratanii caalaa gaa'ila gaarii jiraachuf ni garggaara jetti.

Osoo gara gaa'ilaati hin galamiin dura hubannoo gaarii argachuun jireenya gammachu boru jiraatamuuf bu'ura kaa'as jetti.

Yeroo tokko tokkoos haadhooliin ijoollee guddisuun yeroo dheeraa mana keessatti dabarsan amma nan baradha yoo jedhan madda walitti bu'insaa yoo ta'u dhagahama jedhu.

Kunis jalqabuma ifatti mari'achu dhabuun kan maddu akka ta'e himu oggeessoonni kunneen.

Namoonni erga gaa'ila dhaabbatanii boodas amalaafi ilaalcha isaanii geeddaru hin barbaadne, kan hin geeddarres, duudhaa mataasaniin alatti kan hin gammannee ni jiru.

Namoonni akkasii erga gaa'ila keessa galanii booda gocha nama waliin jiraatan gaddisiisu raawwachuun itti fufu jetti Tigist. Kunis ga'ilicha balaarra buusu mala jetti.

Ga'illi fayyaaf ni tajaajila

Madda suuraa, Getty Images

"Haala aadda fi duudhaan keessatti guddadhee haadha warraa/abbaa warraa kiyyatti ifatti himuu dadhabuun ofi walaaluudha. Osoo sirriitti eenyummaa mataa keenyaa hin bariin nama biraa jireenya keenya keessa galchuun walitti bu'insaaf madda ta'a,'' jetti.

Mul'ata waloo haadha warraafi abbaa warraa

Namoonni baay'een gammachuu erga gaa'ila dhaabbatanii jireenya eegalaniin booda, keessattu wayita ijoolleefi qabeenyi argamu jaalala waliif qaban waliif ibsuun qabannaa'aa adeemuu dubbatti Tigisti.

Kanaafis falli waloo jiraachu qabaatas jetti. Namni tokko dura qofaasaa akkuma jiraataa ture amma gaa'ila keessa wayita galuutti abjuu jireenya, mul'ataa fi kaayyoo waloo qabaachuun murteessaadha jetti.

''Baay'een namootaa garuu kaayyoon isaanii mana ijaaru yoo ta'e manicha ni ijaaru, garuu miirasaanii hin ijaaran."

"Kaayyoon waloo konkolaataa bitachu yoo ta'es konkolaataa bitu malee maatiisaanii irratti hin hojjatan,'' jetti.

Maatii ijaarratan attamiin gama miiraa, gama dinagdee fi hawaasa waliin jiraatan waliin wal simsiisuun akka itti jiraatan yoo karoorsan malee rakkoon mudachuun hin olu jetti.

Kana malees waliin ta'uun attamiin ijoolleesaanii akka guddifatan fi attamiin waliin akka ijaaran irratti yoo hojjatan, ijaarsi manaafi kan alaa qofti gaa'ilicha miila lamaan akka dhaabbatuuf hin gagraaru jetti.

Maatiiwwan ijoollee godhatanii, mana ijaarratanii, qabeenyaa horatan garuu gammachu malee waliin jiraatan akka beektu kan dubbattu Tigisti, kunis jarri kun bara isaanii hunda ijaarsa qabeenyaa malee ijaarsa jaalala jiddusaaniif yeroos ta'e qabeenyaa akka itti hin baasiin kan mullisuudha.

Kanaafuu ijaarsi jaalala abbaa warraafi haadha warraa jiddu akkuma qabeenyaa biraa xiyyeeffannaa olaan kan barbaadudha jetti.