'Gaa'ila diiguun furdina garmaleef daa'imman saaxilu danda'a' jedhu qo'attoonni

Child eats chips

Madda suuraa, Getty Images

Ijoolleen haati fi abbaan isaanii gargaar bahan kanneen haatii fi abbaan isaanii waliin jiraatan irra carraa furdachuu qabu jedha qorannoon.

Yeroo hedduu furdinni qaamaa kun ijoollee maatiin isaanii gargar bahanii kun osoo isaan ganna jaha hin guutiin dura uumama jedha qorannoon.

Qorattoonni yuunivarsiitii Landan muummee Ikonomiksii fi Saayiinsii Siyaasaa daa'imman bara 2000 fi 2002 gidduutti dhalatan 7,574 ta'an irratti qorannoo gaggeessan.

Waraqaan qorannicha akka agarsiisutti,daa'imman kunneen sababa dinagdee fi diinagdeen alaatiin furdina qaamaatiif saaxilamu jedha.

Isaaniis:-

  • Mana garagaraa keessatti Kudaraa fi fuduraa bituuf maallaqaa xiqqaatu baha
  • Maatiin ijoollee guddisuuf jecha sa'aatii dheeraa hojiitti waan dabarsaniif sa'aatii ijoollee isaaniif nyaata madalamaa qopheessaniif hin argatan
  • Maatii sochiiwwaan akka ispoortiitiif maallaqa murta'aa qofa kan baasan
  • Maatii ijoollee isaanii waliin nyaachuuf humna fi yeroo hin qabaatan
  • Rakkoon fedhii maatii akka ijoollee nyaata baay'isanii gartuu nyaataa kaarbohayidireetii fi nyaata cooma qabu akka hedduminaan nyaatan taasisa

Qorannoon kun daa'imman UK jalqaba barkumee keessatti dhalatan irratti qo'atame.

Qorannoon kun daa'imman ji'a sagali, waggaa sadii, torba, 11 fi 14 ta'an irratti qo'atame.

'Dhiibaa yeroo dheeraa'

Ijoollee qorannoon irratti gaggeeffame 1,573 yookiin daa'imman shan keessaa tokko kan haati fi abbaan isaanii yeroo isaan ganna 11 ta'anitti gargar bahaniidha.

Qorannichi furdina qaamaa isaanii qofa osoo hin taane ulfaatina fi dheerina. Umurii akkasumas, saalaa irratti hundaa'uun qorannoo kana geggeessan.

Bu'aan qorannicha akka agarsiisutti ijoolleen maatiin isaanii gargar bahan kan maatiin isaanii waliin jiraatan waliin bira qabamee yoo ilaalamu ,turtii wal fakkaata keessatti ijoolleen maatiin isaanii gargar bahan ji'oota 24 duraa keessatti furdinni qaamaasaanii dabale.

Akkasumas ijoolleen maatiin isaanii gargar bahan turtii ji'oota 36 keessatti carraa furdina gar maleef saxilamuusaanii guddaa ta'uu qorannoon kun ni mul'isa.

Qorannichi "adda bahiinsi maatii miidhaa yeroo dheeraa" sababa guddaa akka ta'e waraqaan qorannoo kun ni agrsiisa.

Qorattoonni akka jedhanitti ,furdina garmalee kana to'achuuf maatiin akkuma gargar bahaniin irratti hojjatamuu qaba jedhu.

"Yeroodhaan osoo irratti hojjatamee hambisuun yookiin to'achuun ni danda'ama. Kunis akka ijoolleen furdina garmaleef hin saaxilamne godha " jedhu.

Qorannichi maatii ijoollee godhatanii gargar bahan irratti malee, maatii booda isaan guddisaan gargar bahan irratti miti kan gaggeeffame.

Qorattoonni rakkoolee hawaas-diinagdeerrattis qorannoo taasisaaniiru.