Misirroo kaadhimaan guyyaa cidhaa dursee jalaa du'e sirna cidhaa raawwatte

Madda suuraa, MANDI KNEEP/LOVING LIFE PHOTOGRAPHY
Maqaan isaa Keendaal Merfii jedhama. Hojii tola ooltummaan ittisa balaa ibiddaa keessa hojjeta ture.
Guyyaa tokko osoo gara hojii isaatti deemaa wayita jiru namni dhugee machaa'uun konkolaachisaa ture tokko itti buusee nama kana ajjeese.
Du'a balaa tasaa Merfii kana kan addaafi garaa nama hammeessu taasise kaadhimaa isaa fuudhuuf qophiitti jiru Jeesikaa dhiisee du'uu isaati.
Jeesikaadhaaf qubeelaa godheefii, veelloo/wandaboo mushirraa kireesseefii, guyyaan cidhaallee qabamee, nama suura kaasuufillee qarshiin kaffalamee Limuuziiniin/konkolaataan cidhaa kireeffamee wayita jirutti ta'uu isaati.

Madda suuraa, LOVING LIFE PHOTOGRAPHY
Shamrreen ganna 25 Jeesikaan gaddaan hedduu cabdeetti. Akka jedhamuttis yoo ta'e jalalli isaanii ajaa'iba ture.
Naannoo tokko keessatti yoo guddatanillee kan walbaran garuu wayita kollejjii jiranittidha.
Lamaan isaaniiyyu deggertoota kubbaa miilaa Ameerikaa beekamoodha.
Guyyaa tokko taphni osoo hin jalqabiin dura Istaadiyeemii Nooterdaam dirree walakkaatti jilbeeffatee gaaffii "natti heerumtaa" Jeesikaatiif dhiyeesse.
Jeesikaan gammachuurraa kan ka'e ni boosse.

Madda suuraa, JESSICA PADGETT
Isaan booda guyyaa cidha isaaniitiif qophii jalqaban. Osoo kana keessa jiranii ture kan balaan konolaataa tasaa Keendaaliin karaatti hambise.
Jeesikaan waa'ee gaarumma isaa dubbattee hin quuftu. "Nama jaalalaa addaa, kan baayyee namaaf gaddu, nama ajaa'ibaa ture," jechuun imimmaaniin ibsiti.
Osoo gaddi cimaan irra ga'e kun keessaa hin ba'iin guyyaan cidha isaanii ga'e. Guyyaa sana silaa walfuudhuuf turan.
Jeesikaan guyyaa kana imimmaan qofaan boo'aa ooluu hin barbaanne. Qophiin cidha sanaa akka itti fufu murteessite.
Miinjonni/waaheloonni ishee "maraatteettaa?" ittiin jedhan. Isheen garuu isaaniin dhaga'uu hin barbaanne. Waanti tokkollee osoo hin hir'atiin qophiin cidha sanaa itti fufe.
Fulbaana 29 veelloo ishee uffattee, miimmiidhagdee achii as baate.
Ogeessi suura kaasusi gamaafi gamanaan misirroo kana suura kaasuu isaa itti fufe.
Namoonnis waan ajaa'ibaa kana arguudhaaf ta'uus danda'a ykn isheen akka hin mufannee/hin gaddineefis ta'uu danda'a hedduun argamaniiru.
Akkuma veellootiin faayamteen kaatee gara warra cidhaaf dhufaniitti gara galtee achumaan waltajjiitti ol baate.
Kaadhimaa ishee lubbuun of biraa dhabdeef jaalala qabdu dubbatte. Naamoonnis ka'anii waa'ee kaadhimaashee sanaa kan nama gaggamachiisan dubbatanii takka koolfaa takka ammoo boo'aa yeroo dabarsan.
Kan dhiichisuu barbaades ni dhiichise, kan nyaachuu barbaadus nyaatee kan dhuguu barbaadus dhuge.
Jeesikaanis abbaa ishee waliin dhiichisa 'Waalz' dhiichifte.

Madda suuraa, MANDI KNEPP/LOVING LIFE PHOTOGRAPHY
Maaliif akka kana goote yeroo gaafatamtee, " Yoomiyyu abbaan manaa koo du'aa ni ka'a jedhee miti. Jabina koo ofii kootti akkasumattis namoota birootti agarsiisuudhaaf, jaalalli isaas kan yeroo hundaa jiraatu ta'uu isaa agarsiisuudhaaf" jette.
Cidha kana raawwachuun ishees gadda ishee akka salphiseefillee ni dubbatti.
Namoonni waajira ittisa balaa ibiddaa keessa hojjetan hunduu cidha kanarratti argamaniiru.
Ogeessi suura kaasus nama ishee waliin suura ka'u barbaacha hedduu dhama'e. Kophee kaadhimaa ishee du'ee ishee cinaa kaa'ee suura kaase.
Jeesikaan awwaala kaadhimaa isheerrattis suura kaate. Suurri sun kan dhuufaan ishee qophaa akka ta'u barbaaddee turte garuu namoonni interneetiirratti yeroo walharkaa fuudhan guutummaa addunyaa fudhate.
Namoonni hedduunis bilbilaaan ishee arguu jalqaban. Namoonni seenaa kanaan miirri isaanii tuqames boo'aa ishee jajjabeessan.
Namoota kana godhan keessaas namoonni seenaa walfakkatu qaban ni jiru.

Madda suuraa, MANDI KNEPP/LOVING LIFE PHOTOGRAPHY
"Suurawwan isaa yeroon ilaalutti kaadhimaan koo ana cinaa dhaabatee kokkolfaa fuula gammachuudhaafi jaalalaan kan na ilaalu natti fakkaata," jetti Jeesikaan.












