Mormii wiixinee seeraa gaa'ila dura quunnamtii saalaa dhorkurratti

Magaalaa Jakaartaa keessatti namoonni fuuldra paarlaamaa biyyattiitti ba'uun poolisii waliin walitti bu'an

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Magaalaa Jakaartaa keessatti namoonni fuuldra paarlaamaa biyyattiitti ba'uun poolisii waliin walitti bu'an

Lammiileen Indooneezhiyaa magaalaa Jaakartaa seera haaraa wal-quunnamtii saalaa gaa'ila duraa dhorku akkasumas pirezidaantii arrabsuun akka hin danda'amne jedhu morman.

Poolisoonni magaalattiis namoota hiriira ba'an irratti gaazii nama imimmaanessu darbachuun bittimsaniiru.

Wiixinee labsii wal-quunamtii saalaa gaa'ila duraa dhorkuuf ba'e kanarratti mormiin magaalota biyyattii biroo keessattis geggeeffameera.

Wiixineen seeraa kun ulfa baasuus ni dhorka.

Akka wiixinee kanaatti pirezidaantii arrabsuun seeraan ala.

Wiixineen seeraa kun kan silaa paarlaamaatti dhiyaatee ragga'uuf ture yeroof tursiifameera.

Lammiileen biyyattii garuu seerichi osoo nuti hin beekne hojiirra ooluu dand'a jechuun sodaa qabanirraa kan ka'e mormii eegalan.

Wiixineen seeraa kun maal jedha?

Akka wiixinee seeraa haaraa kanaatti namni tokko gaa'ila osoo hin raawwatin yoo wal-quunnamtii saalaa raawwate hidhaa waggaa tokkootiin adabama.

Gaa'ila seeraan osoo hin raawwatin dhiirrii fi shamarreen mana tokko keessa waliin osoo jiraatanii yoo argaman ammoo hidhaa ji'a ja'aatiin adabamu.

Ka biraan ammoo akkaataa seera haaraa kanaan pirezidaantii, Pirezidaantii itti aanaa, amantii, dhaabbilee mootummaa fi mallattoolee biyyaa kan ta'an kanneen akka alaabaa fi faaruu biyyaalessaa arrabsuun yookiin tuffachuun seeraan nama gaafachiisa.

Rakkoon tokko osoo hin jiraatin yookiin ajaja ogeeyyii fayyaa malee ulfa baasuun ammoo hidhaa waggaa afuriitiin nama adabsiisa jedha seerri haaraan kun.

Wiixineen labsii kun silaa guyyaa kaleessaa paarlaama biyyattiitti dhiyaatee ragga'a ture.

Garuu Pirezidaantiin biyyattii Joko Widodo seerichi irra deebiin ilaalamuu qaba jechuun hanga Jimaata dhufuutti akka turu murteessan.

Poolisoonni wayita dhagaadhaan rukutaman deebisanii gaazii imimmanessu namatti darbatu

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Poolisoonni wayita dhagaadhaan rukutaman deebisanii gaazii imimmanessu namatti darbatu