Dargaggoonni gaa'ila dura quunnamtii saalaa akka hin raawwanne dhorkuun sirriidhaa?

Suuraa shamarree fi dargaggeessaa

Motummaan Biraazil shamarran gaa'ila dura ulfaa'uu hirrisuuf jecha dargaggoonni quunnamtii saalaa jireenya gaa'ilaa isaanii qofaa keessatti akka raawwatan gaafatee jira.

Sagantaan dargaggoonni quunnamtii saalaa raawwachuu irraa akka of qusataniif xiyyeeffate kunis oggeessoota fayyaatiin baayyee qeeqameera.

Garuu dubartii duree amantaa wangeelaa, Ministira Mirgoota Maatiifi Namoonaa biyyattii kan taatee Daamaares Alve baayyee jajabeessaniiru yaada kana.

Alvees kan pirezidaantii biyyattii Jaa'ir Bolsonaaro, amanaa wangeelaa ta'een deegaramtuu kunis, ajandaa amantaa hawaasa bal'aa irratti fedhuuf yaalaa jirti jedhamuun himatamaa jirti.

Bara darbe BBC Biraaziliitti akk himteetti, ''Duula baayyee cimaa quunamtiin saalaa gammachuuf qofaaf jedhu argaa jirra,'' jettee jirti.

Kanaaf deebii kennuufis shamarran xixiqoon akka garaatti hin baanne ittisuuf ''malli baayyee bu'a qabeessa ta'e'' kondomii miti jetti. Akka dubartii kanaatti, maloonni karoora maatii gara biraas miti, garuu shamarraniis ta'e dargaggoonni waliin quunnamtii saalaa irraa akak of qusatan gochuudha.

'Hundaa yeroo gaariitti'

Brazilian Minister of Human Rights and Family, Damares Alves, speaks during the launch of the campaign on 3 Feb 2020

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, "Duula baayyee cimaa quunamtiin saalaa gammachuuf qofaaf jedhu argaa jirra," jetti Alvees

Akka lakkoofsa motummaa irra argameetti, bara 2000 fi 2017 jiduutti garaatti baachuun shamarranii %36 hirratera. Haa ta'u malees, biyyoota Laatiin Ameerikaa keessatti hanga hirisuun hindanda'amneen baayyataa jira.

Shamarran hin herumiin umuriin isaanii waggaa 15 hanga 19 jidduutti argaman 100,000 keessaa %62 garaatti baatu. Kunis akka gabaasa UN'tti sadarkaa addunyaatti %44 irratti argama.

Garaatti baachuun shamarran hinherumiini inni olaanaan akka sadarkaa addunyaatti Lixa fi Jiddugala Afriikaatti argama.

Dhaadannoon duula biyyattii kan motummaan fudhatamees ''Hundu yeroo gaariitt'' kan jedhudha. Midiyaalee hawaasaa irrattis 'hashtag #TudoTemSeuTempo' jechuun qoodamaa jira.

Alvees kaayyoon isaas, ulfaa'uu shamarranii fi dhukkuboota quunnamtii saalaatiin daddarban ilaalchisee ''waan haaraa tokko yaaluuf'' jedha.

Akkasumas ''marii keessatti jaalala uumuun'' dargaggoofi shamarran osoo quunnamtii saalaa hinraawwatiin dura akka yaadatan jajabeessuuf jetti.

Motummaanis eenyuma irratti quunamtii saalaa akka hinraawwanneef dhorkaa kaa'uf miti, gara dhimmicha marii 'naamusaa' taasisuuf malee jedheera.

Garuu, pirezidaanti Bolsonaaroon duraan maatiin fuula kitaaba Ministeera Barnootaa kan sirna wal hormaata dubartii agarsiisuu fi attamiin kondomii fayyadamu akka qaban barbsiisu keessaa akka kutaniif itti himanii turan.

'Kan hin hojjannedha'

Dubartii ulfaa baaydiyaa Biraazil keessatti qorannoo fayyaa argataa jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Dubartii ulfaa baaydiyaa Biraazil keessatti qorannoo fayyaa argataa jirtu

garuu ammoo adeemsichi oggeessoota fayaatiin baayyee qeeqameera. Kanaafis duulli akkasii kun hojiirra oolusaatiif ragaan saayinsaawaan hinjiru jedhu.

Waldaan Wallaansa Daa'imaan Biraazil ibsa baaseen, ''karaan saayinsiin ulfa shamarranii hirisuuf mirkanaa'ee kan qofaa barnoota quunnamtii saalaa gahaafi tajaajilawwan fayyaa akka argatan taasisuun'' jedha.

Akka Dhaabbata fayyaa Addunyaatti, barnoonni quunnamtii baayyina saalaa mana barnotaafi mana barnootaan alatti argamu ''gochawwan quunnamtii saalaa, amaloota balaa fudhannaa quunnamtii saalaa fi dhukkuboota quunnamtii saalaan dadarbanii/HIV hindabalu.''

Akka inni jedheettis,: ''Sagantaaleen guttummaatti quunnamtiin saalaa akka dhaabbatuu gaafatan kaka'umsaa quunnamtii saaalaa tursiisuuf, ammantaa quunnamtii saalaa hir'isuuf ykn baayyina hiriyaa quunnamtii saalaa hirisuuf bu'aa qabessa miti.''

''Sagantaaleen xiyyeeffannaa gochi quunnamtii tursiisuu, qabiyyaa kondomii ykn fayyadama malawwan qusannaa maatii hammatan bu'aa qabeeyyiidha.''

Saambiyaa Boomfim rogeessttiin mirga dubartootaa fi miseensa paarlaamaa mormituu kan taate akka jetteetti, motummaan rakkina dargaggoofi shamarranii murtee isaanitiin hir'isuuf yaalaa jira.

"Biyyaa irra jireessi miidhamtoota gudeeddii kanneen umuriin waggaa 13 gatii keessatti, dhugaa shamarran lakkii jechuuf walabumaa qabuu? jechuun tiwitara irratti barreessite jirti.

Dadammaqsuu Kiristaanaa

Kondomii

Madda suuraa, Getty Images

Bara darbee ammoo waajirri Alvees seminaara ulfa shamarranii irrati biyyattii keessatti qophaa'een, gareewwan idil addunyaa irra kan haasaa taasisan hammatee quunnamtii saalaa irraa of qusannaa jajabeessaniiru.

Garuu qeeqxooni muxannoo biyya Ameerikaa eeruun sagantaalee quunamtii saalaa irraa of qusachu ulfaa'u shamarranii kan hindhorkine ykn dhukkuba karaa quunnamtii saalaatiin darba kan hin hirriifneture. Kanaafu Biraazil keessatti hojjachu hindanda'u jedhu.

Dhaabbanni UNFPA akka jedheetti, umurii ijollummaatti garaatti baachuun kan dhabiinsa barnootaa, oddeeffaanno ykn kunuunsa fayyaa irraa maddudha. Shamarrani umurii daa'imummaatti garaatti baachu isaaniif balaaleeffachuun kan hinbarbaachifne dha jedheeras.

"Ulfaa'uun gaheessummaa waan itti yaadanii filatan miti. Yeroo baayyes shamarran kunneen waantoota isaan irrati miidhaa qabaatan irratti murteessuuf gaheensaanii baayyee gadaanaadha.''