'Asics' fiilmii quunnamtii saalaa iskiriiniisaarratti agarsiifameef dhiifame gaafate

Madda suuraa, Google Maps
Kaampaaniin meeshaa isportii dhiyeessuun beekamu 'Asics' iskiriinii guddaa suuqiisaa fuuldura jiru irraatti qaama biraatii fiilmii saalqunnamtii (porn) sa'aatiiwwan muraasaaf agarsiifamuaatiif dhiifama gaafate.
Kaampaaniin kun fiilmiicha kan agarsiise suuqii isaa baayyee gudaa ta'e kan magaalaa Akkuulaan Niiwuu Ziilaan keessatti argamu fuula duratti yoo ta'u, saatii torbaaf agarsiifameera jedhame.
Fiilmiin kun iskiriinii beeksisaa balbala suuqichaarra jiruufi addabaabaayiitti agarsiisurratti hanga saatiin afurii hanga hojjetoonni galanii balleessanitti agarsiifamaa ture.
Kaampaaniin meeshaa ispoortii warra Jaappaan ta'e kun akka jedhetti, warreen sirna intarneetii hatanii/cabsaniin 'password' hatuun filmicha isikriinii kanarratti agarsiifame jedheera.
"Nuti amma nama kamiyyu kana arge dhiifama gaafanna," jedhe dhaabbatichi.
'Asics' ergaa fuula Feesbuukiirratti akka maxxanseen akkas jedhe: "Namni hin beekamne iskiriiniiwwan keenya kan bakka kuusaa Akkilaandii keessa jiru cabsee seenuun fiilmii wantota fokkuu ta'e kana agarsiisaniiru."
"Yeroo ammaa wanti akka kanaa akka deebiyee hin mudanneef maamiltoota sooftiwariifi meeshaa nageenyaa toora interneetaa nuuf dhiyeessan waliin hojjechaa jirra," jedha ergaan isaan barreessan.
Akka gaazexaa 'New Zealand Herald', gabaasetti fiilmiin saal-qunnamtii gadi dhiisii (porn) kun hanga hojjetaan waajirichaa seenaa irraa kaasutti saatii sagaliif addabaabaayitti iskiriinicharratti daawwatame.
Gaazexeen kun waardiyaa Kampaanichaa Dwayne Hinango jedhamu waabefachuun akka jedhetti, "namoonni tokko tokko yeroo fiilmicha argan yoo rifatan, kanneen kaan ammoo dhaabatanii ilaalaa turan."
Gaazexaan 'The Herald' kana malees, dubartii ilma ishee umuriin isaa waggaa torba ta'e waliin osoo darbaa jirtuu ijaan argiterraas iyyaafateera.
"Wantan arge amanuu dadhabeen si'a lamaffaan irra deebi'ee ilaale," jette dubartiin kun.
"Wanti kun sirrii kan hin taaneefi fokkuudha. Wanta ati akka daa'imman argan taasiftu miti."
Qabiyyeen kun hin argamne
irratti dabalatan ilaali FacebookQabiyyeewwan maddawwan alaa irraa ta'aniif BBCn itti gaafatamaa miti.Xumura maxxansa Facebook














