Waa'ee dhaabbata namoota baduu barbaadan 'akka hurkaatti balleessuun' gargaaru beektuu?

Kaampaanii namoota baduu barbaadan gargaaru

Waggaa dhufee darbu namoonni jireenya, hojii, manaafi maatii isaanii dhiisuun sababii gara garaatiif 'baduu barbaadan' ni jiru. Biyya Jaappaan keessatti dhaabbanni namoota fedhii akkasii qaban akka ''Miila Bakar Waareetti' hinargamneetti akka dhabaman gargaaru jira.

Barreeffamni kuni viidiyoo BBC Reel hojjateerratti hundaa'uun kan barraa'ee yoo ta'u, walta'insa BBC World fi Institiyuutii Sundaas waliin kan qindaa'eedha.

Addunyaa guutuu US hanga Jarmaniitti, achinis hanga UKtti namoonni tokko tokko akka eessa buteensaanii hinbeekamneetti baduu barbaadu.

Jarreen kunneenis osuma waa'ee jireenyasaanii duraa deebiisanii hin millannee alkaniin bahanii baduun jireenya haaraa lammaffaa eegaluu barbaadu.

Jaappaan keessatti yeroo tokko tokko akka 'jiuhatsu' ilaalamu. Kunis jecha Jaappaan hurka akka jechuuti. Haa ta'u malee namoota kaayyoo isaanitiif jecha badanii eessa buutee isaanii dhokfachuun baroota dheeraafi ykn jaarraadhaaf jiraatan jechuudha.

''Walitti dhufeenya namootaatiin abdiin kutadhe. Achinis boorsaa xiqqoo barbaadeen bade,'' jedha gaheessi waggaa 42 Sugimoto kan odeessa kanaaf maqaa maatii isaatiin waamamu tokko.

''Akkuma baqachuu ture haalli kiyya.''

Akka inni jedhuutti mandara isaa keessatti namoonni hedduun isa beeku. Sababiinsaas matiinsaa daldaltoota waan ta'aniifiidha.

Maatiin isaas akka inni daldala sana itti fufuu barbaadun ture. Inni garuu hojii sana hojjachuutti waan hin gammadneef magaalattii keessaa badee bahuun, osoo eessa akka deemu eenyuttu hinhimiin bade.

Sababoonni akka 'hurkaa' akka badaniif namoota kakaasan garaa gara ta'uu mala. Haa ta'u malee namoonni akkasii kunis baduuf gargaarsa argachuuf gara dhaabbata deeggarsa kennuu deemu.

Adeemsi kunis tajaajila ''sochii alkanii'' (night move) jedhamuun beekama - sababii iccitummaa namoonni bakka buuteesaanii dhokfachuun raawwataniitiif.

Dhaabbileen kunneenis namoota maatii isaanii jalaa baduun baka buuseesaanii dhokfachu barbaadaniif bakka icciitii turan qopheessuun gargaaruun.

''Sababiin namoonni kunneen itti of balleessaniif waan gaariidhaaf jedhamee yaadama, akkuma nama yunivarsitii galuu, hojii haaraa argatuu ykn heeruumutti.

Garuu ammoo adeemsa gaddisiisaas qaba. Fakkeenyaaf, barnoota yunivarsitii adda kutuun, hojii dhaabuu fi maatiifi firoota jalaa baqachuu fa'i kallattii gadisiisaadha,'' jedha Sho Haatoriihundeessaan dhaabbata namoota alkaniin badan gargaaruu.

Dhaabbanni kunis tibba dinagdeen Jaappaan oomicha baasee bara 90n keessa hundeeffamu dubbata. Jalqabaratti rakkina maallaqaa qofatuu namoonni akka badan taasisa jedhee yaadaa ture. Booda garuu sababiiwwan 'hawaasummaas' jiraachu bare.

''Wanti nuti raawwannu namoonni jireenyasaanii lammaffaa akka eegalaniif gargaarra,'' jedha.

Oggeessii xin-sammii Hiroki Naakaamorii waa'ee duukaa ofii balleessuun baduu kanarratti waggoota kudhanii oliif qorannoo gaggeessan. Jalqaba jechu ''urkaa'' ta'u jedhu kun waggoota 60 dura namoota baduuf murteessan ibsuuf fayyadamaa turan.

Biyya Jaappaan keessatti ammi gaa'ila hiikuu duras ammas baayyee gadaanaadha. Kanaafu namoonni muraasni abbaa warra ykn haadha warraan wal hiikuuf adeemsa sana keessa darbuurra bahii baduun salphaa akka ta'etti ilaaluu murteessu.

''Jaappaan keessatti, 'urkatti geedaramuun' baayyee salphaadha,'' jedha Naakaamori. Mirgi kophummaa cimsee kan eegameedha. Kanaafuu namoota balleessuuf maallaqasaanii ATM irraa baasuun akka maatiin, ykn firoonni nama baqatu sana viidiyoon hinagarree gochu qofaadha.

"Sababiin gara biraa kan akka yakkaa ykn balaa yoo jiraate malee poolisiin jidduu hingalu. Maatiin gochu kan danda'u tarii dhunfaan hordoofuuf maallaqa olaanaa kanfalu qofaadha. Ykn taa'anii eeguu qfaadha. Kanuma gochu danda'u.''

'Baayyee nahee ture'

Namoota jaalalleensaanii dhiisee biraa baqateefi barbaachan dadhabuuf gara 'urkaatti' geedaramuun fudhatamaa hinta'u.

''Baayyeen nahee ture'' jetti dubartiin ammaaf maqaan adda akka bahu hinbarbaane tokko. Ilmishee kan waggaa 22 bakka buteensaa dhabame. Ergasiin boodas ishee qunnammee hinbeeku.

''Erga yeroo lamaaf hojii dhaabeen booda ni kufe. Kufaatii isaatti gaddu danda'a.'' Isheenis konkolaataadhaan bakka inni jiraataa ture deemtee barbaadde. Guyyoota muraasaafis konkolaataa keessa tessee eegaa turte tarii yoo dhufe jette. Inni garuu gonkumaa hinmullanne.

Poolisoonni akka ishee hingargaarre dubbatti. Tarii dhimmichi kan akka of ajjeesuu shakamee qofaa akka keessatti hirmaatan itti himu dubbatti. Kanneen yakka raawwatanis ta'e, kaan biroo sababii mirga eegumsa kophummaatiin wal qixxuma ilaalamu. Kun maal? Maatiin ilmoo ofii barbaachuu hindanda'anii?'' jetti.

''Seera ammaatiin maallaqaan alatti wantin gochu danda'u, reeffa kan ilma kiyyaa ta'u adda baasuu qofaadha. Ammatti kan na hafe isa qofaadaha.''

Isa 'hurkatti' geeddarame

Namoota gara urkaatti geedaraman mataa isaanitiifu, erga jireenya isaanii dhiisuun badanii booda miirri gaddaa fi gaabbii yeroo dheeraaf isaan rakkisa.

''Walitti fufiinsaan akkan balleessaa raawwadhetu natti dhagaham ture,'' jedha Sugimoto daldalaan haadha warraa saafi ijoollee isaa ollaa xiqqoo biyyatti keessatti dhiisuun badee ture.

''Ijoollee kiyya waggoota dheeraaf arge hinbeeku. Akkan imala hojii deemuun itti himee ture.'' Gaabbiin isaa inni guddaan isaan dhiisee deemuusaati.

Sugimoton ammaan tana mana jireenyaa bulchiinsa Tokiyoo keessa jiraataa jira. Gaafa alkan badeetti dhaabbata isa gargaaree irraa dubartii Saitaa jedhamtutu mana kana isaaf qopheessuun gargaare.

Dubartiittiin mataanshee kan 'urkatti' geeddaramteedha. Isheenis waggoota 17 dura firaafi maatii jalaa badde. Erga abbaan warraa ishee ''reebicha irratti raawwate'' booda akka badde dubbatti. ''Ammayyu ani nama badeedha,'' jetti.

''Maamiltoota gosa hedduutiin qaba. Miidhaa mana keessaa cimaa jalaa kan baqatan jiru, kaan ammoo ilaalchaafi fedhii dhuunfaa. Eenyuttuu hin murteessu. Gonkumaa 'dhimmi kee gahaa miti' jedhee hinbeeku. Hundumtuu bu'aa bahii mataasaa qaba.''

Namoota akka Sugimototiif dhaabbanni ishee akka bu'aa bahii sana mo'atuuf gargaareera. Haa ta'u malee, inni eessa buuteesaa balleessuulleen jireenyi isaa ganamaa isa biraa hafa jechu miti.

''Mucaa kiyya jalqabaa qofaatu dhugaa beeka. Innis amma kan waggaa 13ti,'' jedha. ''Jechiin ani hindaganne, 'Wanti abbaa koo filate jireenya isaati, fi Ani geedaruu hindandanda'u' kan jedhan. Anna caalaa kan lafa bule fakkaata. Mitiree?'' jedha waa'ee ijoollee isaa yaadachuun.