Keenyaan dhaabbati 'Marie Stopes' akka ulfa hin baasne dhowwite

Madda suuraa, Marie Stopes Kenya
Mootummaan Keenyaa Dhaabbati Idil Addunyaa 'Marie Stopes' gocha ulfa baasuu kamirrattuu akka hin hirmaanne akeekkachiise.
Boordiin Ogeeyyii Fayyaa biyyattii qorannoo geggeessaniin dhaabbati kun ulfa baasuu jajjabeessaa jiraachuurratti qeequmsi jiraachuu erga adda baasaniin booda murtee kanarra ga'uu ibsan.
Fayyummaan haadha tokkoo rakkoo hamaa keessa yoo gale malee ulfa baasuun Keenyaa keessatti seeraan ala.
Dhaabbati Marie Stopes kan jedhu garuu ,hojiin irratti bobba'aa ture ulfa baasuun duratti of eggannoo dubartiin tokko gochuu qabdurratti tajaajila gorsaa karaa seera qabeessa ta'een kennaa turuusaati.
Dhaabbati kun karaa garee beeksisaa isaatiin tajaajila ulfa baasuu akka kennu beeksisee ture.
Dhaabbata Mootummaa beeksisa kana mirkaneessee dabarsu kan hoogganan Alferd Mutua tarkaanfiin fudhatame sirrii ta'uu fi ulfa baasuu kan jajjabeessaa ture bulchiinsa Ameerkaa duraaniis komataniiru.
Lammiileen Keenyaa hedduun ulfa baasuun haala kanaan yoo dhowwame dhoksaadhaaf jedhamee bakkaa bakkatti raawwachuu waan danda'uuf lubbuu hedduu galaafachuu mala sodaa jedhu qabu.
Murtee kanaan booda dhaabbati Marie Stopes guyyoota 60 dhufaniif tajaajila kennu hundarratti gabaasa akka dhiyeessu gaafatameera.

Qaamolee dhimma fayyaa hawaasaa hedduurraa komii dhagahuu kan dubbatan hoogganaan Boordii Dhaabbata Beeksisaa Mootummaa Keenyaa Alferd Mutia ''beeksisi Marie Stopes kan hin mirkanoofnee fi sadarkaasaa kan hin eegganneedha . Ulfa baasuun hojii sirrii yeroo hunda raawwatamuu qabu akka ta'etti beeksisan''
''Bulchiinsi Ameerkaa duraanii, warri Dimokiraatis, ilaacha ulfa baasuu deggeruu fi walquunnamtii saalaa, saala walfakkaataa deggeru kan aadaa keenyaan faallaa akka biyya keenya keessatti lafa qabatu hojjetaniiru'' jedhan.
Keenyaan biyyoota Commonwealth jedhaman kanneen walquunnamtii saala walfakkaataa mormuun seera baasan 37 keessaa tokkodha.












